October 12, 2009

Hawaasi Oromoo Ugnada Jiraatu Ayyaana Irreessaa Sirna howwaan kafajate.

Hawaasni Oromoo Uganda Jiraatu Ayyaana Irreessaa Sirna howwaan kabajate.

Ireecha Hawwaasa Oromoo Ugandaa bara 2009, Gabaasa guutuu MOA Uganda irra


Oromoon saba waaqa sodaatuufi waaqaan buludha. Waggaatti naqa lama waaqa kadhata, waaqa galateeffata. Tokko akka bonni dhumatee osoo gannatti hinseenne jileeffata. Yaroo kana tulluutti bahee fulaa calleensa, magra lalisaafi mul’ataa tahetti waaqa bona oongee maasiifi maatii, namaafi karra – nagaan keessa hulluuqsise galateeffata. Ganna bacaqiifi dukkana itti seenuu jiruttilleen akkanuma akka nagaan qotee facaafatee, horee tikfatu kadhata. Lammaffaan ammoo wayita booqa birrattii ce’hu waaqa galateefata, kadhata. Waaqa ganna dukkana, bubbeefi jandoo hamaa keessa nagaan qabeenyaafi namasaa lufsiiseef waaqa galateeffatta. Birraa barii hormaata namaafi ooyruu, bonni akka hidheeranne kadhata. Yaroo kun addattilleen galagaltoo waggaa tahuutti hubata Oromoon. Bara kan keessa as gahe dulloomse, kabirootti ce’huusa waliin jileeffata. Dabalatatti ammoo guyyuma kana ayyaanni Gubaa, Hammachiisaa (Hurursaa) fi Okolee niraawwataman. Guyyaa galateeffannaafi kadhannaa kana Irreecha jechuun beeka sabichi. Akka bali’inaafi diriiriinsa lafa Oromoorraan kan ka’e haalli itti jileeffatan haga xiqqaa adda tahuu nimala. Tahulleen bu’uurri ayyaanichaafi akeekni isaa tokkicha; Waaqa Kadhachuufi Galateeffachuuti.

Bishaan madda lubbuufi madda jireenyaati. Malkaan bakka biqilaafi hormaataa waan ta’eef akka mallattoo jireenyaafi hormaataatti ilaalama. Magri lalisaan ykn dotiin (Green) mallattoo qulqullinaati xurii ayyaanni waaqa balfu irra hinjiru jedhee aman Waaeffannaan. Akk Waaqeffannaatti, bishaan malee waanti qulqullaa’uufi jiraatu hinjiru; waanumti bishaan malee horu ykn jiraatu hinjiru; amantummaan tokko iyyuu kan bishaan jibbu hinjiru; kan bishaan malee qulqullaa`u hinjiru; waanti bishaan malee jiraatus hinjiru; waan tokkollee bishaan malee jiraachisuun hindanda’amu; bishaan mallattoo lubbuuti; mallattoo hormaataati. Kanaafuu, ayyaanaafi jilti Oromoo hedduun naannawaa bishaanitti kabajama; bishaaniinis sirni isaa guutuu ta’a.

Oromoonni biyya Ugandaa jiraatan gariin onkoloolessa 4, 2009 Irreecha haala bareedaan jileefatan oolan. Oromooti jila kanarraan quuda fudhatan huccuu aadaafi ayyaanaa naqachuun malkaa haroo Kabaka (Lake Kabaka) jedhamu magaalaa kampla keessatti argamu dhaquun ayyaanefatani oolan.

Biyya kanatti Irreechi jileefachuun isa calqabaati. Tahulleen akka eegameen olitti qajeele ooleera. Jamaahimaan (massmedia) gurguddoo keessa tokko NTV (Nation Televetion) haguuggii tamsaa kenneera. Akkuma kanaa guyyaa jila kanaa galgala yaroo lama tamsaa yaroo gaarii (premium time) keessatti dabarsee jira.

Irreecha sababeeffachuun hawwaasi Oromoo ugandaa galgalasaa sirna Baallii (Aangoo walharkaa fuudha) qopheeffatee ture. Akka heerafi seera hawwaasichaatti hogganni hawwaasa Oromoo biyya Ugandaa gadaan oggansasaa waggaa lamatti cita.

Galgala Irreecha san Oromooti lakkoobsaan hedduu tahan akkasumas keessummoonni kabajaa; Durateessuun InterAID Uganda, bakka bu’aan Refugee Law Project Ugandafi bakka buutonni Protection Officers argamanitti hogganni hawwaasa Oromoo gadaa dabree bokkuu hoggana hawwaasa Oromoo harkaa fuudhetti sirnaafi eebbaan dabarsee jira.

Keessummoonni kabajaa argaman sirna akkanaa san ajaa’ibsiifachuun ofdura hawwaasicha waliin gama kamiinuu hojjechuuf qophiifi dirqama saanii akka tahe ifatti jamaaf labsaniiru. Hawwaasichi sirna ijaaraafi qindaawaa akkana kana jajjabeessamu akka qabu tuquun Oromoonni akka baqataatti jireenya isaas tahe rakkoo biroo qabu mo’achuu akkanan ijaaramuun murteessa tahuu hubachiisaniiru.

Hogganni haaressi hawwaasicha bokkuu itti kenname kana kabajee, imaanaa hawwaasichaa dhibaa’ina tokko malee hojiitti hiikuuf waada seeneera.

Akka kanaan sirni eebbaan saaqame eebbaan xumurame.

Waaqni sineebbisinna!

Hawwaasa Oromoo Ugandaa (HOU)

Koree Hoji Raawwachiiftu

Onkoloolessa 8, 2009


I.U.Of!!

3 comments:

Anonymous said...

webwinkel beginnen boek webwinkel beginnen waarin

Here is my blog post ... boek over webwinkel beginnen

Anonymous said...

This can be called pregnancy Rhinitis and occurs in about 20% of all
pregnant gals. Traction would be the efficient and well-recognized type of physical therapy.



Also visit my weblog: www.look-at-that.com

Anonymous said...

wonderful publish, very informative. I'm wondering why the other specialists of this sector don't understand this.

You should proceed your writing. I am sure, you
have a huge readers' base already!

my webpage :: www.wikileakdes.org