Baabura warraaqsaa
Baabura warraaqsaa yeroo dura ka'uu
Imaltuun hedduu dhaa kan waliin bobba'uu
Xawalwaalle fi gantuun bakka hin gayanii
Buufata adda addaatti keessaa utaalanii
Ammallee hedduu dhaa kan karaa yaabbatuu
Kan haqaa fi baaxil baree addaan baafatuu
Baaburri warraaqsaa takkallee hin boqatuu
Dirree bilisummaatii bakki itti dhaabbatuu
Baaburri warraaqsaa kan ittiin sossoohuu
Dhiigaa lafee malee boba'aan hin tahuu
Dhiigaa lafee jannaan yoom kan beeyladaatii
Kan isa sossoosuu dhiiga ilma namaatii
Dhiigaa lafee isaa kan fedhiin dhiheessuu
Sabboonaa Oromoo kan gabrummaa dheeysuu
Baabura warraaqsaa ABOtu oofaa
Kan isa yaabbatan sabboonoota qofaa
Kutataa ilma Oromoo gargaartuun WBOdhaa
Imaltootni isaa Oromoo bal'aa dhaa
Wayyaa baabura koo akka itti shubbisuu
Gantuu taatu malee sabboonaa hin kuffisuu
Oofi shufeera koo ati fayyaa dayii
Xiichi baabura kee bakkumaan na gayii
Hanga bakka geessuu hin dhaabbatin atii
Dheebuudhaa natti jiraa kan bilisummaatii
Dhaaba koo ABO jajjabaadhu ammallee
Gadoodaan hin fayyu bakka gayu malee
IUOf
GGBti
Saartuu Oromoo
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
No comments:
Post a Comment