Showing posts with label Guyyaa Gootota Oromoo. Show all posts
Showing posts with label Guyyaa Gootota Oromoo. Show all posts

April 13, 2007

Guyyaa Gootota Oromoo





Maal jedhanii darbani?

"Dhiignni koo, dhiiga mirgga uummata Oromoo kabajsiisuuf dhangala'u waan ta'eef dhiiga lafatti badde (dhiiga gumaa hin qabnne) miti. Hojii an hin hojjetiini sobaan na yakkanii namoota adda bu'aa natti murteessani hundda bakkattii kanatti ummatni itiyoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti akka inni gatii isaanii kennuuf nan amana. Oolee haa bulu malee mirgi uummata Oromoo wallaansoo fi carraaqa ijoollee isaan kabajamuun isaa hin hafu."

Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir


"Mootummaan kun waan kaayyoo keenya balleesse itti fakkaatee ofumaa nu dhiphisa. Yoo kaayyoo keenya ta'e inni akka bofa garaa keessa seenee ti. Yoo garaa alaatti harkisanis ta'e yoo gara keessatti gadi lakkisan firiin isaa tokkichuma. Summiin isaa tamsa'ee jira hoo."

Obboo Hailamaariyaam Gammadaa




"Yaa Ummata Oromoo!, Yaa hiriyyoottan koo fi yaa firoottan qabsoo bilisummaaOromoo! Duutin ani due dua gootoota Oromoo kan eenyummaa Oromoo yeroo jalqabaaf kaasan dua obboo H/Maariyaam Gammadaa, kan Jeneraal Taaddasaa Birruu, dua Dhibbaalaa MaammooMazamirii fi kan gootota Oromoo biroo waliin walfakkaata. Ani kanan hidhameef, kanan ajjeefameefis waanan gaaffii mirgaa Oromoo gaafadheef, waanan cunqursaan Oromoo irra jirtu haa kaatu jedhee gaafadheef akkasumas Oromummaa kootti waanan boonuf malee yakka hojjedheen miti.
Mootummaan gabroonfataan ammoo nama ofitti amanu hin jaallatu, mootummoonni Abashaa kan fedhan Oromoo doofaa kan waan isaan ajajan ishoo jedhee fudhatu malee kanneen sabboonoo taan kaan biyyaa ariuun kan qabate mana hidhaatti hiraarsuun achumaan ajjeesuun aadaa isaa tahee jira.Duuti Oromoo dhaa hamma dua sareellee dhageettii dhabdee jirti.
Waan taheefis ani bilisummaa Oromootiifan wareegame irra deddeebitanii hidhii xuuxuun waahuu akka hin fidne beektanii kaayyoon ani itti wareegameef akka galmaan geessan imaanaa/adaraan tokkoon tokkoo Oromootiif dhaammadha. Kanaaf yaa uummata Kuttaayee, yaa uummata Amboo, yaa uummata Sulee , yaa uummata Giincii, yaa uummata Guduruu,Yaa Ummata Sikkoof Mandoo, Yaa Ummata Ittuuf Humbanaa ,Horteen Booranaa fi Barreentumaa walumatti qabaatti Uumatni Oromoo marti gumaa koo goodatti hin hambisinaa! Karaan irra jirru karaa sirriifii kan Jaallan Oromoo itti wareegamaa jiran waan taheef waan nu itti ajjeefamne kana murannoon galmaan gahuun hoji-manee keessan waan taheef mirga keessan kabachiifachuuf sochoaa!
Duuti siree irrattuu kan hin hafne waan taheef ani ammoo bilisummaa saba guddaa gabrummaa jala jiru kanaaf osoon lubbuu lama qabaadhee kenneefii waan na gabbisiisu miti. Wanti guddaan dagatamuu hin qabne garuu Oromoon inni hafe gumaa koo baasuuf hirbuu naa seenuu qaba!"

Dhaamsa Barataa Gaaddisaa Hirphasaa