March 04, 2008

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) Kaaba Oromiyaatti Humna Wayyaanee Irratti Tarkaanfii Fudhate

Madda Oduu ABO

Oduu WBO

Waraanni Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaatti humna wayyaanee irratti tarkaanfii fudhateen kasaaraa guddaa geessisuu ajajni WBO godinichaa beeysise.

Ajajni WBO Kaaba Oromiyaa Godina WBO Hasan Aammee gootichi WBO Guraandhala 24, bara 2008 Ona Baatee Ganda Waayyuu keessatti tarkaanfii loltoota Wayyaanee fi hidhattoota sirnichaa irratti fudhateen 5 irraa ajjeesee hedduu fi madeessee beeksisee jira.

Loltoota diinaa madeeffaman keessatti ajajaa humna milishaa Wayyaanee naannichaa kan tahe namni Ahmad Muhammad Muftii jedhamu akka argamu hubatame jira.

Jaleen diinaa kun amma dura lola WBO diinarratti geeggesse keessatti madaawee kan lubbuun hafe yoo tahu, yeroo ammaa garuu haala du’a irraa hafuu hin dandeenyeen madaawee Hospitaala Dasee seenuun gabaafameera.

Humni diinaa tarkaanfii laalessaa Waraana Bilisummaa Oromootiin irratti fudhatameen baarage galaa fi hidhannoo isaa facaasee akka baqates gabaasa Ajaja WBO Oromiyaa Kaabaa Godina WBO Hasan Aammee gabaaseera.

No comments: