December 30, 2008

Dhaamsaa GPO Bara 2009 Ummataa Oromoof

Dhaamsaa GPO Bara 2009 Ummataa Oromoof

Rakkon Bara 2008 yaadachun bara 2009 ciminee akka hojeenuu isinif dhamna.

Barii 2008 keessaa dabaree kun baroota heeduu darban caalaa ummataa Oromooti hadha’aa akka ta’ee warri rakko kana dhandhaaman fi warri hordoofaa turees ni hubanaa. Rakko Bara 2008 keessaa ummataa Oromoo mudachaa ture karadhuma hunda ture. Rakkina Siyyassaa, Dinagdee, Samichaa, Belaa, ajeechaa, reebichaa, hidhaa, fixinsaa sanyii namaa wayyaaneen Oromoo irraati rawwaacha turtee. Kara birrasi wal-dhabdi Oromoo giduuti dhalaten diinaa dhisan wali irraati ololun Oromoo hunda kan gaddisise fi hamilee ummata keenyaa irraati midha gudda kan gesisedha. Rakkolee darbee wal yaadachisuu bara dhufu waan gari hojeechuu maluu yaadaa wal gumachun waan barbachisaa ta’eef.

TPLF biyyaa keessaati Siyyassaa fi Dinagdee Biyyaatti qoofati dhunfachuu irraa darbee siyyassa isaa ala namoota sochoo’an hunda akka isaan manaa hin banee gochuun ummataa irraa dhorkee dhosadhan ilee warraa nama qunaman qabee hidhun diktaterumaa isaa cimisachaa jirachuu isaati. Dhabilee siyyassaa biyyaa keessaa ummataa qunamuu dhorkamuu qoofa utuu hin tanee ummataas dhabbilee siyyassaa kam iyuu akka hin qunamnee dirqamee jira. Oromoo hedun Maqaa ABO, WFDO Fi KBOtin yaaki dhala namaaf hin malee irraati rawwatamaa jiraa. Dinagdeen biyyati harka miseensoota TPLF qoofa keessati galee jira. Mallaqa kuufisudhan ummati biyati bitachuu yaamuu dadhabuu daldaltoon waayyanee garuu qabeenyaa biyyaati hunda samman biyyaa alati gurgurudhan mallaqaa isaan biyyaa ala tulachaa jiru. Dollara Biliyoonaa 25 ta’uu harka Malasa fi daldaltoota TPLF harka akka jiru ragaatu jira. Maqaa investmentin samichii lammi keenyaa irraatti godhama jiru amoo jibisisa ta’ee jira. Waan nama dhibu amoo Oromiyaa keesssati waari lafa Oromoo wagoota 15n ol maqaa investmentin lammii buqisan fudhatan irratti waan tokko ilee hin hojeetin jirachuu isaan fi isaa hojeetanf bu’aa argatan irra ashuuraa kafaluu dhisu isaanti. bakka investment gudda qabanti mana barumsa, mana bufaataa fayyaa, karaa, bishan qulquluu ummataaf dhiyeesuu waadaa galan tokko ilee hin rawwane. Filannoo darbee irraatti Oromoo TPLF jalaa hirrirsuf kunnoo Finfinneetti Galmaa gidu gallessa Oromoo tolan isin ijaraa jeechuun ummataa Oromoo gowomsa turee, Galamaa gidu galessa Oromoo kana waggaa bayee booda umman Oromo mallaqaa walitti qabee ijaraachuu egalee. GPO salphina gudaa mootummaa fi namni dhunfaa ilee Oromoo irratti rawwatu kana balalefachaa ture balalefachas jira. Karoora Adunyaa “Milinyinm Goal” bara 2015ti midhan nyatan of danda’uu, Ganda tokko keessa mana barumsa sadarka 1ffaa fi Kellaa Fayyaa, Bishan dhugati, ibsaa, kara wal gesisuu, Ummata 25,000 bayatuf Buffata fayyaa tokkof mana barumsa sadarka lamaffaa barnoota gosaa hunda qabu, Ummata 75,000 Hospitalaa ammayyaa walin ga’uu kkf Ityoophian waaddaa seentee keessa waan hojeetamee hin jiru. Gaafin GPO Oromiyya keessa Gandoole jiran 6200 keessa kan mana barumsa argatan meeqaa? Annoolee 200 jiran keeesa Hospitalaa Kan qaban meeqa? Bishan dhuggati kan argatee Ummata meeqaa? Godinaalee Oromiyya 17 keessa Ibsaa ga’aa kan argatee meeqa? Aannaleen meeqatu argatee? Deebi hin qabu.

Wagoota 6 waltti ansinee gudina galmeesine jeechun Malas Zenawi Adunyaa kana irraa Chaina olitti %11 fi 12 gudina dinagdee argsifne jeedhee paarlaamaa keessati nu sobu isaan caalaa Aduunyaa ilee soba turan. Haqqi jiruu garu ummatin Ityoophiya Miliyoon 14 beelaan gagaa’ama jira kana keessa miliyoon 10 kan ta’uu Oromiyaa keessaa jedhamee tilmamama. Dhaabbilee Aduunyaa fi Ambasaderoon bayeen Oromiyaa keessaa beelaa jiru deemani qaman qoorachuuf gaafi dhiyeessan Malas Zenawi hayyama dhorkatee jira. Beellii Oromiyaa Godina 17 hundaa keessaati dhalatee qamnii Aduunyaa akka hin argnee godhe. VOA Afaan Oromoo qoofatuu gaabasaa nannoo Shashamanee, Borranaa irraati dhiyeese malee kan hafe akka dhokatuu godhame. Rakko Oromoo kana dura kan gaabaasaa turee VOA Afaan Oromoo qoofa ture kun akka itti hin fufneef Lammi Oromoo Afaan Oromoo VOAf akka hin gabbafnee waayyannen dhorktee jirti. Gazeexesitoon VOA fi kan Birroo Gazeexesitoon Oromoo Ciciimoon hojii irra aria’aman jiru. Kan biyyaa baqatee jira. Oromoon du’ee ilee iyaata dhabee jira.

Bara 2008 kan addaa isaa godhuu keessaa tokko Oromoo Asoosati hanga Baabileeti, Walloo Kamseeti hanga Moyaaleeti Oromoo waan ta’eef ajeefamuu, reebamuu, hidhamuu, hojii irra aria’amuu, yaakkaa wayyannee haga amati rawaata turtee keessa isaa hama ta’ee galmayee jira. Walloo Sanbateeti dhigii Oromootaa 13 dhangala’ee gaafi dhiyeesneef deebin tokko ilee dhabamee, namoota Maikaalawti hidhaman Darbataman Oromuma isaan qoofan Qalititi darbatamun isaan mallatoo fixinsaa sanyii nama TPLF Oromoo irraati rawwataa jiru ta’ee akka galama’uu Aduunyaati himachuu irra of hin qusanee. GPO kan iyyacha ture filaanno bara 2005 wal qabatee Oromiyaa keessaa lubuun 400 ol akka ajeefame fi isaan keessaa Miseensi Paarlaamaa Arsii Nagaale ilee keessaa akka jiru fi ajeechan Oromoo irraati rawwatamuu ilee galama’uu dhisun yaaka ta’uu isaa Aduunyaati himatee jira. Oromoo 40,000 ta’aan Hidhati akka gadi dhifamanfi Murtee du’aa Oromoota 12 irraati darbee murtee siyaassa waan ta’ee akka irra ka’ee bilisa ba’aan GPO Paarlamaa biyyati keessati qamoolee adunya hundat fi mana murti adunyati gaafin dhiyeessa turee deebin Malas Zenawi murtee mani seera murteese keessa galee murtee siyyasa hin lalanu jeecha ture ilee gaafa dhimma isaaf barbadeeti garu Oromoota 45 gadi dhisuu isaa labsee jira. Kun Gamachuu Oromoo ta’uu ilee Oromoo bayeen ammo gaafasuma hidhaman jiru. Kanaafuu hidhamtoon Oromoo kan mana hidha jiran hundi akka gadii dhifaman yoo godhamee malee rakko hidhamtoota Oromoo hikamuu hin danda’uu. Murtin hidha biyya keessati murteefama turee hund murtee Seeraa utuu hin tanee murti Siyyassati. Dhaabbilee fi nami dhunfaa mootumman jibuu hund irraati murti siyyassatu irraati murta’aa. Haqqn jiru garuu dhabbilee fi namoon dhunfaa wayyaneen jibaman fi balaleefataman kan ummataan jalataman fi haqaaaf waarra falmacha jiran ta’uu umman biyyati wal ta’ee mirkanesee jira. Ammas tanan Oromoon hidhama jira murasa kan Finfinnee keessaa Gazzeexeestoon beekan fi gaabaasan Caalaa Harargee, Walloo, Wallagaa, Lixaa Shaawaa fi guutumaa gollaa Oromiyaa hundati namota dararama fi hidhama jiranf horrdofan iyyachuufn murtesadha. Dhaabbileen ala jiran gochaa wayyannee TPLF Oromoo irraati rawwatuu wal tumsan irraati hojechuu dhiseen ABO irraati Ololuu hojii godhachun rakko gudda ta’aa jira. Warri Oromoo wal dura dhabbuf diina dhisan ABO irraati boba’aan kun utuu hin beekin ergaa diinaa rawwacha akka jiran hubatan gochaa akkasi irraa of qusachuu qabu.

Bara 2008 gochaa sukaneessa Oromoo irraati rawwatamee keessa Milishoota Gumuz hidhachiisan Oromoo irraati dulchisun lubu 400 ol baleesan, nama 15, 000 qe’ee isaa irraa buqisan, kumatama madoo gochuu isaa irraa iyuu gochaan sukaneessa dubartootaa Oromoo fi daiman irraati yaakka raawatameef yomilee dhifama kan hin godhamnefdha. Waraa kana qindeesee fi rakko kana utuu dhaga’uu lammi isaa irraati calliseef ni gaafatamu. Gochaa kana fakatuu Harargee Ciiroo, Borrana Fantalee, Gujii Wandoo Ganat, Balle kkf keessaati Oromoo akka Bosonuuti shirra wayyanneen xaxeen ajeefamee kan hafe reefi isaa ilee gubame. Biyyaa alaati Oromoo Basasoo (Somalia) keessaati akka Sarree dhigni isaa dhangala’ee, reefi isaa funanamee diina harka galee, kan qabame TPLF ti kenname. Oromoo yeroo dararamaa jiru kana keessa dhaaba Oromoo ABO keessaati jeequmsi ummamuun immoo hamilee Oromoo guddaa miidhe jira. balaa guddaas dhaqabsise. ummata guddaa kana caalaa of guddaa godhanii ilaalun bu’aan isaa badiinsa. Dantaa ofii caalaa kan ummata dursuun cimmina dha.

Waayyaanen ykn TPLF Qabeenya Oromoo samtee fixee xiqqeestee, Bosona Oromiyyaa Dhidheessati hanga Babbilleeti jiru murte, Albuuda hunda, midhaan, Tigraayti guurtee fixee. Lafa Oromoo maqaa investmentiin ijoolee Tigraayit hirtee fixee. lakkoofsa Oromoo fi Bal’ina Oromiyyaa ilaaluun Waayyanee obsaa dhoorke. Kanaaf Giddugaleesi lakkoofsa uumattaa fi manaa Aduunyaan lakkoofsa Ummataa Ityoophiyya 85,200, 000 ta’uu hagabaasu malee TPLF bayina ummataa biyyatii 75, 000,000 tilmaamamee dhiyeesun isaa nama gaddisisa. Kesumattuu Umman Oromoo baroota darban 30 keessaati guddina utuu hin argsisin 25,000,000 qoofa ta’ee hafuun isaa ajaa’iba. Lammii Biyyatii Miliyoona 85 keessaa Oromoon Miliyoona 42 tilmamama. Haarraf abbaa dhabee mirgi isaa haqamee kan Finfinnee fi Walloo jiru Amaharati lakkaawamun isaa, kan gara Gumuziiti kutamee Gumuziiti lakkaawameen kan Somalee fi Umatoota Kibaa dukaa tilmamame jira. Kun hundi darbee Guyyaa gaafa Oromoo Golla jiru ba’ee ani Oromoodha jeedhee haqqan lakawamuun ni dhuffa haarraf garu rakkon kun jirachuu isaa hubaachifnee seenaa galmeesunee darbun dirqama. Waan haarra hin iyaatin borri falmachun waan hindanda’amneef.

Waan bara 2008 nu mudatee kana hubanee rakko fi dhimmaa dhunfaa ofi irraa dhimmaa ummata Oromoo Milyoona 40 dursaa keenufn hojiiti boba’uun murteesdha. dhamsi keenyaa gababan:- waan hunda duraa Tokkuman Oromoo tikfamuu qaba, Bilisummaa Oromoof hojeechu, kan lolu rukutee diinaa laaleesu, Diyasporan qabeenya qabu qabsoof gumachuu, Oromoo qulqulu kan ta’ee dhaabbilee Oromoo irraati ololuu irraa of qusachuun diina keenya guddaa TPLF qoofa irraati hojeechuu. Qabsoo irraati waan dandeenye keessaa waan tokko irraati hirmachuu, Haawwaasi Oromoo wal ijaree qabsoo deema jiruu tumsuu, beektoon Oromoo Oromiyyaa atami akka arguu fedhan ammuma qoopheessan walaalaa Oromoo barsisuu. dhaabbilee Oromoo Ogannoota fi Miseensoota isaan hojii wal hirun jaaluuma isaan cimsachuun hadhaa diina of keessaa qulquleessan wal amaantaan qabsootii deemuun dirqamaa. Qunaamtin Oganntoota Siyyaasaa fi ummataa keenyaa giddu jiruu cimmun fi jabachuun murteesadha, garu haala jiru hubachuun iciitin diinaa bira akka hin geenyee hund iyuu of egannoo gochuu qaba.

Bara Bilisummaa akka nu ta’uu hawinaa.

Bilisummaan Ummataa Oromootiif

Gummi Paarlamaa Oromoo

Mudde 30/2008

1 comment:

Anonymous said...

It is my first post here, so I would like to say hallo to all of you! It is really diversion to meet your community!