December 14, 2005

DHIIGNI KEENYA DHANGALA`UUS, LAFEEN KEENYA HARCA`UUS QABSOO JALQABAME FINIINSUURRAA OF BOODA HIN DEEBINU!!!

DHIIGNI KEENYA DHANGALA`UUS, LAFEEN KEENYA HARCA`UUS QABSOO JALQABAME FINIINSUURRAA OF BOODA HIN DEEBINU!!!

Muddee 13, 2005 (TBOYM) - Ummatni Oromooo erga bittaa habashaa jalatti kufee kaasee cunqursaa hiriyyaa hin qabneen rakkachaa jira. Hidhamuun, ajjeefamuun, biyyaa godaansifamuun, lola isa hin ilaallanneef ilmaan isaa jalaa guuramuun, beela bara baraatiin duguugamuun, barumsarraa arihatamuunii fi guutummaan guutuutti akka bineensaatti adamsamuun nuuf waan barame ta`eet jira. Mootummaan saba-bicuu Wayyaannees bara addunyaan qaroome kanatti gocha faashiistummaa kana raawwachaatti jira. Dhiigni ilmaan Oromoo guyya guyyaadhaan gad naqamaa jira. Kanaafuu uumatni Oromoo kana jalaa ba`uuf qabsoo isaa finiinsuudhaan socho`uu qaba. Nuttis Barattootni Oromoo Yuniivarsiitii Maqalee haala yeroo irratti marii godhuudhaan qabsoo uumatni Oromoo bifa kamiinyyuu gaggeessaa jiran deeggaruudhaan ibsa ejjannoo armaa gadii kan baafneerra.

  1. Gaaffii ummata keenya deebisuudhaaf filannoon qabnu qabsaa`uu duwwaa waan ta`eef qabsoo yeroo ammaa ummatni keenya gaggeessaa jiru bifa hundaanuu cimsuudhaaf gam-kamiiniyyuu faana hiriiruudhaaf qophii dha.
  2. Mootummaan Wayyaanee gaaffii bilisummaa ummatni Oromoo gaafachaa jiru karaa nagaatiin furmaata laachuurraa rasaasaan rukututu filateera. Dhiiga ilmaan Oromootiin haraka isaa dhiqatee, umurii bittaa isaa dheereefachuuf tattaafataa jira. Haata`u malee, humni ummata caalu akka hin jirre beeknee falma keenya finiinsuudhaan Motummaa abbaa-irree kana bu´uuraa akka fonqolchinu ummata Oromoo maraaf waamicha dhiheessina.
  3. Ummatni Oromoo waanjoo gabrummaa dhalootaan itti darbaa jiru yeroo dhumaatiif of irraa buqqaasee gatuudhaan abbaa biyyummaa isaa dhugoomfachuuf yeroon itti falmatuu qabu amma waan ta`eef tokkummaadhaan ka`ee qabsoo ABO dhaan hoogganamaa jirutti akka makamu waamicha dhiheessina.
  4. Barattoota OromooYuniivarsiitii Jimmaarratti tarkaanfii Mootummaan Wayyaanee fudhate cimsinee balaaleefanna. Gochi shiraan xaxame kun barattoota Oromoo biyya alagaa jirru irratti kan raawwatamaa tureef raawwachaa jiru dha. Kanaafuu, ummatni Oromoo Oromiyaa fi biyyoota alaa jiraattan martinuu akka sagalee kesssan dhageessiftan waamicha isiniif dhiheessina.
  5. Mootummaan Wayyaanee tarsiimoo nagaa biyyoota olla booreessuun kaayyoo waan godhateef, ilmaan Oromoo adda waraanaatti guuraa jira. Kanaafuu ummatni Oromoo soba dogongorsaa dabbaloota Wayyaanee/OPDO tin sobamee lola isa hin laallannetti hiriiree akka hin dhumne iyyee, iyya waliif dabarsuu qaba. Kanarratti barattootaa fi sabboontootni Oromoo Oromiyaa kessa jirtan ummata keenya dogongora kanarraa deebisuudhaaf gahee guddaa waan qabdaniif, gama danda`ame hundaan akka sochootan waamicha isiniif dhiheesina.
  6. Mootummaan Wayyaanee ilamaan Oromoo manneen hidhaa adda addaatti guuree hiraarsaa jira. Kanarra tarees hidhamtoota harka isaa jiran irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhachuudhaan olola sobaatiin golgee bira darbuuf yaalaatti jira. Kana keessaa barataa Yunivarsiitii Finffinnee kan ture barataa Alamaayyoo Garbaa mana hidhaa Qaallitti keessatti hiraarfamaa ture dhiheenyatti ajjeefameera. Goocha faashiistummaa kana cimsinee balaaleefanna! Gumaa wareegamtootaa baasuudhaafiis ni falmanna.
  7. Ilmaan Oromoo dantaa yerootif sobamtanii Mootummaa Wayyaanee bukkee hiriiruudhaan dhiiga obboolloowwan kessan kan loolaasaa jirtan, hojii basaastummaa irratti bobbaatanii lammiiwwan kessan kan mana hidhaa Wayyaaneetti guursisaa jirtan akkanummattis bifa hundaanuu Wayyaanee faana hiriirtanii qabsoo ummata kessan of-booda deebisuudhaa fi umurii bittaa Wayyaanee dheereessuudhaaf kan carraaqaa jirtan goocha qaanii kanarraa deebi`uudhaan gara qabsoo ummata kessanii akka deebitan waamicha isiniif dheheessina.

OROMIYAAN DHIIGAA FI LAFEE ILMAAN ISHEETIIN BILISOOMTI!!

BARATAATTI LOOLLA……….LOOLAATTI BARANNA!!

Tokkummaa Barattoota Oromoo Yuniivarsiitii Maqalee.

Muddee 13,2005

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved |
Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net

No comments: