February 08, 2009

"Sirni wayyaanee artistoota irratti kan xiyyeeffate, daandii walqunnamtii sabboonummaa Oromoo balleessuufi hundee sabboonummaa Oromoo balleessuuf jedheen yaada" Wallisaa Lammii Soorii

Wayyaaneen Humna Qabdu Maraan Sabboontota Oromoo Dhabamsiisuuf Haalaan Hojjachaa Jiraachuu, Hidhaa TPLF irraa miliqee kan bahe Sabboonaan Oromoo Artist Lammii Sooriin Saaxile.


Madda Oduu ABO, MOA

Guraandhala 07, 2009

Sirni wayyaanee yeroo ammaa kana caasaafi humna qabu maraan sabboontota Oromoo lafa irraa dhabamsiisuu irratti xiyyeeffatee hojjachaa akka jiru ibsame. Sabboontoti Oromoos roorroo wayyaaneef otuu hinjilbeeffanne qabsoo diddaa isaanii akka finiinsan dhaamamee jira.

Dambalii Hidhaa dhiyeenya kana sabboontota Oromoo irratti xiyyeefatee jalaa miliqee kan bahe, Artisti Lammii Soorii, madda oduu ABO, MOAf akka ibsetti, yeroo ammaa kana hojiin guddaa Oromiyaa keessatti mootummaa wayyaaneen hojjatamaa jiru maddeen sabboontota oromoo biqilchan mara cufuufi sabboontota Oromoo hidhuufi ajjeesuudha. “…..dhiibbaan ilmaan Oromoo jabaachaa jira.

Wayyaaneen nama Oromoo ta’ee mirga isaa gaafatu hidhuufi ajjeesuuf ragaa tokko illee hinfeetu. kun hedduu, bal’achaa jira.” Ummati Oromoo biyya dhalate keessatti waan Oromummaa isaatiin boone, waan mirga isaaf dubbateefi miidhaa isa irra gahu falmate qofaaf akka malee hiraarfamaa jira kan jedhe Wallisaan Oromoo kun, hidhaafi hiraarsaan kunis akka sabboonummaan Oromoo hindagaagne gochuuf ta’uu saaxileera. Haala kanas Wallisaa Lammii Soorii akka ibsetti “ sirni wayyaanee artistoota irratti kan xiyyeeffate, daandii walqunnamtii sabboonummaa Oromoo balleessuufi hundee sabboonummaa Oromoo balleessuuf jedheen yaada; sababni isaas quuqqaa, reebichaafi hiraarsaa ummataa isaantu saaxila.’’

Mootummaan Wayyaanee maqaaf heera isaa keessatti namuu yaada isaa bilisaan ibsachuu danda’a jedhee kaahus, qabatamaan garuu, karaa dhaaba awudovizyaalii jedhamuun maqaa mirga abbummaan kabachiisa jedhuun mirga fedhii ofii ibsachuu wallistootaa ukkaamsaa akka jiru kan saaxile Wallessaa Lammii Sorii, “kaasettiin gabaatti bahuuf gaadii guddaa jira; maqaa dhaaba wayyaanee audiovisual jedhamuun kaasettiin sun ilaalamee darba; akka gabaa irra hinoolles nigodham; yoo akka carraa ta’ee oole immoo akka hingurguramne godhama. Dhiibbaa akkanaatu wallistoota Oromoo irra gahaa jira; ummata keessa akka hinseenes gochaa jiru; mana hidhaa keessa jiru, wallistooti Oromoon.”

Gama biraan waan biyyattii keessa nagaan jiru fakkeessuun kan wayyaaneen artistoota biyya alaa irraa waamaa jirtu ilaalchisee, Wallisaa Lammii yaada kenneen, “kun dhiittaafi roorroo biyya keessatti raawwatamaa jiru dhoksuuf kan godhame, garuu biyyattii keessatti Oromoo irra waan gahaa jiru kan hindhoksine, gochaa waliin dhahuuti,” jedhee jira. “Mootummaan wayyaanee waliin dhahuun jiraachuun nibekama,”kan jedhe Wallisaa Lammii, “waliin dhahuun kun garuu haga yerootti dahoo godhatanii kan jiraachuu fedhuu isaanii mul’isu malee kan diddaafi fincila ummataa dhaabuu miti,”jedhee jira.

Gama kaaniin, wayyaaneen wallistoota tokko tokko ala irraa kan waamaa jirtu irrattisa yaada kenneen, “kun ittiin of gowwoomsuuf malee, ummata yoo ta’e miidhaafi roorroo isa irra gahaa jiru eenyuuyyuu alaa galee dhoksuufi haaluu hindanda’u. Dhugaadha, Artistoota alaa ni waamu; biyya keessaa immoo ni ukkaamsu. Yeroo biyya dhufanis sirbanii deemuun ala ummata waliin walqunnamuu hindanda’an. Kun immoo wayyaanotuma deebisee qaanessa; kanneenuma isaan waliin shubbisu qaanessa; kun immoo boolla qotanii irra keessa isaa faayaa akka hafuuti ,” jedheera.

Gaaffii ummata Oromoo waan deebise fakkeessuuf kanaan dura mirgoota tokko tokko akka kabajetti lallabaa turuu sirna wayyaanee kan yaadachiise, Artisti Lammiin, oduufi lallabni sun kan ittiin Ummata Oromoo gowwoomsuuf kaayyeffame, garuu immoo bara 2004 Waldaa Maccaa fi Tuulamaa fucuuf tarkaanfii fudhateen ifa bahuu hubachiise. Yeroo sanaa eegalee, artistooti Oromoo illee waltajjii ittiin ummata waliin walargan dhabanii biyya isaanii keessatti jireenya dhokannaafi baqannaa akka jiran addeessee jira. Kanas yoo dubbatu,”Erga Waldaan Maccaafi Tuulamaa-WMT cufamee carraan ittiin ummata waliin walargan tokko illee hinjiru.Wallistooti Oromoo hinjiran jechuu wayya; hidhaafi reebichaan hiraarfamaa jiru; mana sadiifi afur kireeffatanii dhokatanii jiraachaa jiru,” jedhee jira.

Biyyi san keessatti Oromoo jibbuun sadarkaa duraa irratti kan argamu sirni wayyaanee, otuu lakkoofsi Oromoo baay’achuu baatee waan summiin fixu natti fakkaata kan jedhe artisti Lammii Soorii, gochaan yeroo ammaa kana sabboontota Oromoo irra gahaa jiru jibbinsa Oromummaafi falmaa mirga ofii malee yakka dalaganii akka hintaane illee ibsee jira. “Wayyaanonni har’a maqaa Oromoo kanayyuu dhagahuu hinfedhan; otuu Oromoon baay’achuu baatee summii itti naqanii waaan fixan natti fakkaata. Namoota isaan jala deemaniifi sodaan isaan jala fiiganiin ala namni Oromoo ta’ee keessaayyuu, kan mirga isaa gaafatu, nama Oromummaa isaatti amanu akka diina guddaatti fudhatanii dhiibbaa guddaa irraan gahaa jiru,” kan jedhe Wallisaan kun Oromummaan ragaa tokko malee akka nama ajjeechisaa jiru saaxilee jira.

Haata’uutii, miidhaafi roorroon kun ummata Oromoo qabsoo irraa kan duubatti hindeebisne ta’uu kan ibse Wallisaa Lammii Sorii, gochaan gara jabinaan ummata irratti raawwatamu mallattoo sodaafi kufaatii waan ta’eef dhalooti keenya , tokkummaan qabsoo bilisummaa akka finiinsuufi diina aduun itti dhiitee iyyaa jirtutti gurra otuu hinkennine “dhalooti kun tokkummaa isaa jabeeffachuu qaba. Qabsoon keenya ifa nibaha.Jabinaan qabsaa’uu malee kan bilisummaa keenyaan nu gahu hinjiru.” jedhee jira.

“Barii jala simbirri ni wacci; gufuuleen qabsoo Oromoo bakka hundumaatii wacaa jiru.” Kan jedhe Wallisaan kun, diinni gara badii jala wacuun kun, kan sabboontota Oromoo daran jabeessu malee kan duubatti hindeebisne ta’uu eeruun, “dhugaan keenya bahaa jira; kan itti dhiyaa jiru wayyaaneedha. Dhugaan keenya waan ifa bahaa jiruuf diinni keenya wacaa jirti; itti galgalaa’eera. Jabaadhaa! Wallistooti Oromoos duunee argamna malee harka laachuu hinqabnu; abdii guddaan socho’uu qabna; diina jalaa diduutti jabaachuu qabna; barattooti Oromoos qabsoo keessan itti fufaa; didaa garbummaa didaa! Garbummaa hinbaannu jedhaa!” jechuun dhaamsa dabarsee jira.

Mootummaan wayyaanee sabboontota Oromoo duuchaan walitti qabee hidhaa akka jiru, wallistoota keessaas kan akka Wallisaa Zarihuun Wadaajoo hidhee hiraarsaa kan ture ta’uu gabaasuun keenya kan yaadatamuudha. Sadarkaa addunyaattis, galmeen qabiinsa mirga dhala namummaa Itoophiyaa haga ammaatti kan hinwayyoonfe ta’uu illee dhaabotiiin akka human right Watch gabaasaa bar 2009 baasan keessatti mirkaneessanii jiru.

MOA

No comments: