June 06, 2006

Orommoonni nuuf birmadhaa,gumaa keenya nuuf bahaa...

Orommoonni nuuf birmadhaa,gumaa keenya nuuf bahaa...
Saturday, June 3, 2006
(Barattoota Oromoo Yunivarsiti Maqalee irraa)
waxabajjii 03, 2006
Guyyaa kaleessaa jimaata galgala sa'aa 2:00 kaasee ilmaan tigiree barattoota keenya irratti waraana meeshaaf tooftaan qindaa'e nurratti bananii barattoota keenya baayyee gaga'anii jiru. Ka'umsi isaa barataa tigiree tokkotu yunivarsiitii Adaamaatti du'e kana ajjeese ammoo ijoollee orommoti kan jedhu. Barattooni keenya hedduuu buruqanii jiru,kaan caccabanii jiru kan mada'an illee hedduudha. Waraani sa'aa san jalqabe osoo walirraa hin cinne hanga sa'aa 6:00 dirree waraanaa ta'ee ture. Polisiin federaalaa fi waardiyyooni yunivarsiitichaa illee ijoollee keenya reebaa bulan.Barattoota isaanii ijoollee keenyatti gamaa bulan ,yoo guddate hin kadhatuuchi miidhaan isaan irraan gahan tokkollee hin jiru. Barattooni ukkaamsaman ni jiru,kan konkolaataan guuraman illee akka jiranidha. Wanti ta'aa ture haalan beekamuu baatu illee wantichi barattooni jaraa osoo nuti quba hin qabaane maqaa koodii(Goyitoom jedhu) walii laachuun ta'e jedhanii meeshaa adda addaa fi namoota foonaan alaa ol galchuun miidhaaf gaga'ama guddaa geessisiniiru. Qorqalbii barattoota keenyaa keessayyuu kan warra waggaa tokkoffaa miidhaniiru. Polisiif qaamni yunivarsiitichaa illee dhimmi kun akka raawwatu dursanii waan beekan fakkaatu. Akka rakkoon uumamuu eegaleen dhimmichi naannoo barattooni oromoo waggaa tokkoffaa jiraatanitti waan eegaleef barattoonni keenya akka walitti hin birmanne xurree hunda cufanii barattoonni akka walkeessa hin deemneef akka doormiidhaa hin baane dhorkan. Walumaagalatti ijoolleen keenya hedduu miidhamanii jiru. Yeroof gaaga'umsi gahe eenyu irratti akka gahe adda baafadhee beekuu baadhu illee,dhimma jiru mara ofuulduran siniif dhaama. Uummani keenya akka nu baraaru barbaanna! Qabsoon akka finiinee gabrummaa hadhaawaa kana keessaa baanuuf iyyanna! Dirree qabsootti deemnee qabsoo finiinsuu feena,mirgakeenyaaf falmachuu feena! Barattooni Oromoo akka nu qaqqaban iyyaa jirra!
IUOF!!
GGBt!!

Source: http://www.kallacha.8m.com/custom3.html

2 comments:

Anonymous said...

Good day! I simply wish to give a huge thumbs up for the nice information you might have here on this post.
I will be coming back to your blog for extra soon.



my blog post so now is the time for "group" activities!  President Bush assures me I have $600.00 to help stimulate the economy and I should use it!  So I am! The bees actually stopped showing up in my dreams.  It was contaminated water

Anonymous said...

Howdy! Would you mind if I share your blog with my
myspace group? There's a lot of folks that I think would really appreciate your content. Please let me know. Cheers

Feel free to visit my web page - best cellulite treatment