April 13, 2008

Guyyaa Gootota Oromoo Bara 2008 Ilaalchisuun Ibsa Adda Bilisumma Oromoo


Guyyaa Gootota Oromoo Bara 2008 Ilaalchisuun Ibsa Adda Bilisumma Oromoo


Adda Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo biratti Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo itti yaadatamuu dha. Guyyaan kun guyyaa ilmaan Oromoo qaroo fi muratoo ta’an, fedhii fi sadoo jireenyaa isaanii dhiisuun, bilisummaa saba isaaniif jecha lubbuu isaanii jijjiirraa hin qabne itti wareegan itti yaadaannuu fi kabajnuu dha. Guyyaa kana yeroo yaadannuu kaayyoo goototni keenya irratti wareegaman kan tokkummaa qabsaa’ota Oromoo fi ummata Oromoo galmaan gahuuf waadaa ykn irbuu seenne itti haaromsina.

Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 kan bara 2008 yeroo kabajnu gaaffiilee eessaa kaane, eessa geenyee jirra, qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa akkamii irra gahe, haalli diina keenyaa akkami, kan uummata Oromoo hoo maal irra jira, kaayyoo haqaa qabsaa’otaa fi ummati Oromoo irratti wareegaman bakkaan gahuuf maaltu nu irraa eegama jedhuu fi kan biroos kaafnee wal hubachiisuun barbaachisaa dha.

Eenyummaa uummata Oromoo haalame dhugoomsuuf, seena fi aadaa Oromoo awwaalame boollaa baasuuf, Afaan Oromoo dhabama irraa hambisuuf, walumaa gala bilisummaa uummata Oromoo mirkaneessuuf jecha sochii adeemsifamaa turee fi jiru keessatti wareegama ulfaataatu itti bahe. Wareegamni kunis lafatti hin hafne. Milkiilee gurguddoo argamsiiseera. Mirga ummata Oromo guutuutti harkatti galfachuuf ammoo amma illee qabsoo guddaatu nu hafata.

Diinni QBO laaffisuuf, ABO dadhabsiisuuf, ummata Oromoo hamilee cabsuuf sochii wal irraa hin citne gaggeessaa har’a gahe. Haa tahu malee Qabsoo ummatni Oromoo cichoominaan godhaa jiru mootummaan kun rifaatuu keessaa akka hin baane isa taasesee jira. Bir’aa fi sodaan alatti fedhii bara baraan saamaa jiraachuuf qabu dhugoomfachuufis Wayyaanee horii guddaa dhangalaasuun qabsoo ummata Oromoo irratti shira raawwatuu irratti argama. Akeeka kiyya bakkaan naaf gahu abjuu jedhuunis gurmuu qabsaawotaa, deggertootaa fi ummata keenyaa laaffisuu irratti akka hojjataniif lukkeelee biyya keessaa fi alatti bobbaasee jira. Waan taheef didhaan keessaa fi alaa qabsoo keenya dura jiru wal xaxaa fi ulfaataa dha. Kana cabsinee injifannoon keessa bahuuf hifannoo tokko malee kaayyoo keenyatti cichuun qabsaa’uu gaafata.

Tokkummaa ummataa fi qabsaawotaa kan dhiigaa fi lafee gootota kuma hedduun mirkanaawe diiguuf diinni yeroo kam illee caalaatti duula bal’aa geggeessaa jira. Ummatni keenya akka wal shakku, bir’aan isa gidduutti uumamu godhuuf ganda, naannoo fi gosaan qooduuf guddoo tattaafata. Hamilee ummata keenyaa cabsuuf hidhaa, doorsisa, ajjechaa fi saamicha qabeenyaa daanga hin qabne irratti adeemsisa. Oromoo tahuu qofti yakka tahee manneen hidhaa ilmaan Oromoo sabboonoo tahaniin guutamee jira. Tarkaanfiin diinaan fudhatamaa jiru kun Wayyaaneen qabsoo bilisummaa Oromoo hagam akka sodaatu mirkaneessa.

Miseensoti ABO fi ummatni Oromoo garuu waadaa gootota Oromoof galan ogguu yaadachuun shiraa fi duula diinaa dura dhaabbachuun fashalsiisuu irratti argamu. Ummatni keenya hidhaa fi ajjeechaa diinaaf jilbaanfatee qabsoo irraa of duuba hin deebine. Barattooti Oromoo gabatee barnootaa irraa arihamuu sodataanii, hojii dhorkatamuu isaaniitti rifatanii qabsoo bilisummaa ummata isaanii hin laaffifne. WBO duula gurguddaa diinni karaa hedduu itti bobbaasuu of irraa deebisuu duwwaa osoo hin taane diina bakka isaaf him malletti argamu qaanessuu irratti argama. Gabaabatti fuula hundaan shiraa fi dabni ABO tii fi QBO irratti diinni xaxaa fi hojjataa jiru galma isaa irraa hanqifamaa jira. Qabsoon keenya qabsoo haqaa waan taheef hammeenyi diinaa yoo nu gufachiise malee akeeka keenyaa irraa nu gatuu gonkumaa hin danda’u. Bilisummaa keenya mirkaneessuuf wareegamni kaffallee fi kaffalaa jiruu haga guyyaa bilisummaan keenya mirkanaawutti addaan hin dhaabbatu. Ummata keenyaatti kabajaa fi ulfina kan horee fi horaa jiru wareegama gootota keenyaa waan taheef, kajabaa fi ulfinni bara baraa kan gootowwan wareegamtoota keenyaa haa tahu jenna.

Qaanqee qabsoo bilisummaa gootowwan Oromoo wareegaman facaasan har’a goleele Oromiyaa mara keessatti murnoota hawaasaa Oromoo hundaa dhaqabee finiinee sadarkaa olaanaa irratti argama. Miseensoti ABO fi ummatni Oromoo bal’aan kaayyoo gootowwan keenya irratti kufan galmaan gahuuf qabsoo bilisummaa finiinsuudhaan sadarkaa kanaan gahanis kabajaa fi galata guddaa qabu.

Har’a mootummaan Wayyaanee muddamsuu guddaa keessa jira. Ummata Oromoo hidhuu, dararuu, ukkaamsee dhabamsiisuu fi doorsisuun qabeenya isaa bifa adda addaan saamee hiyyoomsuu fi gadadchuun hamilee isaa cabsuu dadhabuun guddaa isa yaadessuun hin falamsiisu. Mormiin ummatootaa, qabsoon hidhannoo cunqurfamootaa finiinaa dhufuun ammoo yaaddoo irratti yaaddoo itti dabale. Lolli biyya ollaa Somaliyaa keessattii bane akka yaade salphaa tahuu didee guyyaa guyyaan lubbuu loltoota isaa galaafataa jira. Ummata Oromoo fi ummatoota ollaa walitti buusuun lubbuu bittaa isaa dheereffachuf shirri raawwatus waan irratti dammaqamaa dhufeef akka barbaadetti tahaafii hin jiru. Ummata Oromoo hin jilbeenfadhu jechuun qabsoo isaa finiinsaa jiru sossobatee of jala hiriirsuuf tattaafatuun ammoo tooftaa gowwoomsaa Wayyaanee kan biraa ti. Ummata hawwachuufis sababa adda addaan olii hanga gadiitti badhaasa qoodaa jira. Kun hundi sodaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi sochii bilisummaa biyyicha keessa irraa ti. Diinni ummata Oromoo kan sodaatuuf haala kamuu jalatti qabsoo isaa waan jabeesseefi. Ummatni goota hin qabne hin sodaatamu, hin kabajamu. Gootni lubbuu isaa wareegee ummataa isaatti kabajaa hora. Kabajaa fi ulfinni gootota Oromoof bara baraan haa tahu kan jennus kana irraa kaanee ti.

Yaa ummata Oromoo!!

Murni Wayyaanee Tigiraay si sodaata, qabeenyaa keetti hinaafa. Sochii bilisummaa ati gootu akka qara eebootti sodaata. Mirga kee dhuunfachuu jechuun du’a isaa akka tahu diinni bareechee beeka. Kana hanqisuuf shira adda adda xaxuu irraatti argama. Diina akka ummataatti nu diineffatee lafa irraa nu haxaa’uu barbaadu jala guyyaa tokko illee buluu caalaatti salfachiisaan hin jiru. Kanaaf:

* Ummati Oromoo kana hubattee QBO kee daran akka finiinsitu waamicha keenya haaromsina.

* Bilisummaan wareegama malee hin argamu waan ta’eef wareegama barbaachisu baafnee kaayyoo gootowwan Oromoo wareegamaniif bakkaan gahuuf harka wal qabannee qabsoo haa finiinsinu.

* Injifannooleen haga ammaatti galmeeffaman tokkummaan waan qabsoofneef tahuun mamii hin qabu. Kanaaf shira olaanaa yeroo ammaa diinni tokkummaa keenya diiguuf xaxaa jiru cabsuuf hogganooti, miseensoti fi deggertooti ABO akkasumas ummatni Oromoo harka akka wal qabattan dhaamsa dabarsina.

* Tokkoon tokkoo dhala Oromoo qabsoo bilisummaa sabaa deemaa jiru keessatti qooda maaliin kenne jedhee of gaafachuu qaba. Yeroon gochaa keenya sirreessuu qabnus ammuma.

* Ilmaan Oromoo sababa adda addaatiif mootummaa Wayyaaneef hojjachuun qabsoo bilisummaa ummata keessanii dura dhaabbataa jirtan, gochaa keessan gilgaaluun osoo yeroon hin dabarre hiriira qabsaawota akka seentan dhaamsa dabarsina.

* ·Tokkummaa Oromoo dhiiga gootowwan Oromoon mirkanaawe tiksuu fi daran jabeessuun, humnoota tokkummaa Oromoo sharafuuf dhama’an dammaqinaan akka of irraa eegnu hiree kanaan hubachiifna.

* Mirgoota wareegama gootowwan Oromoon galmeeffaman tikfachaa kan nu hafan harkaan gahachuuf uummati Oromoo hirmaannaa isaa dachaan akka dabalu waamicha goona.

* Beektoti Oromoo, kaa’imman, dubartootaa fi murnooti hawaasa Oromoo hundi bilisummaa Oromoo dhugoomsuuf qooda isaan irraa eegamu akka bahan dhaamsa dabarsina.


Guyyaa Gootoota Oromoo Ebla 15, 2008 yeroo yaadannu kaayyoo gootowwan Oromoo irratti kufan galmaan gahuuf waadaa keenya irra deebinee haaromsina. Diina qe’ee keenyatti dhufee nu ajjeesaa, qabeenya keenyaa saamaa fi nu xiqqeessaa jiru of irraa kaasuuf kakuu keenya haaromsinee sochii keenya dachaa dachaan haa guddifnu. Diini nurra turuu fi gadadoon nutti jabaachuuf kan komannu mataa keenya malee kan biraa tahuu hin danda’u. Wareegama bilisummaan gaafatu baafnee of bilisoomsuu malee humni biraa bilisa nu baasu akka hin jirres haa hubannu. .

Kaayyoo gootowwan wareegamanii bakkaan ni geenya!
Wareegamtooti keenya bara baraan ni yaadatamu!

IUOf!
GGB ti!!

Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 15, 2007

No comments: