April 09, 2006

Yaadannoo Gootota Oromoo V

Mukti Oromiyaa mee maqqoo nuuf ibsaa
Dhugaasaa D. Gobanaa irra

NNagaan Waaqaa haa dursu laga ce'ee goomoo,
Attam ooltan! Nooru yaa gootota Oromoo,
Nibaruu siniin jedhu dargaaggoonni qomoo!
Ashamaa harka fuune warri boruuf dhamaatan,
Dhunfaa mirga uumaaf kan barruu luqqaatan,
Waanjoo sirna garbummaa warri hudhaa cirtan,
Midhaa aadaa nafxanyaan dhiiga kan lolaatan,
Qimmidda shanbaqoon ribuu kan ciraamtan,
Wadaroo hin furgaaneen harka kan hidhamtan,
Seera dhugaa hin qabneen dukkana kan jirtan,
Summii barri hin beekneen agartuu kan jaamtan,
Seera safuu hin beekneef du'a kan eeggattan,
Otoo dafqitaani qomoon callaa saamamtan,
Dilbii waan gubaaniif lammiin kan beeloftan,
Bilisa mirga uumaaf kan lubbun wareegamtan,
Hooga guddaa qabdu seenaaf kan yaadatan,
Dhaamsafi gorsa qaba boruuf kan hoddatan,
Ekkeraan haa jannatu lammiin haa jabaatan,
Nagaaf haa lalisu galmi akeekkattan!

Qondalii Oromoo warri daggala keessaa,
Nagaan jiru lataa? Maal nuu himuu dhaamsa?
Akkam bulaan laataa? Qomoon waa dhageessaa?
Akkam itti jirti ilkeen bookee caamsaa?
Dhiiga uummata xuuxxee kan faccaaftu busaa,
Raatutti waan irkaatteef qooq'nni ishee bookkisaa,
Lammiin walii tumsaa qondallis mee gorsaa,
Gafaa gogdee raatuun ni baddi mee obsaa!

“Yaa raatu hubadhu yoo dhageesseef gorsa”,
“Ajoofni qubaa tokko qama guutuu dhukkubsa”,
“Diina cina dhaabatte kanatu saba dhiigsa”,
“Siinis hin hanqatu roobni karfaafuunsaa,”
“Gaaf tokko lola'ee hallayyaa si buusa”,
“Yoo malatte wayya otoon roobiin caamsaa”!

Lubbuun sabboonummaa warra qabsoof qilleensaa,
Dargaggoo Oromoo idditu akka sonsaa,
Roorroo waan jibbaniif lolu akka kanniisaa,
Mancaasuu hin oolani sirna aadaa cunqursaa,
Bosona seenaani yaa lammii dhageessaa,
Ijaan hin agarree iyya hogan dabrsaa,
Dirree Calanqoorra Haro-Mayaa keessaa,
Iyya Shashamannee Jibaatitti ceessisaa,
Mukti Oromiyaa sagalee baay'isaa,
Seenaa gootota Oromoo maqqoo hundaaf ibsaa!


Gaara Muldhataa moo Caancoo fi dhedheessa,
Dirre Madda-Walaabuu Gaara Roggee Gafarsaa,
Iluu-Abbaa-Booraa galmaam bosooneessaa,
Gaattiraa warra Hiluuf Jaarsoo qomoon kanniisa,
Lammii hin dhageenyeetti qiileensatu odeessa,
Jimmaaf Finfiineerra xobben ka'an kaleessa,
Eessaa qubaatan laataa? Eenyuutu isaaniif tumsaa?
Kafana furdaa qabuu? Yoo qorreef halkansaa,
Yoo saafaan hammaateef Odaatu gaaddisaa,
Odaan Saba Oromoo haa dagaagu dameensaa,
Caamsaaf hin xoolagu egereef lalisa,
Kichuu minciraani tokkummaadhaan tiksaa,
Hidda dheeraa qabaa bubbee kamtu jigsaa?
Qomoon fakkii horaa hin gogu burqaansaa,
Har'a obaaseetu kan boruu miidhagsaa!
Qola furdaa qaba kuusaa-aadaa beekumsa,
Qorra-aadaa nafxanyaa gootni ittiin obsaa!

Mukti Oromiyaa sagalee baay'isaa,
Dhamsa gootota Oromoo maqqoo mee nuuf ibsaa,
Midhaaniifi bishaan eenyuu isaani geessaa?
Tafkii moo injiraan maaltuu isan rakkiisaa?
Tafkii golfaa baattu haantuutatu dhoksaa,
Asiif achi fiigdee facaafti ciniisaa,
Uummata yakkeen fixxi akka cubbuf abaarsaa,
Mukti Oromiyaa maqqoon gootota gorsaa,
Kan lachuu balleessu himaa qorichasaa!

Cunfaa Hiddii¯Sareefi Andoodeen kormansaa!
Minciiraan yoo tuman heddu hoomachessaa,
Summiin isan qaban xurii qulqulleessaa,
Xuriin kafana bilisaa dhorka- aadaa cunqursaa,
Ciittoo sabni hooqqatu guyyaafi halkansaa,
Humni kurfeessamee kan sabafi hawaasaa,
Tokkuummaan yoo miicaan xurii isa fokkisaa,
Dhiiga gootota Oromoo yoos baasu Gumaasaa,
Tafkiin hin utaaltu injiraan mee dhiisaa!
Hukkaamamte dhumti waan dhabduuf qilleensa!

Uggum hima Oromoo yoo cuunfu xinxala,
Kan yeroon hin adabne qomoon hundi ilaalaa,
“Harka yoo keennaani kan fudhattaan milla”,
“Har'a booru yoo kuusan boru dhugdu taliila”,
Kaanaaf haa hubannu maqqoo dhugaatu caala,
Lammiin mee qofforaa yoo qotuu dadhabdan,
Hiddii¯Sarees taatu Andoodee yoo dhaabdan,
Seenaaf baddee hin baddu sanyiif waanti hedan!

Dhaamsa gootota Oromoo seenaa lammii ilaalu,
Maqqoo fakkeessinee mee xinno haa yeellallu!


Qamaanyoo erga nyaatee muka-baalli xirawu,
Funyaan duudaa qaba Ajjawaa yoo hawwu,
Araarsaa haa afnuuf seenaaf haa urgawu!
Akka kossoofi maagaa raammoo uummata nyaatu,
Sirna aadaa cunqursaa lammiin kan miixatu,
Dawaan mirga-uumaa bilisa midhooftu,
Seenaatu nuuf ibsa qabsoo malee hin dhuftu!
Kanaaf Gootota nyaatti qabsoon kan hadhooftu!
Raammoon dhaqna lixxe na gayee jettee hin baatu,
Yoo itti nyaataan male qoricha hadhooftuu,
Haanquu fi Mattaree lammii maaf waallaaltu!
Galaa bassoo garbuun yookaan nuugiin nyaatu!

Digaaluufi Laanqiisaa warri biiyyoo sodaatan,
Waaddeesaafi Kombolcha malee hin jiraatan,
Waaddeessiifi Kombolchi gootonni dhageessuu,
Bokkaa caamsaan dhufe roobee kan lolaasu,
Lolaan yoo loola'e biiyyoo kan balleessu,
Mukti hundeen furdaa kan hidda dheeratu,
Biiyyoo biiyya abbaasaa loolaaf callisee hin laatuu,
Digaaluufi laanqiisaan kaanaaf sin abdaatuu!
Yaa Ejeersa diimaa muka biyyoon hin nyaanne,
Gootota Oromoo lammiin otoo waldhaanee,
Diina biyyoo Oromiyaa rirma sila dhannee!

Somboofi Anfaara kan goolaaf dhaabatan,
Goola Bakkaniisaa aadaaf yoo qorattan,
Waleensuu hin korani seenaasaa yoo beektan,
Gooli Bilisummaa dhabaata lafee goototan!
Gaattiraan nuuf raagaa mukti fakkii lubaa,
Seenaaf mana ijjaartu akka utubaa fi dhaabaa!

Mammagaallee Oromoo shaaggee ilkaan kaarruu,
Kaan dagalee taati kaan suuqaasheef qaru,
Akka Shimalaa fi Soolee baaxii ittiin ijaaru,
Baaxii aadaa siiqqee kan jiireenyaafi jiruu,
Qiinqiin akka hin nyaane laafeen itti haa aaruu,
Dhim`uun akkan hin galle Daggaalaan ajjeeru!
Yaa Gootota Oromoo adaraa nagaan jiruu?

Akka Baahaa fi Okoomin baallisa lalistu,
Dameen kan dagaagee akka Birbirsa waarituu,
Uummata Oromoo seenaasa hin qoratuu?,
Diinni yaabuu feetee sinbirruu hin qaritu,
Eeggadhu yoo beekte Sonsa si hidditu,
Tuuta akka kanniisaa du'a yoom sodaatu,
Dargaggoon Oromoo goraddee qaratu,
Dameesaanii tuqxee mormaakee si kutu,
“Kan gagura hidhe damma kan baafatu“,
Nadhii gootota nyana gagaa ibsanetu!

Dhangaggoofi Haanquun kosoo ittin baasaatu,
Heexoofi Matarree ittiin qulqulleeffatu,
Dhummuugaan dallaaf Reejjii ittin haqatu,
Bosoqqeefi Ballessaan maagaan kan sodaattu,
Harbuufi Goraa nyaatu Beela yoom himatu,
Hagamsaa fi Qaqqawii bultee gootni nyaatu,
Koomshoo dhangaggawuu gaafa rakkoo nyaatu,
Hudhaa bifti keelloo kan goota qubsitu,
Eebicha hadhawu mi'a ittiin dhiqatu,
Daannisaafi Incinnii xibxaabiif abdatu,
Qaqaroon waan dansaa ittiin akeekkatu,
Alaltuu lagarraa rigaasaaf muratu!
Diinni dhukkuba taate Ilkaan lammii hin hurtu!
Ulumaayiin siiqqeef aadaa kan muldhiftu,
Xoosanyiifi Altufa dhadhaa ittiin baqsatu,
Aadaa Buna-qalaa cuukkoofa ittiin nyaatu,
Ejjeersaafi Waatoon qabee qoorasatu,
Buna Cilatamman dhiigni yoo qulqulooftu,
Shimala-Harooressa jinfuu itti maratu,
Saree ishee sologee diina ittiin eeggatuu!
Irreen Tokkummaatiin hawwii sabaa guutu!

Haancabiin qorichaa qufaadhaf hulatu,
Sirna aadaa cunqursaa afuura ajooftu,
Seenaan akka hinssamne Kusaayeen foksatu,
Harangama kichuu Altufa yoo seetu,
Dargaggoonni Oromoo dhiigaaf dhukkubsatu,
Tasa Morma si muru diina yaa maraattuu,
Conqolaatee ciista dhiignikee yoo facaatu!

Abbayyiifi Yuubdoon dhiiga ofira haqatu,
Adaamii annansaan madaa qabsoo qorsatu,
Qasameefi Abbayyii keelloof daamaratu,
Laaftoomoo Doddotaa kan kasallii xaaxxoftuu?,
„Ugguum sanyii ibiddaa daaraa maal himatu“,
Waaqni sitti haa qabuu goota gumaaf dhaadatu,
Kan raamaca dhaamsuu daaraa hin sodaatu,
Yaa goota Oromoo maqqoon yoo dhammaatu,
Lammii ofii malee diina maal abdatuu?

Lammiin fakkii mukaa bifiti waan baay'atu,
Hunda qaba qooda seenaaf kan muldhatu,
Tokko tokkoof gaaddiisa tokkummaan jiraatu,
Tokko tokkoof gaaddiisa tokkuummaan dhaabatu,
Tokko tokkoof gaaddiisa tokkuummaan lolatu,
Tokko tokkoof gaaddiisa diina yoos mohatu!


Yaa bosona Baalee maqqoo goototaa hin himtuu?
Akka caafee Coomman dhugaa calaqiftu,
Akka galana Waabee cirraacha hin quuftu,
Akka Bishaan Awaas soogidda mi'ooftu,
Hora Wancii xiyyoo keelloo ishee darartu,
Hidda-Feetii mitii Kusshee ishee mi'ooftu,
Bilisummaaf du'uu adunyaa hubaatuu?
Yaa diinaa akeekkadhu gumaan saba hin haftu,
Konyee sagal dhugdaa dhuka tokko nyaatu!

Ichiilbeefi gafarsii haarkisaan hin cittu,
Yaa diinaa dhageessaa qalbii akka horattuu,
Annanoon hidda goola hormaataaf hin beektuu?
Siida egereef eebbaa muuxannoof eeggatu,
Fedhiin Bilisummaa kan dhugaa hordoftu,
Fakkii hidda ichilbee harkiftus hin ciittuu,
Walansoon dhuunfana kan akka Kushee mi'oftu,
Mirga uumaa keenyaa humnaan dhiitaa hin haftu,
Hidda gororsaa nyaataa bulte kan hoqqistu,
Mee adaraa qoradhuu seenaan hin irraanfaattu,
Seenaa gootota Oromoo Eekeraan waan jettu!

Kan Maammoo Mazammir yaadadha seenaasa,
Yeroo isa fannistan waan nu dhaame dhaamsa,
“Dhiigakoo lolaasan dhuga dhoksuuf tasa”,
“Kan gogu see'anii maddafi burqaansaa”,
“Kan nama tokko yoo gogsan kan sabaa ni mirgisaa”,
“Ani seenaaf darbuus egereen magaarsaa”,
“Hawwii-Bilisummaaf seera-uumaatu tumsa”,
“Nami tokko yoo du'e kumaatama kaasa”,
“Lammii naaf hin boyiinan aadaa kufe kaasaa”,
“Dhiiga ijollee Oromoon dhunfana Bilisaa”!

Kan eenyuu siif himu meeqan siif tarreessaa?
Obbo Elemoo Qilxuu qoradhu seenaasa,
Roorroo nafxanya jibbeetu faacasse dhiigasaa,
Gootota Oromoo kam jedheen kam dhiisaa?
Obbo Taaddasaa Birruu michuu Hayiluu Raggasaa,
Hayilamaariyaam Gammadaa fi Alamuu Qixeesaa,
Obbo Magarsaa Barii fi obbo Baaroo Tumsaa,
Obbo Damisee Taccaanee boru guuta hawwiinsa
Abjuu Abboomaa Mitikkuu gootatu dhugoomsa,
Goota Omar Abraahim qomootuu iddoo buusa,
Dhiigni Nadhii Gammadaa hin haftu gumaansa!

Mukti Oromiyaa maqqoon mee nuuf ibsaa,
Carraa mirga-uumaaf hawwinee gargaarsa,
Birmanaa akka dhabne yoo jedhu nu dhiisaa,
Irraanfaatan se'u waan godhan kaleessaa,
Obbo Aargaw Dinqaa akka nyaatan foonsaa,
Obbo Daraaraa Kafanii haayyuu qalan nu keessaa,
Cal jedha akka jedhan hin booyiina dhiisaa,
Kichuu Oromoo cirani kan nyaachisan bineensa!
Lammiin akka aaduu lolaasee himiimaansaa,
Irraanfatan se'u seenaa fi hundee bilisaa,
Mukti Oromiyaa maqqoo hundaaf ibsaa,
Gootonni Oromoo hedduu hin qaban lakkoofsa,
Lubbuun wareegamuun dhuunfachuufi bilisa,
Jaalatani miti seera uumaatu dirqisiisa,
Seera–mirga uumaa kan hin qoodne hawaasa!
Lammiin yoom wallaale kan iftu akka qorsaa,
Jaatanii Bilisummaaf qomootu walii tumsa!

Diina maaf dhamaataa hawwiinkee hin guutu!
Dhugaa hubachuu dhiiftee seenaa yoo maqsitu,
“Offitti gabaabsita akka harree hidhaa kuttuu”,
Abbaa yoo fanniistes Haadha harmarra cirtu,
Kaan gurra duuchitee kaan ija jaamsitu,
Kottee naafessitee kaan harkarra murtu,
Kaan hidda dhiigsitee kaan morma gorraatu,
Qomoon saba Oromoo galaana hin hir'atu,
Fakkii Odaa dagaagee waan hidda dheeratu,
Gogsuuf damee yoo cirte boruuf kan guddatu,

Seera uummaaf finiina dhaaraan hin jijjiirtu,
Sagal ta'ee lata damee tokko yoo murtu!
Hayyuu bulan qoradhuu seenaaf hin walaltu,
Jarraa Abbaa Gadaa fi obbo Waaqoo Guutuu!

Lammii qalbeeffadhaa kan seenaaf mul'atu,
Goototni tarressaman fakkenyaaf beektu,
Kan dhuman heddudha qomoon hin wallaltu,
Tokkummaan haa deemnu gumaan akka baatu!

Uggum qalbii diinaa sanyii nu qorata,
Boorana fi Bareentumaan hundee keenya beektaa?
Maccaa fi Tuulama gootota nu walaltaa?
Ijoollee arfaan qalloo Ituu qomoo Waataa,
Oboraa, Ala fi Noolee, Baabbilee iyyaafattaa?
Qomoon keenyii galana ilma tokkicha seetaa?
Gasharee Karrayyuu Gujiin si toobbata!
Leeqaa ilma Booranaa Jaarsoo cina dhabataa,
Sadan Liiban hore gootota wallaltaa?
Walisofi Kuttaaye, Ammayya irraanfataa?,
Salgan ilmaan Bachoo eessuummankoo beektaa?
Galaan qomoo Abbichuu Sooddo sadan goota,
Torban Guduru hore qomoo Jimmaa wallaaltaa?
Gudaayyaafi Abboonoo Abbaayyii iyyaafattaa?
Lammii Jaarsoo fi Waayyu Raayyaa na qorattaa?
Salaale na wallaaltu shimalaan tumamatta,
Nonnoon si ukaamsa baqsaa Calliyaa nyaataa?

Essummaankoo Keekuu gasharee Gudayyaa,
Limmu lammii Biloo dhiiga Arsii fi Raayyaa,
Sanyii na qorattaa? Dorraan hiinaan biyya,
Dorraan seera miti dhugaa yoo beekte wayyaa,
Biyyoo biyya abbaakoof gaafan du'en fayya,
Seena harma nu cirte yaadadheetan iyyaa!

Arsii qomoo Walloo Rayyaa sanyii goota,
Leenjisoo Diigaa fi Rooba ilma Buttaa,
Akkakayuu keenya Waqoo Bororoo beektaa,
Torban Walloon hore diina daaktu hunkuta,
Seenaa mee qoradhu feetu ittiin gorsamta,
Warqiituun akkookoo dhugaa maaf dhoksitaa?
Gumaan torbaan Hiluu kan siif oolu seetaa?
Sii hinhaafu hinabdaatiin offuma dhaamata,
Qomoon saba Oromoo Dhiigaaf dhikifata!
Tokkummaan dhabbaate morma sirra kutaa!

Isilaama, Kiristaana kaaniin Waaqefataa,
Harargeefi Baale, Shawaafi Wallagga jetta,
Dorraan nu qabattee nutti taate gooftaa,
Lammii walnyaachiisuuf maqaa nuuf mogaaafta,
Kutaa hundee hin qabneen qomoo bittimsita,
Seenaan dhugaa ibsa callifteet dhaamata,
Boraan Bareentuumaan hiddasaan dhaadata!
Qomoon saba Oromoo tokkummaan dhabaata!

Diinaa qalbeeffadhuu dhugaan kan addaatuu,
Hawwiin bilisummaa seera-uumaatii hin beektuu?,
Qal'inashee ilaaltee harkiftus hin citu,
Hayilamariyaam Gammadaa himasaa hin yaadattuu?
Galaa daandii dheeraa akkana kan jettu,
“Sabni Oromoo tokkoo hundi haa qalbeeffatu”,
“Gargar nu bittimsuuf diina kan miixxattu”,
“Fedhiin nutti qabnu bilisa mi'ooftuu”,
“Yaa diina hubadhu dhugaan baddee hin haftu”,
“Mirga-Seera-Uumaa humnan hin awwaaltu”,
“Bofa magariisuu nafa si lixee hin beektuu”?,
“Gadhiifnaan ni lixa harkisnaan kan citu”,
“Summii nafa lixe yoomiyyuu hin faayyitu”!

Seenaaf qalbeeffadhu yaa diina marattuu,
Biyya tokko hin taane humnaan hin ijaartu,
Saba tokko hin taane hawwiif tokko hin gootu,
Seera walqixummaa uummaa malee hin tumtu,
Dorraan seera seetee? Oromiyaa kan dhiitu,
Fedhii Bilisummaa humnaan hin owaltu,
Fakkii hidda gafarsaa yoo cirtes kan latu,
Adaraa qalbeeffadhu seenaa boru muldhatu,
Nama dhugaa dhiite cubbuun akka awwaaltu!
Otoo Kuusheen jiruu Feetii namni hin nyaatu,
Mirga-Uumaaf duuna dhugaan hin dhokattu,
Nama bilisaaf du'e seenaan hin irraanfattu,
Gumaan gootota Oromoo bawuunshee hin ooltu,
Gororsaa maaf nyaataa? Bulte kan hoqqistu,
Otoo sitti hin dhiyiin maaf nagaan hin galtuu?

Gootoota Oromiyaaf!

http://www.gumii.org/Articles/Walaloo/Mukti_Oromiyaa_mee_maqqoo_nuuf_ibsaa.html

No comments: