April 02, 2008

Gootoowwan Oromoo!!! (Walaloo Saartuu Oromoo)

Gootoowwan Oromoo!!!


Gootoowwan Oromoo kan dhiiraa durtii
Ulfaadhaa ammallee barumaan barattii

Xurreen bilisummaa dhiigaan taraartanii
Waa tolee bareedee jalqabni keessanii

Hanga'ee mandihee samiin duumeessaa'ee
Bilisummaa roobuuf gabrummaa ari'ee

Qabeenya Oromoo jeenootii hujii boonsaa
Hin irraanfatamtan sammuu teenya keessaa

Ulfaadhaa gfootoowwan kabjamaa ammallee
Gootoowwan Oromoo faaruu isiniin malee

Wareegama qaalii kan sabaaf kafaltan
Seenaa saba boonsuu galmeessuun dabartan
Dhaloota haarayaaf fakkii guddaa taatan
Onnee sabboonummaa keessatti magarsitan
Diinaa jilbiifachuu diddanii dabartan
Kani wal hin ganin du'a habbuuqattan

Janootii Oromoo goota gootoowwanii
Oromoon ni boonnaan hujii teesaniinii

Maqaann keessan hin duunee Gootootii Oromiyaa
Isin faana jirrraa dhalootni haarayaa

Itti fuufna qabsoon gargar hin dhaabbattuu
Hanga Oromiyaan guututti bilsoomtuu

Gootoowwan Oromoo kan lubbuun jirtanii
Biyya bilsoomsuuf hiriira galtanii
Bosona Oromiyaa mana godhattanii
Kan bilisummaadhaaf qabsootti jirtanii

Diigaa dahoo diinaa balaa itti roobsaa
Awwaala isaa godhaa bakka dahoo isaa

Injifannoo boonsaa galmeessaa jirtanii
Isin maddii jirraa nu sabni keessanii
Ishoo! jajjabaadhaa ni injifattanii
Abdii guutuu qabnaa GOOBAANI galtanii

IUOf
GGBti

Walaloo: Saartuu Oromoo


Suuraa: OromiaTimes