November 22, 2006

Artist Usmaayoo Muussaa du'aan addunyaarraa godaane

Artist Usmaayoo Muussaa Du’aan Addunyaarraa godaane

Artistiin Oromoo beekkamaan Artist Usmaayyoo Muussaa guyyaa dheenggaddaa (20.11.2006) Magaalaa Ciroo baha Oromiyati du'aan addunyaa irraa godaane. Artist Usmaayyon nama gameeysa, hayyuu fii qabsaawaa ture. Artist Usmaayyon nama sabboonaa jireenya isaa dura rakkoo saba isaatif uf kennee haala hedduu hamaa tahe keeysati qooda ciccimoo kafalaa hamma guyyaa du'a isaati qabsaawaa ture.

Artist Usmaayyon rakkoo saba isaatif osoo qabsaawaa jiruu mootummaan tigree qabddee waggaalee hedduuf mana hidhaa keeysati rakkoo akkana hin jedhamne keeysa ture. Mana hidhaa keeysati goddaatii tumamiinsa irraa isarra gaheen yeroo dheeraadhaf dhukkubsataa akka ture oromooni isa beekan ni himan. Tumamiinsa fii rakkoolee yeroo dheeraadhaf irra turerraa kan ka’e osoo hin fayyin du’a isaa tanaaf sababa taate.

Awwaalcha Usmaayyoo kan kaleeysa sirna cimaadhan geggeeffamerrati Sabboonttonni Oromoo awaalcha kanarrati argaman Qabsaawan Kufus qabsoon itti fufti dhaaddannoo akka dhiheeysaa turan oduun achirraa dhufte ibsiti. Waaqni firoota isaatifii sabboontota Oromoo waaqni isin haa jajjabeeysu jenna.Seenaa gabaabaa usmaayyoo yeroo nu dhaqqabe isiniif dhiheeysina.

GGB

No comments: