December 14, 2005

Baratootnni Oromoo magaalaa Ziwayi hiriira nagaa bahan

Fincila diddaa gabrummaa

Mudde 13, 2005 (Ziwayi) - Guyyaa sa'a 6:30 irraa kaasee sabboontonni barattoota Oromoo magaalaa Ziwayi hiriira nagaa bahan. Barattoonni kun dhaadannoolee: Oromiyaan ni bilisoomti! Minaaseen Oromoo fi Oromiyaa bulchuuf gahumsa fi mirga hin qabu, Nurraa haagalu! ABO sagantaa mirkana sirna dimokiraasii fi kabajamuu mirgoota sabaa fi sablammii biyyattii waan qabuuf aangoo siyaasaa qabachuun isaa wabii dha! Kan ummata Oromoo bakka bu'u ABO dha! fi kkf qabachuun dhaadannoo isaanii dhageessisaa akka oolan maddeen keenya gabaasan.

FDG sabboontonni barattoota Oromoo Ziwayi gaggeessaniin walqabatee humna poolisa wayyaanee waliin walitti bu'ameen poolisii tokko madeessanii, barattoonni Oromoo lama ammoo reebamanii shan ammoo ukkaamsamaniiru.

IUOF!

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved |
Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net

No comments: