Weerara diinaan nu’irratti baname qolachuu mannaa - Komii Waldaa Kaa’immaan Oromoo Addunyaa:
Weerara diinaan nu’irratti baname qolachuu mannaa
Walirraatti duuluun salphina Sabaati!
Komii Waldaa Kaa’immaan Oromoo Addunyaa:
Gurraandhala 13, 2007
Walitti bu’iinsi ilmaan Oromoo jiddutti dhiheenya kana biyya Keeniyaa magaalaa Naayroobii keessatti uumame golgaa salphinaa kan saba keenya bal’aa haguuggachiise, amba kan nu taajjabsiiseefi, diina kan nutti kofalchiise ture. Nutis kaa’imman Oromoo sababa adda addaatiin biyya teenya Oromiyaa irraa baqannee, kutaalee addunyaa garagaraa keeessa jiraannu, odeeffannoo gaddisiisaa kana yennaa dhageennu naasuu fi afaanfajjii guddaatu nutti dhagahame. Kanaafuu rakkinni uummame kun, daadarkaa hamtuu kan hin geessin yoo ta’ees, rifannoon sabboontota Oromootiirraan gahuufi, ergaan inni diina saba keenyaatiif dabarsu xiqqeeffamee laalamuu kan hin malle waan taheef, gadda nutti dhagahame ibsaa, rakkinni kun akka lammeesso hin uumamnetti akka furamuuf ergaa armaan gadii kana dabarsuu feena.
Yeroo sabni keenyaa roorroo alagaatiin biyya abbaa isaatirraa ari’amee, moora baqattuummaa biyya Soomaalee keessatti, akka borofa bosonni irratti gubatee guyyaa adiidhaan adamfamaa jiru kana keessatti, ilmaan Oromoo tokkummaa keenya cimsuudhaan balaa nurratti aggaamamee mul’atu kana ofirra faccisuun osoo nuun maluu, walitti bu’iinsa xixiqqoorraa ka’amee, sadarkaa gosaatti walhiruudhaan jeequmsi geggeeffame, kan ilmaan Oromoo lammummaan itti dhagahamu hundinuu itti saalfatuu qabaniifi kan gochaa akkasi balaaleffataniidha jenneeti amanna. Oromoon biyya Afrikaatii fi addunyaa bal’oodhaaf aadaa sirna Gadaa, sirnya walabaa kan gumaache tahee osoo jiruu, kaleessaa hanga har’aatti muftoo xiqqoo fi guddoo gaaddisa Odaa jalatti furachaa kan ture saba ulfaataa ta’uun osoo nu boonsuu, har’a salphinni akkanaa kun numudachuun waan hedduu nama yaachisaati.
Kabajamtoota Manguddoo Oromoo! Seenaa keenya keessatti gaafa, diinonni keenya gosaan, amantiidhaan akkasumas daangaa lagaa fi tabbaatiin addaan nu hiruudhaaf yaalii hin godhin hin jiru. Sabni keenya garuu, waanyoo alagaadhaa kana gamtaan itti dammaqee fashaleessaa turee jira. Seenaa yeroo dheeraa dhiifne, kanuma as kaluutuu yoo walyaadachiifne, araarri qarqara laga Hawaas irratti bara 1992, gosoota Oromoo Arsiiti fi Karrayyuu, kan diinni baroota kurnan hedduudhaaf walficcisiisaa ture giddutti buufame, Oromoofi firoota isaa hundaa kan boonsise, Habashoota ammo kan lafa ilaalchise ture. Araarri gaafasii, seenaa saba Oromoo keessaatti iddoo hedduu guddaa qabaachurra dabree dhalootaa boodaan dhufuufis fakkeenya gaarii taha jedhamee amanama. Qorattoota seenaatiifi aadaatiinis hedduu dinqisiifatama.
Akkuma ilkaaniifi arrabni wal qocoluun hin oolletti ilmaan abbaa tokkoos walse’atuun waanuma dur jiru. Haa tahuu ammoo golbaa diinaa jalatti, mooraa baqaa keessati hiraarfamaa, lagaan walqooduudhaan walirratti duuluun wa’adaa Oromoo kan faallessu, safuu sabaa kan tarkaanfateefi seenaa keenya keessatti himamees dhagahamees kan hin beekaamneedha.
Kanaafuu rakkoon kun akka lammata hin uumamneef waldaan keenya qaamota dhimmi isaa ilaalu hundaaf dhaamsa armaan gadii kana dabarsuu fedha.
-Jeequmsi uumame kun kan kabajaa saba keenyaa xiqqeesse, kan sabboontota Oromoo naasisee fi adawwii keenya nutti kofalchiise waan taheef, namootaafi gartuulee jeequmsa kana qabsiisaniifi itti hirmaatan maratti muftoo keenya ibsuu feena.
-Manguddoonni Oromoo gosootaa fi qaamota hawaasa keenyaa hundarraa walitti bahan madda rakkoo kanaa qoratanii, burqaa isaa akka gogsan, ilmaan Oromoo jeequmsa kana keessati walitti gufatan, maatii fi ollaa walitti mufatan jidduutti araara akka buusan, jeequmsi bifa kanaa lamuu ummata keenya keessati akka hin deebineef seera fi heera Oromtichaatiin murtii dhumaatirra akka gahan ni abdanna.
-Gartuuleenis ta’ee namoonni dhuunfaa, walitti bu’iinsa kana finiinsuudhaan qooda fudhatan gochaa saalfachiisaafi gantummaa kanarraa akka ofqusatan akeekkachiisuu feena.
-Qaamoleen siyaasaa Oromoo, hogganoonni amantii fi hawaasaa, rakkoo kana irra dibuudhaan bira dabruu osoo hin taane, gadi fageenyaan irratti mari’atanii akka ofqulqulleessan, saba keenyaafis hooggansaafi fakkeenya ol’aanaa akka ta’an yaadachiifna.
-Tattaaffii manguddoonni Oromoo araara buusuudhaaf godhan humna dandeennu maraan bira kan dhaabbannu tahuu mirkaneessaa, qaamoleen hawaasa Oromoo hundinuu deeggarsa isaanirraa eeggamu hundaan manguddoota cinaa akka dhaabbatan gaafanna.
-Rakkooleen bifa tanaa haa xiqqaattuu malee dhiheenya kana keessa iddoo adda addaatti bibbiqiluun waan dhoksaa qabaatii miti. Kanaafuu, Waldaaleen Hawaasa Oromoo hundi xaxamni kun osoo hidda gadi hin fageeffannee, summii ummata keenya keessa faca’aa jiru kana fashaleessuuf marii alaa-manaan qaamolee hawaasaa mara hirmaachisu akka jalqabdaan isin gaafanna.
Yaa ilmaan Oromoo! Dhumarratti, gaafa diinni akka saadaa jaldeessa raasaa keenyarratti goobee bookkisuu, kan biyya teenyarraa nu ari’ate hanqatee, mooraa baqaa keessatti nushoororkeessaa jiru kanatti tokkuummaa keenya cimsuun, rakkoolee xixiqqoo uumaman mariidhaan furuun, dirqamaa ilmaan Oromoo maraati. Kanaafuu qabbana nagayaa waljiddutti buufnee, belbela qabsoodhaa diinarratti akka finiinsinu isinitti warwaanna.
Tokkummaan Oromoo Barabaraan Haadagaagu!
Waldaa Kaa’immaan Oromoo Addunyaa
Source: www.oromoindex.com
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
No comments:
Post a Comment