April 21, 2009

Yaamicha Kora wagga Kutaa ABO Austraaliaa

Yaamicha
Kora wagga Kutaa ABO Austraaliaa
Konferensii Hawasa Oromoo Australia fi
Guyyaa Gootota Oromoo

Konferensiin Hawaasa Oromoo Australia Sanbat-duraa (Saturday), Caamsaa (May) 02, 2009 magaalaa Melbourne keessatti gaggeessama. Itti aansees guyyuma kana Guyyaan Gootota Oromoo kabajama. Akkuma beekamu, Guyyaan Gootota Oromoo, hawaasa Oromoo Australia jiraatan maraan tokkummaa fi gamtaadhaan kabajama. Kanaaf guyyaa fi sa’a armaa gadiitti akka argamtan kabajaan isin gaafatna.

Konferensii kun:

* Haala qabsoo bilisummaa Oromoo har’a keessa jirtuu fi egeree
* Dhimma addunyummaa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo
* Dhimmoota Oromoo, Oromummaa fi Oromiyaa laalchisee marii guddaatu gaggeessamuuf eegama.

Qophii Guyyaa Gootota Oromoo fi Galgala buhaarsaa:

* Gartuun Aartistoota Oromoos hirmaatuudhaan wallisoota qabsoo fi aadaa Oromootiin guyyaa seena qabessaa dhaadhessu

* J/ Gaashuu Lammeessaa MGS fi BBA AB
* J/ Dr. Bayyaan Asoobaa MGS fi Afaan-yaa’ii ABO
* J/ Gammachuu Fayyeeraa I.A. D.T. WMT

Guyyaa: Caamsaa/May 2, 2009
Sa’a: 1:00 wb(pm) – 6:00 gl(pm)
Bakka: Victoria University, Ballarat Rd, Footscray
Guyyaa: Caammsaa/ May 2, 2009
Sa’a: 6:30 gl(pm)-11:00wr(pm)

No comments: