November 22, 2006

Walaloo fi Kadhaa

Of Beeki Yaa Gantuu!

Horiin hin bitamiin !

Guyyaa darbuuf jette lammii kee hin nyachisin!

Oromoon tokkummaa lama ta’aa namnii ?

Abbaan dulaan Jaraa Oromoo miti innii

Maqaa Oromootiin daldalaa jiraanii

Alaa dhuftaan jedhuu raga malii qabu?

Seenaan ni muldhisa jarri hin qabdu sammu

Lafuumaa kenyaaratti mataa kenyaa yaabuu?

Wal nu nyaachisaanii isaan malsaa gaabbuu

Guyyaan tokko ni dhifaa kan itti of bektuu

Gafa sana garuu wawwatuu wawatuu

Homtuu sii hin dhaga’uu sifaan du’aa jetuu

Waliif du’uun ammaa maal tatee yaa Gantuu

WBOn yemmu mo’uu laftii yoo bariituu

Jalqaabaa du’uu kee atuu hin dagatuu

Waliin dhahuu dhiisii filii kan fakkaatuu

Laftii otoo hin bari’iin OF BEEKII YAA GANTUU!

************

YOO BARI’UU GAHUU ITTUU DUKKANA’AA

Yoo bari’uu gahuu ittuu dukkana’aa

Jedhanii oddeessuu jarsoliin jabanaa

Bari’uuf ta’inaa dukkannii akkanaa

Isanitti yoo dhihuu nuuf immoo hin bari’aa.

Oromoo jechuun yakkamaan hikkamee

Ashabarii jechuun maqaan Moggafamee

ABO dha jedhuu innimoo maal maqee

Cunqursaa saba isaaf ka’etoo falmatee.

Guranii dadhabaan Oromoo hidhaattii

Tokkoo fi lama setee hin dhumuu salphatti

Jarattiin gowwomtee hin qostii ofittii

Oromoo hacuccee nan jiradha setii?

Garuu yaa waa hinyannee (wayyanee) maliif borii hin beknee

Hin bari’uu setee du’aa kee arifachiistee

Kan bari’ee lixee kan lixees bari’ee

Walittii nuyaa fiduu rabbi yaa.

Har’aa kan qabamtaan harkaa isanittiin

Ulee fi hidhaa jaraan kan dararamtaan

Dhugaa dubbataaniif warii waregaamtaan

Dhibbaa dadhabdanii warrii biyyaa bataan

Gesseeti kaa yeroon kan ittii yadatamtaan

Dhihetoo hin hafuu ni bariya guyyaan

Jira lammiin keessan baasa gumaan kessaan!!

Gadaan Gadaa Billisumma ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

******************

Kadhaa Waaqeffannaa Oromoo

Hayyee! Hayyee! (x2)

Waaqa Uumaa,

Waaqa Uumamaa!

Gurraacha garaa garbaa,

Leemmoo garaa taliilaa,

Tokkicha maqaa dhibbaa!

Kan nagaan nu bulchite nagaan nu oolchi,

Kan nagaan nu oolchite nagaan nu bulchi,

Kan baranaan nu geesse bara-egereen nu gahi!

Irraa goraa fi dogoggora nu oolchi,

Maqoo sakkaba nu oolchi!

Keenya keenyaan nu bulchi,

Karra kan abbaa horatee godhi,

Sanyii kan abbaa facaafatee godhi!

Uffataa jiru nu hin daarsiin,

Midhaanii jiru nu hin beelessiin,

Bishaanii jiru nu hin dheebossiin,

Dhugaa jiru dhara nu hin dubbisiin

Ifaa jiru dukkana keessa nu hin tursiin!!!!

Gadaan Roobaa Gabbina, gabbisi Waaq!!!

++++++++++
Guca Bilisummaa (maxxanssa oduu birkii beeyssisa alaa ABO) irraa kan argame

No comments: