October 03, 2007

Irreessa 2007 irratti uummatnni maal jedhe?

Suuuraa Irreessa Bergen 2007, Norway


Irreessa 2007 irraatti uummatnni maal jedhe?

"Irreecha baranaa wayyaaneen harkatti galfachuuf kan yaalte yoo ta'u, garuu hin milkoofneef. Yaaliin Abbaan Duulaa ganticha (Naggasaa Nagawoo) qabatee waltajjiitti
olbahuuf taasise guutummaatti fashaleera. Ummatni balbala malkaa isa guddaa A/Duulaaf jecha waan dhorkameef Iddoo dhiphoorratti walirra yaa'ee namni
lama du'ee baayyeen miidhameera. Karaa biraa sakataan torban dursee jalqabame itti
cimuudhaan namni karaa Bishooftuu seenu hundarrtti hanga guyaatti (sa'aa 7_8 pm) sakataaf dhaabbachaa turan. Namni baayyeen itti galgaloofnaan uyuu malkaa hin ga'in deebi'anii galan. Namni hedduunis uffata ABO uffatan jedhamanii hidhamaniiru. Isaan keessaa kan Bisho. (Sisaay Bulbulaa(amma hiikame)Badhaasa,Abdii Gaarii, Gammachuu Baqqalaa, ....) "


"Wa'ee Irreechaa baay'ee kan sidhibuu deemeen osoon hin irreeffatiin gale. Jireenya kootittii baay'ina namaa haga kana argees dhaga'ees hin beku. Osoon deemaa jiruu karaa ga'een lafan dhaabadhu dhabee afuurri nacitee kaniin ukkaamamee du'uu ga'een akkuma hin ta'initti keessaa ba'een duubattii deebi'ee gara finfinettii debi'e. Akkaa kaleessaa guyyaan itti gadde hin jiru. kan dhiphinaa kana uume immoo abbaa duulaati. innii waan deemeef poolisiin laakkofsi isaanii dabalee ummataa asii fi achii jeeqaa waan turaniif akka ta'ee ijolleen galgala naaf bilbilaanii turaan. namotni harkii 40mni yoo xiqattee achii ossoo hin ga'iin kan debi'aan dha."
No LAW as beautiful GADAA
No word as beautiful as OROMOO
No Adminstrationas Democratic as SIRNA GADAA
No Religion as original as WAAQEFFANNAA
No diet asdilicious as DHANGAA
No rythem as melody as WEEDDUU
No CELEBRATION as attractive as IRREECHAA.
It Is perfect that OROMOO is perfect than perfect.
YOU ARE INVITED TO ...HORRA ARSADE
Please forward this msg to as many as u can.
May WAAQAA bless you.


Suuraa: Seena (TMM)

No comments: