November 15, 2009

Murtiilee hirmaattoota kora 10ffaa ABO kutaa Jarmanii

Murtiilee hirmaattoota kora 10ffaa ABO kutaa Jarmanii

Seensa


Korri miseensota ABO kutaa Jarmanii guyyaa gaafa Onkoololessa 31 bara 2009 magaalaa Frankfurt Universitii Goethe keessatti geggeefamee jira. Kora kanarraa kan qooda fudhatan miseensota ABO kutaa Jarmanii keessa jiran oggaa tahu hoggana ABO bakka bu`uun kan kora kana irratti argaman J/Dr. Shugux Galataa , Miseensa Gumii Sabaa fi Itti gaafatamaa Diplomaasii ABO godina Awurophaati.

Korri miseensotaa kun faaruu alabaa Oromoon booda gootowwan Oromoo qabsoo bilisummaa oromoof jecha wareegaman battalaaf yaadachuun egalame. Kanatti fufuun J/Malkaamuu Jaatee, dura ta`aan koree hojii geeggesitu ABO kutaa Jarmanii, sagantaa kora kanaa erga beeksisanii booda J/Dr. Shugux Galataa akka kora kana sirnaan bananii fi dhimma qabsoo bilisummaa Oromoo irratti ibsa kennaniif afeeran.


J/Dr. Shuguxis kora miseensotaa kana erga sirnaan bananii booda haala adunyaa fi mootummaa wayyaanee, haala mormitoota biyya keessaa fi alaa, haala mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo fi sochii ABOn amma irra jiru ballinaan ibsanii jiru. Kanatti fufuunis mootummaan wayyaanee filmaata bara dhufu kana akkuma kanaan duraa maqaa qofaaf geggeesuuf deemtu kana ilaalchisee ammumaa kaastee sochii namootaa daandgesuu, maatiwwan Oromoo garee fi bifa adda addaan ijaartee tohachuuf, maqaa WBOn tohadha jedhuun ummata Oromoo akka jeeqaa jirtu fi tarsimoo isheen filmaata kana booda lafa kaawwattee jirtu mara saaxilanii jiru.


Karaa kaaniin sochii bifa maraan ABOn itti jiru miseensaaf ibsanii keessumattuu mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) tasgabbeessuu fi tokkummaa Oromoo fi tokkummaaa qabsaawotaa jabeessuu irratti akka ABOn jabaatee hojechaa jiru addeesanii jiru.


Ibsa J/Dr. Shugux booda hirmaattotiin koraa dhimmoota fardii gara garaa irratti marii ballaa erga adeemsisanii booda murtiilee ejjennoo armaan gadii dabarfachun koricha milkii fi injifatnoon xumurani jiru.


Ibsa ejjennoo



  1. Ummata Oromoo sirna gabironfannaa (kolonii) motummaa TPLF jalaa bilisomsuuf qabsoo hadhoftuu hogganummaa ABO dhaan geggefamaa jiru angessuuf gumaata nu irraa barbaadamu gama hundaan kennuuf kutannee akka jirru ibsina.
  2. Wanjoo gabirummaa motummaa Habashaa ofi irraa fonqolchuuf qabsoo ummati Oromoo gurmuun geggessaa jiruu ni tumsina.
  3. Miseensoti WBO zonii kibbaa tokkummaa qabasawoota moraa

    QBO tiksuun murtessaa ta`uu hubachuu dhaan ibsa ejjannoo isaan Onkoloolessa 13 bara 2009 dabarfatan ni tumsina
  4. Waldhibdee jaarmiyaa ABO kessa itti bara 2001 fi 2008 dhalatee ture karaa sina qabessa (ilaa-ilamee fi nagayaa) hikuuf yaalii ABO gochaa jiru ni deggerra
  5. Yakkoota dhittaa mirgoota dhala namaa gosa mara mootummaa TPLF fi ergamtoota isheen saboota Oromoo, Ogaadeen, Anyuwaak, Sidamaa, Amharaa fi kannen biroo irra itti raawwatamaa jiru ni baalaleffanna.
  6. Lamileen Oromiyaa rorroo sirna gabironfannaa motummaa TPLF jalaa gara biyyoota alagaa itti baqachuun koluu galtummaan jirachaa jirtanu marti kessan akka gurmuulee daan qabsawuun sagalee iyyannoo ummata Oromoo hukamamee jiru hawaasoota adunyaa fi motummota angawoo biyyoota irra jiratanuu itti cimisitanii dhageesiftan waamicha Oromummaa hundefatee isinii dhiyeessina.
  7. Humnootiin siyasaa impaayera Itophiyaa hundi kessan waltumsuu fi gamtaan qabsoo fininsuu dhaan akka saboota fi ummatoota bakka-butan sirna kolonii motummaa wayyanee (TPLF) jalaa bilisa baasuuf yeroo kamuu caalaa cimtanii hojjetan waamicha isinii dhiyeesina.

Injifatnnoon ummata oromoof !

Hirmaattoota kora 10ffaa miseensota ABO kutaa Jarmanii

Jarmanii, Frankfurt

Onkoololessa 31 bara 2009

No comments: