January 03, 2010

Baga Geessan Har'a

Baga Geessan Har'a

WBO bakka maraa
Kan durbaa dardara
Bara barii haaraa
Bara milkiif araara
Nuf haa saaqu karra,
Akka argannu carraa
Nutti hin tahin farra,
Waanin jedheef baraa:
Kan nu mulqe carraa.

Har’a mitii kaleessa:
Gadaan nu mulqe misa:
Kudha saddet dhumasaa:
Kudha salgaffaan seensaa:
Nu ganee jarraa keessaa:
Gadaa sanaa calqabee:
Oromoon habashaan cabee:
Guddina baraa dhabee:
Deemuf nama dhaqabee:
Wallaalatu ija qabe:
Kanaaf dukkanaan labe:
Sabni Oromoo agabe.
Galata hayyoota dabree:
Galcha yoonin dhaqqabe:
Kan sirni gadaa cabee:
Saba hooggana dhabe:
ABOn gad of dhaabe:
Amajjii tokko yayyabee:
WBOn qabsoo jalqabe:
Milkaahuu baatus labe:
Sabaaf jecha agabe:
Eenyutu WBOf of qabe:
Birmateef bassoo dhubee?
Bishaan moo dhiigatu ulfaataa?
Hofoffeen oduun kaata:
Beekaan gumaata baata:
Daalleen taaƩe hamata:
Afaan qabaaf dubbatta:
Hin argu narraa fokkata:
Horii buusuuf waakkata:
Maaf hin lollee gaafata:
WBOn qaama ofii nyaataa?
Humna qabaatu kaata:
Ofii jiruu ho’ifata:
Maaf qabsaawaa komataa?
Rakkoo WBO hin hubatu:
Kan biyya alaa dubbatu:
Utuu biddeen ho’aa nyaatuu:
Maaf dhaqee qawwee hin baatuu?
Duulli akka afaanii hintaatu:
WBO siif haa dirmatu:
Waaqi garaa hin jabaatu.
WBOn Haa jabaatu
Gadaan Gadaa Bilisummaati !!!!!


Qopheessaan walaloo kanaa Raayyaa Abbaa Duraa(Lateo)
Amajjii 1, 2010

No comments: