March 05, 2006

Faaruu Alaabaa Oromoo














Faaruu Alaabaa Oromoo

Alaaba Oromoo ibsiitu dukkanaa;
guyya sidhabbannee gabruummarraa baanaa.
Kumni kumni du'uu, kan hafeen sidhaabbannaa,
du'arraa hindeebinuu, tarreerra dhabbanaa.
Alaaba Oromoo ibsiitu....
Dhigaan sifacaasaa, lafeen sibobeessaa;
Oromiyarratti, gadi sumaan dhaabsisaa.
Alaaba Oromoo ibsiitu.....
Dhiraa dhalaa keenyaa, bakkumaa jiiranii;
gadi sidhaabuu jecha, ibiddaan dhuumanii.
Alaaba Oromoo ibsiitu....
si dhaabannee bullaa, halkan tokkoofillee,
guyyaan sun nidhufaa, hangam yoo turellee.
Alaaba Oromoo, ibsiitu dukkanaa
guyyaa sidhaabbannee, gabruumarraa banaa.

Gadaan Gadaa Bilisummaatti!!

No comments: