From: Oromia Online Community
Ilmaan Oromiyaa;
Nageenyi kabajaa hunda keessaniif haa ta’u.
Labsi Fincila Diddaa Gabrummaa biyya keessaa fi alatti dhaaba keenya ABOn godhame Ganni tokkoffaan Sadaasa 9/2006 ta’a. Guyyaan kun Guutummaa Ummata Oromoo biyyaa fi biyya ambaa keessa jiraataniin haala adda addaatiin yaadatamee oola.
Dhimma kana sababeeffachuun Waltajjiin Oromoo “Paltalk” Manni Gadaa Guyyoota, Kamisaa, Jimaata, Sambataa fi Dilbata Sadaasa 9-12/2006 wal duraa duubaan sagantaalee dhimma kana irratti xiyyeeffatan irratti KQ FDG, Hayyoota, Hoogganoota, Ogeessotaa fi Walliftoota akkasumas keessattuu Kamisaa fi Sambata“Surprising Guests” ta’u jennee namoota tilmaamannes qabna.
Namootni haalli kun isiniif mijatu marti amma irraa akka itti saganteeffattan kabajaan irra deebinee isin afeerra.
Dhihaadhaa, Hirmaadhaa!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Koree Qindeessituu