April 20, 2009

Gootonni Oromoo Universiitii Haromaayaa Guyyaa Gootota Oromoo Haala O’aan Kabajatani


Poster: www.oromoliberationfront.org

Gootonni Oromoo Universiitii Haromaayaa Guyyaa Gootota Oromoo Haala O’aan Kabajatani!


Oduun Universiitii Haromaayaa irraa nuqaqqabe akka hubachiisutti Guyyaan Gootota Oromoo haala hedduu nama gammachiisuun Ebla 15 2009 kabajamee ooleera. Baratoonni Oromoo kan Universiitii Haromaayaa shama diimaa, magariisa, diimaa qabsiisuun doormii keessatti bakka garaa garaatti ayyaaneffatanii oolaniiru. Akkasumas manni barumssa sadarkkaa 2ffa fi qopha’ina Haramaayaa mooraan alatti ijoollee moora keessaa wajjin ayyaaneffatanii ooluunsaanii oduun nuqaqqabbe beeksiseera. Guyyaa uummata oromoo keessatti bakka guddaa qabu kan gootonni oromoo lubbuu saanii bilisummaa uummata oromo fi biyya Oromiyaa jedhanii wareegaman itti yaadataman kana ayyaaneffatanii ibssa ejjennoo hanga tokko kanaa gadi gabaabsamee barreeffame dabarsataniiru:

1. Kaayyoo Keenyi WBO alati waanti biraan hinjiru
2. Qabsoo jalqaabne kana WBO wajjin taanee finiinsuu qabnna
3. Adeemssi keenya hanga bilisummaatti ta’uu qaba
4. Gargaarsi nuyi goonu gama qarshiinis illee ta’uu qaba
5. Hanga hiree ofii keenya arganutti itti fufuu qabnna
6. Hidhamuu fi dhiitamu dhala Oromoo irraa haa dhaabbatu
7. Duuti fi reebamuun hanga yoomiitti, kunis nurraa dhaabachuu qaba
8. Qotee bulaa keenya doorsisuun haa hafu


fi kan biraa hanga qabxii baay’ee qabu waliin irratti mari’atanii kaa’aniiru. Guyyaa seena qabeessa kana gammachuun calqabanii gammachuun xumurataniiru. Mandh’een isaan jala jiran kan haaraa uummataan “Gootota Gumaa Baastu Laggasaa Wagii 39” kan jedhu ture. Ibssi ejjennoo guutuun akkuma OromiaTimes qaqqabeen baldhinaan baha.

Injifannoo Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

F.D. irraa