March 05, 2006

FDG




Bitooteessa 3, 2006 (Oromiyaa) - Guyyaa jimaata 3-3-2006 mana barumsaa Biftuu Naqamteeti baratoon fincila diddaa gabrummaa gageessuun gaffiilee bu`uuraa Oromoo tanaii fi gaaffiilee mirgaa kan ummata Oromof baroota hedduu gafatamaa ture osoo hindeebihiin jirachuu dhadannoo isaaniin dhageessisaa oolanii jiru.

Gaaffiileen isaan kaasan keessaa

  • Hidhamtooti siyaasaa Oromoo haa hiikaman!
  • Abbaan duulaa nu hoogganuu hin dandahu!
  • Mirgi hiree ofii ofiin murteefannaa ummata Oromoo akka heera biyyitti keeyyata 39 irra jiruun hatattaamaan hojiitti haa hiikamu!
  • Oromoon biyya isaa irratti abbaa biyyummaan isaa haa kabajamu! Fi kkf gaafachaa fi dhaadachaa oolan.

Walitti bu`iinsa mooraa keessatti dhalateen

  • Fodaa mana barumsaa cacaabee jira
  • Ibidaan mooraan mana barumsaa gubatee jira
  • Tarkaanfiin lukkeelee OPDOf basaastota ilmaan hbashaa irrati fudhachuuf yalame hin milka'inif hafee

********
Shaashamanneetti miseensota paartii mormiitotaa irratti doorsiufamuun jal qabame. haaluma kanaan bakka BU'AA ONC kan ta'e Jamaal Galatoo kan jedhamurratti mootummaan woyyaanee himannaa sobaa banuudhaan mana murtiitti dhiyeessaniiru.haaluma wal fakkaatuun bakka WFDO Huseen Abdurqaadir abbaa alangaa aanaa shaashamannee Abiyoot jedhamu biiroo ofiitti waamuudhaan akeekkachiisuun dhagahameera.

Basaasonni diinaa saaxilanan asiin dura ONC bakka bu`uudhaan ona siraarootti paarlaamaaf dorgomee kan turee fi boodarra KBO ganuudhaan OPDOtti kangale namni Gammadoo Sulee Birkoo jedhamu baajanni guddaan ramadameefii hojii basaastummaatiin siraarootti ramadamuun isaa beekkameera. haaluma kanaan ona shaashamannee ganda bulchaa aanaa dannabaatti dabballoonni OPDO Fayyisaa Galatootii fi Hirphoo Raabisoo jedhaman ummatarratti miidhaa raawwataa manneen ummataa diigsisaa jiraachuun isaanii dhagahameera. jarreen kunniin gocha kanarraa yoo hin deebine tarkaanfiin keessa deebii hin qabne akka irraatti fudhatamu sabboontonni akeekkachiisaniiru.

Injifannoon Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

No comments: