October 03, 2008

Muka Qottoo (Walaloo J/ O. Q.)

Muka Qottoo

Jireenyi hawaasummaa,
Bifa addaddaan ibsama,
Mee anillee waan hima,
Na hoofkalchaa yaa jama.

Waa'ee muka qottootii,muka qottoo isa hookkoo,
Isa keessatti dabe, kan ta'e madda rakkoo,
Waan hawaasni mammaake, himuun fedha altokko,
Ijarraa na hambisaa, yaa dhaggeeffatoota koo.

''Dalagaan ilma namaa,
Silaas ajaa'ibumaa,
Uumama muka qottoo akkaataasaa hubatee,
Hookkummaasaa argatee,
Dabasaa ilaallate,
Numa keessa adeemee,sakatta'ee filatee,
Sibiilatti tolfatee,
Qottoo isa taasifatee,
Nu cire, nu kukkute,
Rakkootu nu mudate,''
Jedhee mukti dubbate.
Dubbachuu qofaa mitii,wal ga'ee marii'te.

Wayita rakkoon dhalatu,
Yeroo roorroon hammaattu,
Gaaddusuma taa'aniitu walumaan marii'atu,
Haala kanaan qofaadha kan furmaanni argamtu.

Kana irratti hundaa'anii,
Mukeen yaa'ii bahanii,
Rakkina isaanii furuuf, akkasitti haasa'ani.
''Haga yoom roorrifamna?
Maaliif ciramnee dhumna?
Dubbadha nidubbanna,
Wal taanee,waliin kaanee, rakkoo keenya furanna.''
Eega jedhanii booda,
Gadi fuudhan waan hundaa.

Inni dura dubbate, akkas jedheetu ibse,
Lallabee dhageessise.
'Diina keenya nibeekna, diinni keenya sibiila,
Wal taanee tokko taanee, isuma irratti duulla,
Maal taatanii jarana, hanga yoom teenyee laalla?''
Jechee gaaffii gaafate,
Yaada saa xumurate.
Mukti biroos ol ka'ee,
Akkas jedhee haasa'e.
''Dhugaadhuma mirkana, kan nu fixu sibiila,
Sibiilli silaas diina, diina keenya isa alaa,
Diina waliin wal ta'ee kan nu miidhe irra caala,
Muka isa uumaa bade, qaama keenya isa jallaa.

Isa osoo hincabiin cabe,
Isa keessatti dabe,
Dura isa dhabamsiisna,dura isatti duulla,
Sibiilli sibiiluma isaan booda wal laalla.
Numa keessaa biqilee,
Jal'atee as qajeelee,
Sibiilaan walii galee,
Harka namaatiin tole,
Muka qottootu nu fixe, isatu nu haleele,
Isatu nu kukkute, xiqqoollee yoom nuuf hile?
Inni kanaaf hookkatee,
Achas nutti jal'atee,
Osoo of keessaa mancaafne,rakkoon keessaa furamte,
Diinnis abdii kutatte,
Silaa nu keessaa baate.

Kanaafuu waliif galla,
Hookkoo of keessaa calalla,
Isatu qaba balaa,
Diinni keenya inni alaa,
Namas ta'ee sibiila,
Boodumarra wal laalla.

Namni namuma duruu,
Harkaan danda'ee hinciru,
Sibiillis qofaa hinmuru,
Danda'ee nu hindararu.
Kun dhugaadha mirkana,
Ofiin of sakattaanee, hookkoo of keessaa mancaafna,
Har'a bor hinjennu, dura ofiif qulqulloonna,
Yeroo itti hinkenniinu,yeroollee itti hinkennina.'
Jechuun waliif galanii,
Wal ga'ii xumuranii,
Wal ta'anii ka'anii,
Waliin duula duulanii,
Furmaata rakkoo isaanii,
Walumaan argatanii,
Diinas injifatanii,
Nagaadhaan jiraatani,
Abdiin sinirraa qaba akka na hubattanii,
Hubachuu qofaa miti, irratti qabsooftanii,
Rakkoo nu keessa jirtu furmaata ittisoqxanii,
Injifannoon xumuruuf, geessee jirti yeroonii.

Gadaan gadaa bilisummaati!
Injifannoo ummata Oromoof!

J/ O. Q.
Onkololessa 2, 2008

No comments: