March 18, 2008

Korri xiqqaan ABO Kutaa USA Injjifannoo Guddaan Xumuramee

Korri xiqqaan ABO Kutaa USA Injjifannoo Guddaan Xumuramee
Korri xiqqa kutaa ABO USA kan bara 2008 Bitoottessa 15 – 16 magaala Denver, Colorado keessatti godhamee milikiin xumuramee. Miseensotni 80 ol tayan konyaa 13 irraa korricha irratti argamuun gammachuun qoodha fudhatan.

Korri kun dura ta’aa konyaa Denver J/ Mohammed Adamin simanna gaari erga godhamee booda qabsaawa fi maangudhicha beekama haajii Qaasim Xahiroo korrichi akka milkiin xumuramuu ebbisaani. Dura ta’aan Kutaa ABO USA Dr. Nuuro Dadaafoo kayyoo korricha ibsaan akka kora sirnaan banaan Jaal Diimaa Nagawoo Bu’uursaa ABO fi hoogganna gadaa darbee affeeraan. Jaal Diimaa Nagayoo korichi kun kora milki akka ta’uu haawanii korri xiqqaan kutaa USA sirnaan banamee. Kora guyya lamaaf adamsifamee irratti gabaasa hujii kan ji’aa jahaa, haala qabsoo bilisummaa Oromoo fi barnoota adda addaattu gageefamee turee.
Gabaasa hujii ji’a jahaan barbee kutaa USA keessaattii karaa hunddaan: Jarmayaa fi Siyaasaa, dinagdee, beeksisaa fi diploomasiin hojjatamee balinnan irratti mari’aatmee turee. Haallii qabsoon Oromoo irra jirullee miseensii balinnaan irratti mari’aatee qabsoo fixaan baasuf waan irra eggamuu godhuuf murteefatee. J/ Diimaa Nagawoo qaxxamuraa qabsoo Oromoo balinnaan erga ibsanii booda miseensotni qabsoo Oromoo fixaan baasuf waan isaan irraa eggamuu hundaa akka godhuu qaban jabbeessaani dhaamani jiruu. Kora kana irratti Jaal Abdataa Sabaa Miseensi gumii Sabaa gadaa darbee argamuun yaada jajaboo fi ijjaroo ta’aan gummaachan.
Barnoota miseensota fi dhaaba ABO kan jajjabeesuu qoondaalota kutaa ABO USA J/ Ibrahim Mummee (Itti gaafatama beeksisa fi Aada) fi J/ Mohammed Qaabato (Itti gaafatama Jaarmaya fi Siyaasa) tiin kan dhiyaatee miseensota haalan akka gammachisee hubatamee jiraa.
Galgala Bitooteessa 15 bakka Hawaasinni Denver dhibba heddutti lakkayamuu argameetti haalii qabsoon bilisumma Oromoo keessa jirtuu J/ Nuuroo Daadafoo dura ta’aa Kutaa USA ibsa erga keennan booda J/ Diimaa Nagawo qooda Oromootni biyya alaa qabsoo keessatti maal akka tayee barnoota badhaa keennan. Gaafi fi deebii ummata irra dhiyaatee marii badhaan gohamee.

Walgayii hawaasa kan gammachisee keessa tokkon diraama dargagoo Denveriin dhiyaatee dha. Diraaman dargagoon dhiyaatee kun qooda oromoonnii biyya ambaa jiraan mataa isaanii beekumsaan foyyeessaa (kara barumsaatiin) qabsoo sabaa isaanitiif godhuu qaban sirritti xiyyeefatuudan ummata walgahii irratti argameef dhaamsa cimaa fi barnoota guddaa kan dabarsee turee.
Qabsoo Bilisummaa Oromoo fixaan baasuf werreegaminni miseensaa fi ummata irra eggamuu murteessaa waan ta’eef jecha konyaaleen kora irratti argamanii fi ummanni Oromoo magaala Denver, Colorado sochii qabsoo bilisummaatiif $64,000 ol gummachaani jiru. Gummata booda Artistoonni Oromoo beekamoon Artist Mohammed Sheeka fi Artist Tujii Muddee ummata sirritti boharsaan. Korri xiqqaan Kutaa ABO USA ka guyyaa lamaaf godhamee murtiilee fi ijjaannoo jajjaboo dabarsuun milki’iin xumuramee.
Injjifanno Ummata Oromoof!
Kora Xiqqaa ABO Kutaa USA
Bitootessa 15-16, 2008
Denver, Colorado

No comments: