October 03, 2007

Irreessi 2007 (Bishooftuu, Bergen, MN, ...) Haala Gaariin Ayyaanefatamee Oolee

BAGA AYYAANA IRREECHAAN ISIN GA'E !!!!!!!

Irreessi Magaala Bergen, Norway keessatti gaafa fulbaana 29 2007 ayyaaneffaameera.

Dilbata Fulbaana 30, 2007 magaalaa Bishooftuu Hora Arsadiitti isa kabajamee oole ayyaana Irreechaa irratti kanan ija koon argee, gurra koon dhaga’e fi hubadhe, baay’ee gaggabaabsee akka armaan gadiittan dhiyeessa.

Suuraa 1: Irreessa Bergen 2007, Norway

1. Uummati ayyaana irreechaa kabajachuuf dhufe baroota darban irra caalaa baay’ee baay’ee ture. Ani tilmaamaan kaahuu waan hin beekneef malee inni kaleessaa isan yeroo dheeraaf waggaa waggaan argaa ture irra baay’ee caala. Bara baraan baay’inni namaa dabalaa akka deemes sirriitti hubadheera.

Suuraa 2: Irreessa Bergen 2007, Norway

2. Abbootiin gadaa fi manguddootiin godinaalee Oromiyaa adda addaatii dhufan hanga danda’an sirna isaa ho’isuuf yaalaniiru, garuu kaleessa ayyaancha irratti kan argame ergamtuu fi Minsteerri wayyaanee Girmaa Birruu isaan faana waan tureef polisii humna darbatamaa Oromiyaan (“Oromia police rapid force”) lakkoofsi isaanii baay’een marfamanii waan turaniif yeroo irreefatanis ta’e, deeman isaan itti siquun rakkisaa ture. Ayyaanichas fiixaan ba’uufii baatus ayyaana uummataa osoo hin taane ayyana OPDO gochuuf yaalaniiru. Baandiin isaan fidatan karaa isa gara malkaa irreechaatti geessu bira waan dhaabbateef nomootii maalummaa isaanii hin bariin dawwachaa turaniin waan cufameef salphaatti gara malkaa irreechaa ga’uun hin danda’amu ture. Keesumaa kaleessa isaaniif kan sirbaa ture sirbituu Taaddelee Gammachuu yeroo dhufe baay’ina namaa akkas ture keessatti konkolaataa malee hin deemu jedhee konkolaataan tokkittii isa qabattee turte yeroo uummata gidduu seentu rakkina guddaatu uumame. Dhiibbaa sababa kanaanis ijoollee durbaa miidhaman ijaan argeera. Sirbituun kun konkolaataa irraa bu’ees “body guard”n marfamee deemaa ture. Sirbitooti bandii Gadaa fi Bilisummaa keessa kan turan baa’een bakka irreechaa ummata duukaa ayyaaneffachaa mishaa dhabanis sirbaa turan. Gabaabaatti isa ani lakkoofsa 2 kana keessaati ibsuu yaalee rakkina adda addaa kanatti, namootiin ququlluu ayyaanicha irratti argaman aaraniiru.

Suuraa 3: Irreessa Bergen 2007, Norway

3. Qindaa’ina sagantaan yoo ilaallu waggaa sadan kanaa asitti rakkina guddaatu mul’ata. Hunduu garee mataa isaan tocho’aa waan tureef gidduu galeessaatti iddoo tokkotti sagantaan akka durii beektotaan barunsi kennamnes, inni dur godhamaa tures hin jiru. Kunis wayyaaneen amantoota Waaqeffataa fi waldaa Maccaa fi Tuulamaa irratti gochaa diinummaa isheen raawwateen kan uumamedha.

4. Uummati godina adda addaa irraa dhufe sirba aadaa fi qabsoo sirbaa tureera. Kan aadaa akkuma jirutti ta’ee sirba qabsoo sirbamaa ture ani yaadadhu keessaa:

4.1 WBO koo luuccaa filuu

ABO koo luuccaa filuu

Mallas Zeenaa mataan irra hin jiru.

4.2 (Siifan lolaa Oromoo narra hin gortuu ) *2

Akkaa Goobanaafaa hin gadoomuuree

Hin gadoomanii

Halagaaf hin garboomanii

4.3 Ohoo hoo baala tuufoo

ABO nuuf wayya nuufoo

Daawwit nuuf wayya nuufoo

Leencoo nuuf wayya nuufoo

4.4 Ajjeesee dibata WBOn baranammoo (guutuu isaa hin yaadadhu)

4.5 (Ohoo hoo yaa heehee) *2

(Deemmiin ga’ee) *2

Amma deemmiin ga’ee

Mallas Zeenaa soogidda bishaan lixxe ta’e.

4.6 Ohoo hoo yaa baallashee

Mallas Zeenaa diqaalaa nurratti dhalchee fi KKF birootu ture.

Suuraa 4: Irreessa 2007, Bishoofttuu, Oromia

5. Geejjibi Finfinneetii - Bishooftuu akkasumas Bishooftuutii – Finfinnee rakkina guddaatu ture. Gatiin kaffaltii taarifaa qarshii 5.00 ture kaleessaa qarshii 10.00 godhan. Nomootiin Atoobisii lama guutuu turan walii galanii qarshii 5.00 (shan) malee hin kaffallu keessaas hin buunu jedhanii shofeeronni gara buufata Polsii magaalaa Bishooftuu geessaniiimaltoonni keessa turan dhaqanii haala jiru itti himan, polsoonnis gabaan gabaa walabaa waan ta’eef konkolaataa namaa keessaa hin buunu jechuuf mirga hin qabdani isinii hin taane yoo ta’e kan biraa barbaaddadhaa jedhanii imaltoota dirqamaan keessaa buusan. Imaltootis qana’anii tajaajilli polsii uummataaf akka gargaarsa gochuuf fedhii hin qabne gutummaatti hubatee adda faca’ee gara filannoo biraa deeme.

6. Polsootiin ganama tilmaamaan magaalaa Bishooftuu irraa gara kiiloo meetira shan irra dhaabbatanii konkolaataa fi nama Finfinneettii dhufu sakatta’aa turan. Dabaree sakatta’amuu argachuuf sa’aatii dheeraa dhaabbachuun dirqama ture.Sababa kanaanis imaltooti akka itti hin barffanneef gara sa’aatii tokkoo millaan deemaanii sagantaa hirmaataniiru, manguddootii fi walakkaan namaa millaan deemuu waan hin danddeenyeef itti barfatee jira.

7. Hirmaatota ayyaana irreechaa keessaa darggagoota umuriin isaanii 18 fi 20 ta’an lama Tii Shertii kaartaa Oromiyaa fi alabaa ABO qabu waan dhuffataniif, magaalaa keessatti polisii magaalaan qabamanii yeroo gara mana hidhaa deeman argeera. Isa booda attam akka ta’an odeeffanoo argachuu hin dandeenye.

Gadaan gadaa Bilsummaati !!!!

Falmataa Dhugaa


Suuraawwan Irreessa Bergen 2007f Aaddee TMM maqaa OromiaTimes iin hedduu galateeffanna!

No comments: