April 08, 2009

Waamicha Ayyaana Guyyaa Gootota Oromoo Kutaa New Zealand

Waamicha Ayyaana Guyyaa Gootota Oromoo Kutaa New Zealand

Addi Bilisummaa Oromoo guyyaa seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessati bakka guddaa qabu.Guyyaa Gootota Oromoo, akka waliin yaadannee oolluuf koreen kutaa ABO NZ waamicha isiniif godha.Guyyaan kun, guyyaa yaadannoo qofa osoo hin taane,guyyaa kaayyoo ilmaan Oromoo qaqqaaliin itti wareegamani qabsoo keenya har’aan ga’an bakkaan ga’uuf guyyaa itti murteeffannu fi kakuu fi irbuu keenya haaromsinee bilisummaa ummata Oromoof walqabannee kaanu dha.kanaafu ummatni Oromoo adunyaa kanarraa jirtaan kara sararaa paltalk room OGQBO jedhuun akka irraa qoda fudhataan kabajaan waamicha Lammummaa isniif dabarsina.

Guyyaa: Ebla 14 2009 (April 14, 2009, akka sa’aa Washington Dc 5;00 pm

Qabsaa’aan Ni kufaa Qabsoon itti Fuffaa.
Injifatnoo Ummata Oromoof!!!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!!

No comments: