October 13, 2009

WALGA`IIN MABO FI DEGGERTOOTA ABO KUTAA KANAADAA KONYAA ALBARTAA MAGAALAA EDMEENTON MILKII FI INJIFANNOON XUMUURAMEERA

WALGA`IIN MABO FI DEGGERTOOTA ABO KUTAA KANAADAA KONYAA ALBARTAA MAGAALAA EDMEENTON MILKII FI INJIFANNOON XUMUURAMEERA.

Wal gain kun akkuma aadaa Oromootti eebba maanguddoon eegalamee. Itti aanuun Faaruu Alaabaa ABO itti fufee hirmaatottaan faarfatameera.

Itti aasuun MGS dubbi himaan ABO J/DR Bayyaan Asoobaa Wal ga`ii sirnaan bananiiru.

Itti Aansuun Hayyuu Oromoo Peroofeeser Asaffaa Jaallataa Keessummaa kabajaa ta`anii wal ga`ii kana irraatti afeeramaanii dhiyaataniiru.

Wal ga`ii kana irraatti MABO fi dergertootni ABO ,akkasumas Bakka fageenya fagoo irra amna dheeraa deemanii dhufanii kan wal gal ga`ii kana irraatti qooda fudhatani Sabboontotni ilmaan Oromoo Kutaa Kanaadaa Konyaa Saskaachuun,Giraandi- Pereree,Buruksii,Kalgaarii fi Edmeenten irraa bayyenaan walittu dhufuun Walga`ii kana uffataa aadaa oromoo miidhagaa fi simbo qabsee ta`een kuulamanii irraattii bal`inaan qooda fudhataniiru.

Akkasumas Firoottan QBO fi firoottan Oromoo fi Ollaa Oromiyaa ta`an bakka Bu`aa sochii Biyyoolessa Ogaaden/ONLF/,Bakka bu`ootaa Komintii Eriteraa, saboota Bicuu fi kanneen qubtumaan Oromiyaa keessa jiraatan keessaa Kan akka Komuniitii Itiyoophiyaa fi kaneen Sirna Mootummaa Wayyaanee morman jaarmiyaa addaa addaa kan irratti irraamatee wal ga`iin kun haala bareedaa fi marii jajjabduu dhimma QBSO,dhimma Sirrna bulchiinsa mootummaa Itiyoophiya/Wayyaanee/haalaa rakkoo Gpdina gaanfa Afirikaa fi nagaa fi tasgabbii fiduu akkasumas nagaa fi diimokiraasii ,mirga sabaa fi sab-lammoota Impaayera Itoophiyaa keessaa jiranii fi kanneen qubutumaan Oromiyaa keessa jiraniirratti kan mariyachiisee ,akkasumas kanneen Mootummaa Itiyoophiyaa Wayyaanee waliin mormanii waliin akkamiin bifa gamtaan Diina waloon qabanu irratti gamtaan Hojii siyaasaa fi jaarmiyaa waliin hojjennee Qabsoo gamtaa goonee waliin Mootummaa Wayyaanee sirna gadaa bittaa isaa sabootaa cunqurfamoo irraatti miidhaa gara malee, hidhaa fi ajjeechaa daangaa hin qabne geessesaa jiru dhaabuu n nagaa waaraa ta`ee fi tasagabbii akkasumas Biyyaattii sana keessaatti ummatni beelaa fi dhukkubaan dhumaa jiru dandamachiisuu fi Diimakiraasii haqaa fi dhugaa biyya sana keessattii fiduun danda`amaa?

irraatti marii gamtaa geggeeffameera.

Wal ga`ii kana irraatti Hayyuun Oromoo Proofeesseri Asaffaa Jaallataa Midhaa fi dararamaa sanyii balleesuu fi dhabamsiisuunf Mootummaan Wayyaanee Saba Oromoo, Ogaaden irratti raawwataa turee fi itti jiru qabatamaan waan Suuraa fi Viidiyoon wal qabsiisee manaaf ibseera.

Walumaa galatti Mootummaan wayyanee Kan Olaantummaa saba Bicuu/ ilmaan Tigiraayiin durfamaa jiru kan Sirna bulchiinsa isaa mormuu fi mirgi dhala namaa akka kabajamuuf isa gaagaafatee fi diimokiraasiin dhugaa biyyaattiitti akka mul`atu gaafatan ati ilaacha mormitootaa qabda dhaaba siyaasaa ABOdeggerta. Ogaaden /ONLF/ dgertaan dabrees kan ilaama Tigiraayiirraa afan kamiyyu mootummaa wayyaaneen cunqurfamaa jiru. Hidhamaa fi ajjeefamaa, kaan biyyaa hariyatamaa jiru.

Qaabeenyii dhuunfaa fi daldallii ,akkasuams Olaantumamn aangoo harka gosa tokkoo/Ilmaan tigiryiitti galee jira. Heerii fi seerri sirnaa fi murtiin haqaa hin jirree keessaati haqaa fid hugaan hojjechuf nagaan jiraachuun hin danda`aamne.

Kanaaf mootummaan kun mootummaa mirga sabaa fi sablamotaa eegee fi tiksee sirna bulchiisaa gaariif I qajeelaa ta`e n wal qixxummaan biyya sana bulchaa hin jiru.

Keessumaa amma yeroo ammaa Akkataan sirni bulchiinsa Mootummaa Itiyoophiyaa/Wayyaanee Tigiraay geggeessa jiru kan duraaniirraa gara fuula duraatti haalaan sodhaachisaa fi dukkanaa`aa kan ta`e ta`uu isaa jala muranii manaaf ibsaniiru.

Kanaaf ani sodaan ani qabuu fi Itiyoophiyaan gara fuula duraatti maal ta`uuf deemtii?

Jechuun sodaa qaban akka fakeenyaatti sadii 03/ lafa kaa`aniiru.

Itiyoophiyaan amma akka Wayyaaneen itti jiru kanatti,

1/Ruwaandaa YKN, 2/ Yuguzilaaviyaa ykn 3/Aferikaa Kibbaa ta`uun ishee waan hin mamsiifne jechuun Sodaa qaban afaan guuttachuun hirmaattota koraaf ibsaniiru.

Ani garuu jedhan,< Pro.Asaffaan akka jedhanittii Hawwii fi fedhiin kiyyaa Itiyoophiyyaan Afirikaa Kibbaa akka taatu> hawwuu fi fedhii qabu jechuun yaadaa isaanii ibsataniiru.

Itti Dabaluun Por.Asaffaa Jaallataa hawaasaa Oromoof barnootaa waayee Oromoo fi Oromummaa, akkamii fi haala kamiin sabboonummaa fi Orommumaan saba Oromoo keessaatti dagaaguu fi damboobuu danda`aa ?irraattii seenaa jalqabaa ykn bu`uureffamuu ABO bara 19 70 Irraa kaasee Hayyootaa fi gootota Qabsaawota Ilmaan Oromoo! Bilisummaa saba isaanii fi walabummaa biyya isaaniif jecha lubbuu isaanii wareeganii dabran fakkeenya kaasee maqaa goototaa tarreessuun dubbateera.

Ilmaan Oromoo sirna gita bittaa mootumma Habashaa gabrolofataa kana ofirraa dabrinee bilisummaa keenya gonfannee mirga abbaa biyyummaa keenya kabachifannee Addnuyyaan qixa buluuf,

1/Ilmaan Oromoo bakka jirruu misaan utuu adda hin fo`amiin Jaarmiyaa kenya caasaa ABO jaltti cimsachuu fi jabaafachuun ijaaramnee ijaaruun gurmuu fi tokkummaa saba keenyaa itichinee QFDG tti akka dirmannu dhaamaniiru.

2/Qabsoon fincila diddaa gabrummaa/QFDG/ akka jabaatuu fi QB tokko kan fiixa ba`uu qabu Sabni tokko yoo jabaatee hojjetee fi jaarmiyaa cimaa fi ititaa ta`een ijaaramee hidda jaarmiyaa isaa gadi fageeffatee ta`uu jala murani I ibsaniiru.

3/MABO,Degertootaa ABO fi sabbootota Oromoo maraaf jaarmiyaa cimsaa! Gurmuu fi tokkummaa saba keessanii bakka jirutti tiksaa, Firaa fi diina keessan adda baafadhaa dursaa hubadhaa!Oromoo fi Oromommaa keessanirraatti Mirga keessanirraatti falmii godhaatii wareegamaa itti kaffalaa Tumsaa fi degersa ABOf qabdan gumaacha godhaa turtanii ciminaan nuffii fi fiannaa tokko malee hanga gabruma jalaa baanuti dirqama dhalootaa Oromummaa keenyaa ba`uu qabna jedhaniiru. < Wareegama hanga Lubbuutti itti >kaffaluu qabna! Jedhaniiru.

Hoggana ABO J/DR.bayyaan Dhimma QBO fi haala rakkoo mootummaan wayyaanee uumaa jiru keessaatti gaanfa Afirikaa irraatti nagaa wayyaaneen booressaa jiru irratti ibsa bal`aa kennaniiru.

Akkasumas bakka bu`aan ONLF/ hariiroo gamtaa qabsoo ABO fi ONLF jiduu hariiroon jiru kan turee fi cimee sadarkaa kana irra ga`e eta`uu isaa manaaf ibsaniin Mootummaa Gabroofataa Ummataa Ogaadenii fi saba Oromoo/namoota bilisummaa saba isaaniif dhaabbatanii fi qabsaa`ani, sabootaa mirga a fi walabummaa biyya isaanii gaafatan ajjeessaa fi hidhaa jiraachuu isaa ibsee gochaa Mootummaa wayyaanee kana cimsee balaaleffachuun Mootummaan Wayyaanee hanga jigee barbada`uu fi sirni bulchiinsa Maqaa Itiyoophiyaan diriiree hanga jirutti Qabsoon ONLF ciimee itti fufa. Hanga Mallas Aangoo irra jirutti nagaan gaanfa Afirikaatti bu`uu akka hin dandeeyne ibseera.

Sirni bulchiinsa Itiyiiphiya diigamuu qaba jedheera.

Hariiroon Tokkummaa saba Oromoo fi Ogaaden kan qabsoo siyaasaa, Hawaasummaa cimee itti fufa jedheera.

Bakka bu`aan ogaadan Saba guddaa akka saba Oromoo Ollummaan qabaachuu keenya nuti isiniin boonna. Jedheera.

Dhaabille saiayasaa Mootummaa Mallas Zeenaawiin morman kamii waliin qabsoo qindeeffannee waliin hojjechuuf yoomuu qophii dha jedheera.

Akkasumas isa jalqabaa fi xumuuraaf qbsoon Biyyoolessa Ogaaden/ONLF/ akeekaa fi kaayyoon Qabsoo keenyaa hanga Mirga hiree isa murteeffachuu Ummata ogaadenitti jedheera.

Sadrkaan qasoon ONLF irra jirtuu fi geesses bali`naan ibseera.

Gaaffii fi deebii mana keessaa ABO fi Pro.Asaff aaf dhiyaate, Akkasumas bakka bu`aa ONLFfis dhiyaatee kessaa,

1?Bakka bu`ootni Kominiitii Itiyoophiyaa ABO maali fidaanii nuuf dhuftanii fi furmaatni amma gara fuula duraatti jiru ykn sagantaan ABO sabaa fi sablamoota Oromiyaa/Itiyoophiyaa keessa jiraniif qabumaali? Jedhanii gaafataniif.

Deebii: J/DR. Bayyaan ABO yoomiyyuu jalqaba irraa kaasee akeekaa fi galii siyaasaa isaa ejjennoo inni qabu mirgaa saboota bicuu Oromiyaa keessa Jiranii fi Ollaa Oromiyaa jiraataa turanii fi jiraataniif, Mirga nama tokkee irraa kaasee hanga gamtaa/waloottii nitiksa. Ni kunuunsa jedheera. Kunammoo mirga jiraachu fi hojjechu, amantii kan nama tokkee fi gamaa jedheera.

Waliin jiraachuuf I akkamitti waliin jiraannaa irratti ammoo, ABOs ta`e Ummatni Oromos yoomiyyu nama irraa rakkoo hin qabu. Saba kamii fi biyya kamirraayyuu jibbiisa hin qabu. Garuu gaaffiin saba Oromoo gaaffii mirgaati. Gaaffii abba biyyummaati.

Kanaaf ABO Bakka bu`aa saba Oromooti! Kanaaf ammoo gaaffii saba isaa bakkan ga`uu fi walbummaa Oromiyaa mirkaneessuuf I tiksuu dha.

Kanaaf waliin jiraachuuf I waliin hojjechuu irratti nuti/ABO sirna Imyaaera Itiyoophiyyaa jijjiiruu fi Mirga sabaa fi sablamootaa walqixa kabajamuu fi eegamuu qabaa dha.

Kominiitii Itiyoophiyaa kan bakka buutanii dhuftan Biyyittiin gara badinsaa fi diigamuutti deema ajirti Biyya diiguuf deemtuu jechuu fi sodaachuu/birruu kanaa irraa kan biyyattii baraaruu jettanii,kanatuu furmaataa Jettanii yaada haraaraa fi furmaataa /Hiikkaa ta`a jettanii kan yaaddanii maal yaadaa qabduu fi dhiyeessuu dandeessuu? Ykn qabattanii dhufatanoo? jechuun gaaffii gaaffiin akeekeeraaf.? Gara fuula duarattoo yaadni isin qabdan jiraa jedhee gaafateera? Ummatni Oromoo fi Sabni Amaaraa Imyaara Itiiphiyaa keessa gurmuun guddaa dha. Ammoo hanga ammaatti laafinaa fi wal dura dhaabbachuu/Sodaa fi shakkii QBSO irraa qabdaniin mootummaa Gabrooffataa wayyaane tumsuuf I waliin hojjechuun Oromoo irraattii duuluudhaabadanii shakkoo dhiifatanii qabsoo ifaa fi akeekaa qabatamaa fi galii ifa ta`e tokko qabattanii asi baatanii waliin hojjennaa jennaan ABO yoomuu qophii ta`uu isaa ibsera.

2/ABO maaliif biyyaatti galee ykn mootummaa wayyaanee waliin wal dubbatee< FILMAATA GODHEE NAMNI TOKKO SAGALEE TOKKO, SAGALEEN TOKKO NAMA TOKKOOF> kan jedhu fudhatee maaliif biyya hin seenuu Akkasiin nagaa buusuu fi furmaataa fiduun hindanda`aamuu?

Jedhanii gaaffii namoota miti Oromoo ta`aniin/Kominiitii Itiiyoophiyyaa irraaa dhiyaateef?

DEEBII.J/DR.Bayyaan kennan Gaaffiin ABO inni duraayyu sanuma. Mirgi filuu fi filamuu, carraan waayee kee ati dubbatadhu Oromoo, kan siif ta`u ati filadhuu fi Filmaan haqaa fi dhugaan karaa diimokiraatawaa ta`een loogii tokko malee akka geggeeffamuu ykn haalli kun akka aanja`u kan jedhu gaafataa ture. Garuu Mootummaan Wayyaanee kan aangaa harkaa qabu Qawween ummata Hacuucaa jiru Filmaata ofii filee, ofii filamuu, ofumaa uumee ofumaa xumuuruu kun dha ra uumee waraqaan malee kan dhugaan hin jirre ta`u Kana firaa fi diinni/Addunyaanuu dharaa wayyaanee kana hubatee itti dammaqaniiru. Kanaaf Filmaattni Wayyaanee bara 2005 ragaa guddaa dha. Akka filmaanni dhugaa fi haqaa biyya sana keessaatti hin geggeeffamiinii fi geggeeffamuu hin ddandeenyi Namni kamuu hubateera.

Kanaf gaaffiin ummata Oromoo fi Qabsoon sabootaa Cumqurfamoo gaaffii mirgaa fi diimokiraasii haqaa fi dhugaan biyyattii keessatti akka mul`atuu fi kabajamtudha.

Kaanaf ammo mootummaan Mallasaa aangoo humnaan qabatee Qawween biyya bulchu karaa naaga fi diimokiraasiin gaaffii sabaa fi sablammootaa deebisuurraa namootaa hiriiraa naaga ba`aanii gaaffii mirgaa gaafatani barattoota Oromoo kumma fi kitilaan lakkaawaman rasaasa itti roobsee, mana barumsa boombiin barbadeessee barattootaa meeqa reeffa walirraa tuuleera. Maanguddoo fi hawwan , Dargaggoo fi shammarran , walistootaa Oromoo meeqaa fi meeqatama ajjeesee bosona keessaatti reeffa gatee irbaata Allaatii fi Waraabessaa godheera.

Kanaaf namootas ta`e jaarmiyaan mootummaa akksiif falmuu fi baamsuu yoomiyyu diinota saba Oromoo fi Gufuu QBSO ta`uu isaanii ammo yoomuu addeessinee itti himna.

Jedhaniiru.

Xumuura irraatti gaaffii mana akeessa ka`ee fi yaadaaa fi mormii dhiyaatee irraatti ibsi bal`aa fi deebiin gaa`aan erga kennameen duubatti hirmattotni wal ga`ii deebii gaa`aa argatanii itti quufuun yaadaa gammachuu fi hubannoo argatanirraatti yaadaa gamachu ibsachuun wal ga`ii keenya sirnaan xumuurreerra,

J/DR.Bayyanis yoomuu taanaan ABO kan diimokiraasii haqaa fi dhugaaf dhaabbatanii fi mirga dhala namaa kan wal qixxummaaf qabsaawan kamii waliin waliin hojjechuuf ABO qophii ta`uu isaa ibsee, Mirga hiree murteeffannaa sabootaa ammoo haalduree tokko malee kabajamuu akka qabuu fi ABOn akeekni qabsoo isaa kana ta`uus addeesseerraf.

Guyyaa wall ga`iin keenyaa bifa kaana xumuurannee galgala Walsitootaa Oromoo bebeekamoo fi jaallatamoo kan akka Elemoo Alii, Callaa Carcar, Amartiii Waarii fi Habtaamuu Lamuu/Lataakoo/ waliin Hawaasni Ormoo bashannaan bule.

Jalqaba irraa hanga Xumuuraatti Adumsa wal ga`ii guyyaa fi alkan guutuu Ahaasa Oromoo mal`aaf kallattiin/karaa sararaa paaltookiin dabraa tureere. Hawasa Oromoos gammachiifneerra.

Gadaan Gadaa Bilisumamati!

INJIFANNOO UMMATA OROMOOF!

MABO KONYAA GADAA BILISUMAMA/EDMEENTONI. KANAADAA.

No comments: