March 08, 2008

Ibssa Ejjannoo Miseensota ABO Konyaa Switzerland


Ibssa Ejjannoo Miseensota ABO Konyaa Switzerland
Mootuummaan Wayyaanee Uummatni Oromoo akka isaaf jilbeeffatuuf karaa adda addaatiin qabeenyaa isaa saamee deegsuudhaan kaazinaa ofii isaa gabbifachuu irratti bobba'ee jira karaa biraatiin immoo maqaa OROMIYAA jedhamu dhabamsiisuudhaaf ciminaan halkaniif guyyaa irratti hojjachaa jira keessumaa iyyuu maqaa Investmeentii fi gabaa walabaa jedhuun warra abbaa qabeenyaatii fi namoota biyya alaa jiraatan afaan faajjessudhaan qotee bulaa Oromoo araddaa abbaa isaa irraa buqisee lafa Oromoo gurguruun dalagaa isaa guyyuu erga ta'ee bubbulee jira.

Miseensotni ABO Konyaa Switzerland wal ga'ii gaafa 01-03-2008 adeemsifanneen dhimma armaan olii kana irratti bal'inaan erga mari'atnee booddee ibsa ejjennoo armaan gadii qabxii ja'a of keessaa qabu baasannee jirra.


Ibsa ejjetnoo

1. Nuyi Miseesotni ABO Konyaa Switzerland gochaa mootummaan Wayyaanee qotee bulaa Oromoo araddaa abbaa isaa irraa buqqisaa jirtu kana cimsinee balaaleffanna

2. Karoora mootummaa Wayyaaneetiin harka lafa jalaatiin maqaa OROMIYAA jedhu dhabamsiisuudhaaf karoorfamee irratti hojjetamaa jiru ni balaaleffatna.

3. Maqaa Investmeentii jedhuuni mootummaan Wayyaanee lafa Oromoo gurgurachaa Oromoota deegsaa kaazinaa mataa ishee gabbifachaa jirtu kana cimsinee balaaleffatna

4. Oromootni miseensotas ta'ee deeggertoota ABO ta'an beekaas ta'ee utuu hin beekiin gochaa diinaa kana keessaa akka qooda hin fudhatne cimsinee akkeekkachiisna .

5. Oromootni dantaa mataa isaaniitiif jecha diina Oromoo wajjin walii galuudhaan lafa Oromoo mootummaan Wayyaanee gurgurachaa jirtu kana irratti hirmaachaa jiran diina Oromoo irraa adda baafamanii akka hin laalamne hubachiisna.

6. Oromootni miseensotaa fi deeggertoota ABO ta'an gochaa diinaa kana irratti hirmaatanii yoo argaman balaa isaan eeggatuuf kan itti gaafatamu mataa isaanii akka ta'an ni hubachiisna.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Injifatnoon Ummata Oromoof!!

ABO Konyaa Switzerland

No comments: