August 19, 2009

Jaamaan / Ballaan ija nama biroo keessaa huuba baasuu hin dandayu (Gurmeessaa Ol'aanaa)

Barreeffannoota addaa addaa www.blilisummaa.com irratti facaa'aa jiran ilaalchisee namootiin addaa addaa maal jechaa jiru? Walitti aansinee barreeffannoota faca'aa jiraniif deebii kennaman asirratti maxxansuu yaalla. Hardhaaf kan kanaa gadi jiru dubbisaa. Barreeffannoota addaa addaa kana asirratti maxansuun ilaalcha namoota tokko tokkoo deeggaruu ykn mormuuf otoo hin taane akkuma namnni hunddi hubachuu dandayuuf ta'uusaa isin hubachiifnna.
OromiaTimes

******

Jaamaan / Ballaan ija nama biroo keessaa huuba baasuu hin dandayu


Gurmeessaa Ol'aanaa*

Rakkoolee QBO keessatti mul'atanii fii abjuun ilmaan Oromoo dhugoomuu dadhabuu isaa ilaalchisee kan itti gaafatamu nama tokko (Obbo Daawud Ibsaa) ta'uu isaanii kan ibsu barreeffamni tokko asirratti maxxanfamuu isaa ni yaadanna. Namni barreeffama kana duuba jiru eenyu akka tahe shakkuu dandeenyullee akkuma kiyyaattillee maqaa qalamaa fayyadamuu dhabamuun barreessaa kanaa barreeffama kana ejjennoo (editorial) mana bilisummaa.com akka fakkaatu gochuu isaarrayyuu maqaa xuqanii yaada irratti kennachuuf waan rakkisu natti taheera. Haa ta'u malee gara yaada kiyyaatti deebi'uudhaan gaaffiilee tokko tokko barreessaa kana gaafachuun fedha. Isa dura garuu kanan ibsuu fedhu yaadi kiyya kan bu'ura godhatu Obbo Daawud Ibsaa ittisuu (defend godhuu) ykn Obbo Daawud Ibsaa nama jabaa fi qabsoo kana gaggeessuuf kan maludha kan jedhu irratti akka hin taane hubatamuu qaba. Akka kiyyaatti QBO ilaalchisee nama dhuunfaa (person) qofa xiyyeeffatee yaada (issue) fi rakkoolee hedduu kan keessaa fi alaa irra kan utaalu sammuu xiqqasho dadhabaa tahe (akka faranjoonni jedhanitti "�little mind") dha amantaa jedhu ijaan qabuuf Obbo Daawud irrattis ta'e barreessaa kana irratti xiyyeeffannaa takkallee hin qabu. Gaaffiileen ani kaasus rakkoolee faalla’ina falaasamaa (philosophical fallacy) barreeffamni kun qabu qofa kan ilaalu taha.

1. Rakkoolee QBO hanga harraatti muudatan dogoggora nama tokkoo godhanii dhiheessuun dhaaba beektonnii fi gootonni hedduun keessatti hirmaatanii walakkaan wareegamanii, kaan hidhaatti guuramanii kaanimmoo lubbuun jiran qofaa osoo hin taane uummata Oromoo guddicha xiqqeessuu fi tuffachuu hin fakkaatuu? Nuti akka uummataatti dadhabaa dadhabaatii gadii nu hin fakkeessuu, sanuu kan dadhabaa tokkichaan gadii.Yoo yaadni kun dhugaadha jennee kan fudhannu taate badii QBO keessatti mul'atte kan fide dadhabaa fi dogoggoraas kan tahe uummata Oromoo guddicha fi keessumaayyuu bara Obbo Daawud Ibsaa ABOtti makamee irraa eegalee warra dhaaba kana keessa sadarkaa deeggaraa, miseensa, qondaalaa fi hogganaarra turan hundadha xumura (conclusion) jedhutti nu hin deemsisuu?

2. Akka barreeffama kana irraa xiinxalluu fi hubannutti barreessaan kun ABO keessatti sadarkaa hoggana ol-aanaatti kan ture ykn iccitii dhaaba kanaa gurguddoo arggachuuf kan carraa (yoo xiqqaate ana caalaa) guddoo qabaachaa ture tahuu nin hubadha. Dogoggoroota Obbo Daawud Ibsaa godhan jedhamullee furmaata isaa akka gaariitti nama hubatuu fi beeku tahuu mala jedhee amanuullee nin dandaha. Namni kun qabsaawota Obbo Daawud Ibsaatiin dhiibamanii qabsoo irraa dhiibamanii bahan keessaa tokko akka tahes waan nama hubachiisu barreeffamicha keessa ni jira. Yoo namni kun waan dubbatu hunda dalagaatti hiikuu ni dandaya amantaa jedhu fudhanne namni kun Obbo Daawud Ibsaa caalaa beekumsa, qaroominaa fi gootummaallee ni qaba xumura jedhurraan gahuu nu dandeessisa. Gaaffiin asirratti ka'u malu egaa namni beekaa fi qaroon kun akkamiin wallaalaa fi doofa sanaan qabsoodhaa ala godhamuu dandahee kan jedhudha. Obbo Daawud Ibsaa beekaa, qaroo fi goota kana fakkaatullee dhabamsiisuuf dandeettii qa! baate wallaalaan eenyu? Yoo tarii deebiin kanaa namoota Obbo Daawud Ibsaa marsanii jiranitu humna ta'eefii rakkoo nutti uume kan jedhudha ta'emmoo akkamiin beekaan kana fakkaatu wallaalota wallaalaa akka Obbo Daawud ibsaa jala yaa'an san barsiisee gorsee, jijjiirratee kan ifii godhachuudhaan QBO karaa mullata amma nutti himamaa jiramu kanaan gaggeessuun dadhabame? Yoo namni kun hoggana ol-aanaa keessaa tokko kan ture ta'emmoo, murtiilee dogoggoraa dhaabni (shaneen gumii) kun fudhate kan faallessu kan ABO karaa mirgaan gaggeessu dandayu yaada akkamii barreessaan kun dhiheessee jennaan yaadni ijaaraa kun haala kamiin kufe ykn fashale?

3. Barreeffama nama kanaa keessatti kallattiidhaanis ta'e fal-kallattiidhaan "Obbo Daawud Ibsaa hoggana dhaaba kanaa kan ta'e seeraan alatti ture ykn fonqolcha godheeti kan jedhu hin agarre. Haala kanaan egaa bara 1999 Obbo Galaasaa Dilboo bu'anii Obbo Daawud wayita filatamu warri file sun (Gumiin Sabaa yeroo sanaa) akkasumas bara 2004 Kora Sabaa 3ffaa ABO irratti warri file sun hundi ykn harki caalu yakkamtootadhaa kanaafuu nama yakkamaa kana filani haa jennumoo? ykn isaan hundi wallaalota ijaa turaniif isaan keessaa irra wayyaan isuma qofa ijaa tureef filanii haa jennumoo? ykn dhiibbaa biraatu irra turee kanaafuu fedhii isaaniitii alatti humnaan filaanii haa jennumoo? ykn gumii sabaa bara 1999s akkasumas kora sabaa 2004 keessa kan turani ilmaan ganda Obbo Daawud Ibsaa qofa ijaa turaniif isaanitu filaate ha jennu?

4. Waamicha barreeffamni kun nuhi ilmaan Oromootiif dabarse yoo jiraate Obbo Daawud Ibsaa dadhabaa fi yakkamaa ta'uu isaa ibsuudhaan qaama 2008 jijjiirama jedhee as bahe akka deeggarru kan gaafatudha. Yoo kana tahe gaaffiilee gurguddoo lama kaasuun fedha: tokko, haala qaamni jijjiiramaa itti bahe, haala ittiin hoggana ABO aangoo irraa buufneera jedhe, haala inii ittiin hoggana yeroo filate fi kkf sirnaa fi seera qabeessa ture jedhee barreessaan kun ni amanaa? Nutis akka amannee fudhannu ni fedhaa? Maaliif akkamitti? Rakkoo nama tokko (Daawud Ibsaatiin) uumame hiikanii QBO shaffisiisuudhaaf tokkummaa qabsaawotaa fiduuf karaan kun furmaata filatamaadha jennee akka fudhannu barreessaan kun nu gorsaa? Maaliif akkamitti? Lammaffaa, yoo kanumallee kan fudhannu taate rakkoo nama kanaa kan arges ta'e furmaata kanatti eegala irraa kaasee kan amane akkamiin hogganoota fi miseensota ABO kutaa (sab-lammii) tokkoo qofa akka ta'e (yoo xiqqaate dhibbantaan 99) akka ta'e barreessaan kun nu! uf ibsuu ni dandahaa? Karaa biraatinimmoo ilmaan Oromoo kutaa (sab-lammii) sana keessaa namni takkallee kan wallaalaa sana (Daawud Ibsaatti) amanee isa jalatti hafe jiraachuu dhabuun isaa kutaan (sab-lammiin) sun Oromoo isa kaanirraa beekaa fi qaroo akkasumas gootadha xumura jedhurraan nu geessisuu ni dandahaa?

5. Qaamni jijjiirama jedhee as bahe labsii jalqaba dabarse irraa kan hubanne ABO jechuun guyyaa sana irraa eegalee ABO jijjiiramaati malee ka biroo akka hin jirre hubannee turre. Haaluma kanaanis Oromoon hundi bal’inas ta’e rakkina QBO sanaan boodatti ABO jijjiiramaa san irraa qofa eegaa turre. Gumaachii fi deeggarsi eegala irratti godhame jedhamee nutti himamellee kanuma mirkaneessa. Yoo akkas ta'e waggaa tokko booda hayyu duree �murna wallaalaa, diigaa fi bitamaa� kan aangoo irraa bu'e, kan waraanas ta'e miseensa hin qabne tokko irratti xiyyeefatanii barreessuun maaliif barbbaachise? Murna kana irraa waraanas, miseensas, deeggarsa alagaa fi firaas qabeenyas fudhanneerra yoo ta'e wllaaltichaa fi isa diigaa ture kanatti maaliif yeroo hagana gahu balleessuun barbbaachisaa tahe? Wallaalaan, diigaa fi bitamaan tokko qeeqamuu isaa irraa ani rakkoo hin qabu, garuu QBO keessatti fi alatti namni akkasii kun Obbo Daawud Ibsaa qofadhamoo barreessaan kun hayyu dureelee dhaabbilee Orom! oo biroo fi keessumaayyuu kan dhaabbilee diinatti maxxananii dalagaa jiranii hunda gara fuulduraatti nuuf dhiyeessa jennee ha eegannu? 6. Akka barreeffama kanaatti namtichi abaaramaan kun (Obbo Daawud Ibsaa) yeroo tokko aangoo isaa fedhii isaatiin ifirraa mulqee (ijaa rakkoo dhaabaa hiikuuf dandeettii hin qabneef) akka sirna dhaabaatti itti aanaa isatti dabarsee akka ture argineerra. Gaaffiin jiru egaa nama kana "ani dadhabaadhaa rakkoo dhaabaas hikuu hin danda'uu jedhee aangoo isaa sirnaan lakkisuu isaatiin maaliif abaaruu feesise? Yoo kun ta'ee jiraate barreessaan kun karaa tokkoon namni kun dhaaba kana hogganuu hin malu dadhabaadha jedhee wayita abaaru karaa birootinimmoo innuu ani dadhabaadha jechuu isaatiin maaliif abaaruu fedhe? Gaaffiin biroommoo fedhii isaatiin erga gadi dhiisee maaltu isa deebise? Ammas fedhiidhuma isaatiin deebi'e moo qaama isa hogganutu deebise? Osoo inni (bu'urri rakkoo QBO tokkichi Daawud Ibsaa) aangoo gad-dhiiseera jedhee jiruummoo qaamni Jijjiirama jedhee as bahe sun bahuu maaliif isa feesise?

7. Yeroo tokko Obbo Daawud Ibsaa dhiibbaa eenyuutiiniyyuu haa ta'utii qaama Jijjiirama jedhee kan as bahe waliin haasawa dhuunfaa akka gochaa ture ykn gochuu fedhe barreeffama kanarraa hubanneerra. Kun yoo dhugaa ta'e akka badiitti lakkaawameetimoo, barreeffama kanaaf faayidaa (relevance) qaba jedhameetimoo ykn kaayyoo biroof as keessatti xuqamuu feesise? Akka asirratti hubannutti namtichi "dadhabaan"sun Oromoo walitti araarsuuf tattaaffii inni dhuunfaa isaatiinillee godhe Oromoota "beekaa, qaroo fi goota" ta’aniinimmoo jalaa fashaluu isaa hubanna. Gara fuulduraattillee rakkoo mooraa qabsoo keessatti uumame kana araaraa fi elaa fi elaameedhan hiikuudhaaf Obbo Daawud Ibsaa fedhii guddoo kan qaban ta'uu isaanii hubanneerra. Akka barreeffama kanaattis isaan fedhii qabu taanaan "murni shanee gumii" jedhamee waamamu guutuun fedhii qabu ykn dirqiinuu ni horatu amantaa jedhu uummanneerra. Yoo akkas ta’e yaalii fi fedhiin Obbo Daawud Ibsaa kun fuula kamiin badii taheeti kan qeequu! n barbbaachise?

8. Dhumarratti, yoo fedhii barreessaa kanaa ta'e yeroon (timing) barreeffama kana barreessuudhaf filatame maal irraatti hundaa'ameeti? Tarii Obbo Daawud Ibsaa hayyama (visa) yeroo dheeraa argatee Amerikaa fi Awurooppaa dhufuu isaa waliin wal-qabataa? Hayyu dureen ABO "inni dhugaa" Je/ Kamaal Galchuu hafanii inni gadi-ba'uu isaa waliinoo walitti dhufeenya qabaa filmaatni yeroo kun? Kan jedhanirratti ibsaa fi deebii akka naaf kennu barreessaa kana gaafadha. Barreeffama kiyya keessatti dogoggoree safuu Oromoo cabsee yoon jiraadhe dura dabreen na ofolchaa jedha.

* Gurmeessaa Ol-aanaa
gurmeessaaolaanaa@yahoo.com

No comments: