December 07, 2006

Oduu Biyyaa

Muddee 6, 2006 (Oromiyaa) - Wayyaanee fi Lukkeen Ummata Oromoo Murna Hawaasaa Hundaa Sodachisuun Dirqiin Miseensomsuuf Tattaafataa Jiru!

Wayyaaneen hojjeettoota mootummaa, qonnaan bultoota, barattoota, daldaltoota, haala adda addaan doorsisuu fi sodaachisuu dhaan akka miseensa ta'an dirqisiisaa jiru. Kan nama dhibu wal gahii barsiisotaa isa ganna dabre godhame irratti xumura walgahii irratti uunka miseensummaa kan (kaadhimamaa miseensaa fi miseensa)jedhu duwwaa dhiheessanii akka guutaniif dirqisiisaa turani. Warra hin guunnu jedhanii didan doorsisaa fi hidhaa hiraarsuutti jiru. Waan biyya keenya kanatti hojjetamaa jiru barreessanii fixuun baay'ee nama rakkisa. Barattoota kutaa kudhan xumuran yoo miseensa taatanii waraqaa qulqullummaa argattan malee mana barumsaa tokkoo gara mana barumsaa biraa deemuu hin dandeessani jedhanii hiraarsaa jiru. Qonnaan bulaa faayidaalee xixiqqoo tokko tokkoon gowwomsuuf yaalii guddaa gochaa jiru. Kan nama aja'ibu kana hundumaafuu uuummanni takkaa illee garaa isaa isaaniif hin laanne. Kan faayidaatiin gowwomee dhaqes ta'e kan sodhaatee dhaqe osoo karaa isaa argatee isaan ganee gara qabsoo dhugaa ilmaan Oromootti deebi'uu irraa waan duubatti jedhu miti. Ummanni kan eegee jiru sochii cimaa tokko kan Oromiyaa mara waliin gahee waan isarra fedhamee jiru ittiin buufatu dha. Guyyaan sunis fagoo akka hin taane nan amana. Jaleewwan wayyaanee kana naannoo sana hammacan kan akka

1. B/s abdiisaa baqqaanaa

2. B/s kabbadaa tufaa

gara harbuu taa'aa keessaa gurbaa Dhibbisaa jedhan kan dura taa'aa gandaa ta'ee jiru. looyyaa keessa ammoo kan itti anaa duraa taa'aa tokko kan Gaaromsaa dhugaasaa jedhamu tokko. Dura ta'aa anaa ammoo kan Gammachuu Jijoo jedhaman isaan kuni tasumaa waa'ee ummata isaanii irraanfatanii kan uummata naannoo sanaa hiraarsaa fi diinaaf dabarsanii kennaa jirani dha kanaaf seenaan tasumaa isaan irraanfachuu hin qabu. Kan harka isaanii guyyaa tokko hin dhaban. Sun akka hin taane yeroon yoo dhiifama gaafatanii ummata waliin dhaabbatan isaaniif wayya.

***********

Lukkeen ABO Maqaa Xureessuuf Bobbaate Salphatte!

Gaafa guyyaa 22/11/2006 kaabineen baratootaa ta'anii kan filataman baratoonni sadii kan maqaa isaanii armaan gaditti argaman kunniin baratoota kooleeji walgayi teesisuu dhaan ergaa kittilayyotaa isaanii baratoottan gayuuf carraaqin isaan godhan osoo hin milkaayin hafee. Kunis akkana turee, kabinee dhaan baratootaa kunniin baratoota galma kooleejichaatti walatti qabuudaan ABO diinaa ummaata Oromootii, hatoota, waarreen namoota ajeesanii mukatti galaniidhaa, kaanaaf isaan shoororkeesitoota malee dhaaba ummta Oromootiif qabsaahuu miti jechuu dhaan yennaa isaan walgayi isaani calqaban sabboontonni barattoota Oromoo salphisuu dhaan hatoonni, saamtanni, abbaan garaa kan sabaaf hin yaane isani malee ABOn gaachana saba Oromootii, dhaaba haqaan ummata isaatif qabsaawaa jiruudhaa jechuudhaa ifatti itti himuun walgayii isaanii dhiitani bahan. Baratoonnii akka kaabineetti kittilayonNi bakka buufatan kunnii :

1. Taamiruu Guutaa
2. Kaamaal Aliyyi fi
3. Katamaa Yommuu ta'an

baratonnin kunniin gochuu farruummaa kanarraa of kan of duuba hin deebine taate tarkaanfiin isaniin malu akka irraatti fudhatamuuf qohpiin xumurame sabbaantani gootanni barattootin koleejjii roobee lafa kaa'ani jiran karaa birootiin namni maqaan isaa AADAM KADIIR MUHAMMAAD jedhamuu kan armaan dura magaala dirree dawaa fi magaalaa adaamaa keesatti imaan Oromoo baasasaa ture yeroo ammaa gara biyyaa dhaalota isaa kan taatee baaletti deebi'unn teessoo isaa magaalaa roobee ganda cafee dosaa keesa godhatuu dhaan ilmaan Oromoo basaasurraatti akka argmu bira gahamee jira. Kitilayyon wayyaanee kun gocha kanarraa hin deebi'u taanan balaa mataa isaf qabeenya isa irraa gahuuf itti gaafatamaan matama isa akka ta'e sabboontonnii naannaa magaala roobee hubaachiisanii jiran.

**********

Shirri Wayyaaneen Godina Gujii Aanaa Liiban Keessatti Dalagde Fashale!

Odeessa Godina Gujii Aanaa Liiban Magaalaa Nageellee Booranaa keessatti shira
mootummaan waayyaanee xaxxee barattoota mana barnoota sadarkaa lammaaffaatti walitti buusuuf yaalte jalaa fashalee jira. Kun kanaan osoo jiruu barataan tokkoo nuti Afaan Gaallaatiin hin barannu jedhee yeroo barsiisaan Afaan Oromoo seenutti jeeqee bahee jira.Haaluma kanaan barataa ergamaa wayyaanee tahe kun ergaa diinaa kana fudhatee barreeffama maqaa saba Oromoo yakku kana gabatee irratti barreessuun walitti buusuuf yaaliin godhamaa ture osoo hin milkaayin hafee ergamticha kanas qabuudhaan yeroo ammaa kanatti waajjira poolisii nagaallee booranaa keessatti argama. Haaluma kanaan sabboontonni naannichaa shira mootummaan wayyaanee xaxxu kana hubannee Amantii, Kutaa, gosaafii gandaan walitti bu`uu dhiifnee qabsoo sabaa haa finiinsinuu jechuudhaan yaamicha
godhanii jiru.
***********

Uummanni Dhukkubaa fi Beelaan Dhumaa Jira! Mallasaan Lola Labsa!

Qubattooti godiinaa Wallaga Baha keessa jiraan Onaa Leqaa Dulaachaa fi Haroo Limmuu ala kan jiran, Onaa Sasigaa fi Abee Dongoroo Keessa warri jiraan Dhukuba dadaarboo fi beellli/Nyaata dhabuu isiinitin Nammooti 25 mana Hospitalaa Naqamtee cisaan keessa Nammooti 10 ol du’un isaanii beekameera. Ammayuu dhuukubnii kunii akka biyyatittifi sodachiisa ta'e ogeessooti naannoo dubbatu. Wayyaanee rakkoo ummataa furuu irraa ummata kanaa fi ilmaan isaa irratti rakkoo dabaluuf rakkoo lola harayaa biyyoota ollaa lamaa fi dhaabota ummata isaanii biratti kabajaa fi jaalala qaban irratti labsuun farra nagaa fi guddinaa ta'uu ifaan muldhisa.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

www.oromoliberationfront.org

No comments: