Muudde 3, 2005
(Oromiyaa)-Haala siyyaasa biyyittii kanaa fi ibsa ABOn baase erga gadifageenyaan irratti marihannee booda ibsa ejjennoo akka armaan gadiitti baasnee jirra.
- Filannoo caamsaa , bara 1997 guutummaa biyyattii keessatti gaggeeffame uummata bal’aa biyyittii Oromoo kan bakka bu’u dhaabni ABO waan keessatti hin hirmaanneef adeemsa filannoo kana ni balaaleffanna
- Nafxanyoonni lamaan biyyaa fi qabeenya oromoo irratti waan wal lolaa jiraniif, yeroon kun yerootti uummatni noromoo hubannoodhaan mirga abbaa biyyummaa isaaf socho’uu qabu ammadha jechuudhaan waamicha ni dabarsina.
- Nuyii barattootnii fi hawwaasni Oromoo magaala ciroo fincila diddaa gabrummaa “high scool” ciroottii fi kutaalee Oromiyaa garagaraa keessatti eegalame cimsee akka itti fufu waamicha keenya ni dabarsina.
- Lolli Ittiyoophiyaa fi Ertiraa jidduutti adeemsifamuuf jiru kun uummata oromoo waan hin ilaalleef namni oromoo ta’e kam iyyuu qada akka irraa hin fudhanne waamicha ni dabarsina.
- Fincila diddaa gabrommaa irratti barattoota bakka adda addaatti wareegamaniif gumaa isaanii dachaan kan kaffallu ta’uu keenya waadaa gala uummatni oromoo hunduu diina isaa addaan baafatee murannoon akka ka’u waamicha nii dabarsina.
- Ilmaan oromoo kanneen meeshaa diinaa taatanii lammii keessan irratti diina taatanii jirtan gocha keessan irraa deebitanii waamicha ABon isinii dabarse akka hojii irra oolchitan isin hubachiifna.
- Fincilli amma guutummaa oromiyaa keessatti qabsiifamee jiru kun kan Itiyoophiyyaa deebisu osoo hin ta’iin kan oromiyaa bilisoomsu waan ta’eef
- uummatni oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jirtan waliigalteedhaan tokkummaan akka qabsoofonu waamicha keenya ni dabarsina.
- Dhaabonni siyyaasaa oromoo adda addaa garagarumma xixiqaa idduu keessan jiru baastanii fincila diddaa gabrummaa uumatni oromoo taasisaa jiru cinaa tokkummaan akka dhaabbattan waamicha keenya kabajaa ni dhoiheessina.
Yaadachiisa:- sabboontotni Oromoo Godina Arsii, aanaa Arbaa gugguu magaala Aboomsaas iejjennoo barattootaa kanaan kan walfakkaatu dabarsanii jiran
IUOf!
http://www.oromoliberationfront.org/News/Ibsa_Magaalaa_ciroo.htm
No comments:
Post a Comment