April 03, 2008

Dhaamssa Naaf Dabarssi! (Walaloo Aaddee Meetii Kiyyaa)


Dhaamsa Naaf Dabarsi!

Eenyuun akka taatan wal gaggaafattanii

Dhiiga tokko ta’uu keessan hubattanii

Dhugaan akka hawwaalamte waliin agartanii

Waanjoo gabroomfattuu baachuu jibbitanii

Kaayyoo keessan sana waliif hubattanii

Yaada tokkoon ka’uuf waliif kakattanii

Haqa keenya haa barbaadnu!jettanii kaatanii

"Yoo hin bilisoomnus ta’e haa duunu!" jettanii

Murtee isa kan Gootaa waliin murteeffattanii

Jiruu fi jireenya keessan duubatti dhiistanii

Lubbuu keessan qaalii osoo jaallattanii

Walii galtee tokkoon qabsoof bobbaatanii

Bu’aa bahii baayyi’ee keessa dabartanii

Beela’aa dheebochaa heddu dhamaatanii

Akka carraa taanaan diina harka buutanii?

Nuti dhiigaan tokko adda hin baanu!jettanii

"Kan manaa nu baases dhiigichuma!" Jettanii

Gaaffiin inni kan biraa booda irraan jettanii

Fakkeenya seena qabeessa egereef keessanii

Waadaa waliif galtan guutummaatti eegdanii

Wayyoo anaa nyaatuu! jaallan koo dhumtanii?

Waadaa keessan eeguun wal boraafattanii?

Kan qananii haa taatu ekeraan keessani!

Ammas haa dhalatu Gootni akka keessanii!

Maaloo ya Simbirroo mee koottu barrisii

Waantan sitti himadhu sirriin na caqasii

Jaallan keenyaa sanaaf dhaamsa naaf dabarsi

Kan qab-saa’aa kufan mara naaf dubbisi

Bakka itti kufan maratti Daraaraa facaasi

Iddoo dhiiga isaanii irra marga jiidhaa buusi

Kabajan isaaniif qabu haalaan hubachiisi

Guddina qabsichaas sirriitti itti odeessi

Bu’aa dhiiga isaanii ta’uu isaa yaadachiisi.


Warra lubbuun jiran bira hoo naaf deemtaa?

Manguddoota kenyaaf galata geessitaa?

"Umirii dheeradhaa!" jettee itti naaf dhaamtaa?

Bilisummaa hawwitan ijaan argaa! jettaa?

Bakka mana hidhaa sana hoo naaf deemtaa?

Firan arguuf yaadu dhaqxee naaf dubbistaa?

Haala keessa jiran sirriin naaf hubattaa?

kan jiraa dhabaman bakka jiran beektaa?

Karaa isaan darban beektee faana dhooftaa?

Iddoo itti dhoksaman ol lixxee gaafattaa?

"Isin waliin jirraa jabaadhaa!" ittiin jettaa?

Qab-saahota hundumaa barbaaddee argitaa ?

Bakka jiran maratti naaf jajjabeessitaa ?

"Wal arguudhaaf jirra!" jettee abdachiistaa?

Egaa si hin tursiisu karaa fagoo adeemtaa

Gootichaa fi Gootittii arguudhaaf hawwitaa

Kanumaaf garaan koo haalaan si jaallataa

Beenu jajjabduu koo atuu itti beektaa

Dhaamsa isaan biraas deebitee natti himtaa

Atis boruu keetiif Seenaa galmeessataa

Galata kee guddaas ana biraa fudhatta.

*************

Walaloon kana barreessanii kan nuuf ergan Aaddee Meetii Kiyyaa dha. Aaddee Meetii hedduu galatoomaa! Itti nuu fufaa!

No comments: