April 09, 2006

Yaadannoo Gootota Oromoo: Seenaa Jaagamaa Badhaanee

Qabsaawaan ni kufaa qabsoon itti fufa! Kan kaayyoof kufe lama dhalatee takka du’e, kana ofumaa du’e takkaa dhalatee lama du’e.
Sadaasaa 11 Oct 2005

Qabsoo bilisummaaf deemsifamaa ture keessatti goototi Oromoo qaqqalii ta’an itti wareegamaniiru. Wareegama isaanii kanatu har’a akka nuyi Oromummaa keenyaa beeknee sanaafis falmannu nu godhe. Haata’uu malee, wareegama haga har’aa kaffalameen qabsoon Oromoo galii isaa hin geenye. Garuu qabsoon keenyi guyyumaa guyyaan fuladuratti tarkaanfataa jira.

Goototii barattooti Oromoos qabsoo hangafooti qabsaawoti keenyi warri akka Jeneraal Taaddasaa Birruu, Baroo Tumsaa, Elemoo Qilxuu, Magarsaa Barii, Gadaa Gammadaa, Abbomaa Mitikkuu fi kkf itti wareegamanii aakka bakkan geenyuuf imaana nutti kennatanii dabran bakkan gayuuf qabsoo hadhawaa gochaa turuun isaanii ni beekama.

Keessatti baroota 2000 as wareegamni goototi baratoota Oromoo seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti bakka guddaa qaba. Wareegamtooti kanneen akka Geetuu Dirribaa/ Ambotti/ Diribee Jifaar /Dambidoollootti/ bara 2000 keessa kaffalan baratoota Oromoo bakka adda addaa tti fakeenyaa gootummaa ta’ee akka isaan qabsoo isaanii finiinsan isaan taasiseera. Maqaleett ajjeefamuun barataa Simee Tarrafaa ammoo baratoota Oromoo caalatti tokko ta’anii diina ija baasaa Oromoo lafa irraa dhabamsiisuuf itti jiru kana falmachuun waan furmaata hin qabne ta’uu isaa hubachiseera. Egaa akka kanaani qabsoon Bilisummaa baratoota Oromoo golee arfan Oromiyaa keessatti kan fininee itti fufee har’a as gaye.

Egaa fincilli diddaa gabrummaa amma itti jirus itti fufaa qabsoo goototaa qabsaawota keenya bilisummaa Oromoof gucaa ta’anii darbaniiti. Akka kanaan baratooti Oromoo fi hawaasi Oromoo bakka adda addaatti wareega qaqqalii kaffalaa jira. Isaan kana keessa gaafa roobii/ 9/11/05/ kan wareegamee Gootichaa Jaagamaa Badhaanee waa jetna.

Jaagamaa Badhaanee barataa Oromoo goota, gara kuteessa fi gamna barattoota kanneen kaniif fakkeenya garii fi dura bu’aa ture. Sochii barattoota bara 2000 jalqabamee irraa kaasee adda durumaan kan baratoota qindeessaa turee fi kan sabboonummaa Oromoo barattoota keessatti dagagsaa turee dha. Gaafa sadarkaa tokkoffa/ kutaa 7ffaa/ baratuu illee maadhee dhoksaa barattootatti ijaaramee kan qindeessa ture ta’uun isaa hiriyooti isaa oso hirqinfatani dubbatu.

Jaagamaan beekaa kan dubbatee nama hin mufachiisnee fi kan namoota hedduuf fakkeenya ta’ee dha. Kana irraa ka’uun baratooti Oromoo naannoo Amboo akka “motora’ sochii isaanitti isa ilaalu. Wayyaneenis kanumaa irraa ka’uun akka inni mana barumsaa irraa wagga sadiif /2002-2005/ariyatamu goote. Haata’uu garuu Jaagamaatiin kun haamilee isa hin tuqne. Bakka jiru hundumaatti waa’ee gabrummaa Oromoo dubbatee hiriyoota isaa qabsoof kakasuu irraa duubaa hin deebine. Yeroo kana mana suuraa Tsiyoon jedhamu Amboo keessa waggota sadan kana yeroo hojjetaa tures sabbonota Oromoo mamiltooti isaa dinqisifanna fi jaalala guddaa horateera.

Egaa Wayyaneenis kana hundumaa waan beektuuf dursitee baratoota keessa isa baaftee kan isheen osoo baratooti dhaadhannoo isaanii illee dhageessisuu hin jalqabiin kan isheen rasaasa itti roobsite. Ummati fi baratooti Amboos Awwaalcha goota Oromoo kana irratti hedduminaan argamuun kabaja guddaa fi gootummaa isaa faarfachaa kan isaa awwaalan. Sana qofaas osoo hintaane ergaa awwaalchaa isaa irraa deebi’anii alabaa ABO qabatanii halkan guutuu goototaa Oromoo wareegaman fi Jaagamaa farsaa akka gumaan isaan deebisan dhaadhachaa kan bulan. Ammallee ummati Amboo “qabsaawaan ni kufa qabsoon itti fufaa!” Jechuun fincila didda gabrummaa itti fufaa jiru. Egaa gootii akkas ummata isaaf fakkenya te’ee du’ee barabaraan jiraata kan jedhamuufis kanumaafi.

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!



Source: www.oromoliberationfront.org