January 05, 2010

Dhaamsa Waggaa Haaraa HD-GS-ABO

Dhaamsa Waggaa Haaraa HD-GS-ABO

Miseensota ABO, WBO fi Deggartoota ABO,

Hidhamtoota Oromoo cunqursaa fi dhiitamuu mirga namoomaa lammii keessan irra gahaa jiru saaxiluu fi mormuu irraa diinaan yakkamtanii mannen hidhaa diinaa keessatti hiraaraa jirtan,

Baqattoota Oromoo biyya keessan Oromiyaa keessaa nagaan jiraachuu dhorkamtanii ijibbaata mayii cunqursaa fi hiraar diinaa irraa biyyoota ollaatti baqattanii achittis dararama, ajjeechaa fi hidhaa akkasumas sodaa jala jiraattaii qabsootti jirtan;

Ummata Oromoo Bal’aa fi hawaasa Oromoo biyya alaa jirtan,

Hunda dura waggaan haaraan itti seennu 2010 kan injifanoo itti galmeessinu, bilisummaa itti gonfannu, bara gammachuu akka nuuf ta’u hawwa.

Bilisummaa wareegama itti baasaa jirrutti xumura gochuuf tattaaffii keenya kan kanaan duraan olitti akka cimsinu hiree kanaan yaadachiisa.

Akkuma hubatamu bilisummaa, injifannoo fi gammachuun barbaadnuu fi hawwinu wareegamaan argama. Qabsoo hadhaawaan dhugoomfama. Qabsoo Bilisummaa hangafoota keenyaan eegalame irratti cichanii finiinsuutu galii hawwinuun nu gaha. Dirqamni qabsoo ulfaataa kunis lammii Oromoo hunda ilaala. Kan lammii murtaawaatti dhiifamu miti.

Biyya keenya Oromiyaa uumaan badhaatuu irratti kan aangomee jiru, qabeenya biyya keenyaa irratti akka ofiif fedhanitti itti fayyadaman kanneen humnaan nurra qubatan tahuun dhugaa mul’ataa dha. Bakka fedhii ummataan alatti humnaan bulfamuun itti fufee jirutti nagaa fi guddinni, bilisummaa fi dimokraasiin lallabamu, bilisummaa fi dimokraasii ummataan hawwamu osoo hin taane, kan dharaa tahuu hundi keenya ifatti argaa waan jirruuf kan ibsa guddaa barbaadu miti. Badhaadhinaa fi guddinni kijibaa lallabamaa jiru ummata keenya deegsaa, biyya keenya gaaga’aa jira. Badhaadhinni fi guddinni dhugaan bilisummaa jalatti malee bittaa abbaa irrummaa fi sirna saaminsaa jalatti takkaa mirkanaa’ee hin beeku.

Diinni guyyuu maqaa dimokraasii, guddinaa fi badhaadhinaa kaasee guddina galmeessaa akka jirutti lallabuudhaan ummatoota Itophiyaa fi hawaasa addunyaa afanfajjeessuu barbaada. Guddinnii fi badhaadhinni ummatootatti himamaa jiru ummatoota wayyaba kan ilaalu akka hin tahiin gaaga’amaa fi miidhama dhaqqabaa jiru irraa hubatuun hin ulfaatu. Har’a maqaa “investment” jedhuun Oromoon waggootii kudha saddettan darban kana lafa isaa saamamaa jira. Albuudi dachii Oromiyaa keessaa bahaa jiru abbootii qabeenyaa dhuunfaa fi mootummaa farra ummata Oromoo ta’eef oolfama malee guddina naannoo fi biyyaaf homaatuu gumaachaa hin jiru. Kanneen dafanii duroomuu fi saamiinsa irratti bobba’aniin dachiin Oromiyaa keemikaalaan faalamaa, bishaan summa’aa jira. Kanneen fayyaa ummataa fi eegumsa naannoof dantaa fi ilaalcha hin qabneen balaa dhaqqabaa jiruun lammiin Oromoo fi beeyladni isaa lubbuu dhabaa jiran.

Walii gala ummatni Oromoo bittaa abbaa irrummaa kana jalatti caalaatti hiyyoomfamaa fi saamamaa jira. Beela keessaa bahuu hin dandeenye. Dhukkubaan hubamaa jira. Qabeenya ummata Oromoon kan duroomaa fi badhaadhaa jiran diinaa fi abbootii qabeenyaa dhuunfaa dantaa ummata Oromoo hin tiksinee dha. Dimokraasii, guddinaa fi misooma jedhamee kan fardeeffamee lallabamaa jiru haqa ifatti mul’atu kana golguuf akka tahe dagatuu hin qabnu.

Saaminsa daangaan alaa fi hiyyummaa babal’ataa jiru kanatti dabalee ummatni keenya harqoota gabrummaa jalatti humnaan ittifamuun jireenya gaddaa akka geggeesu isa dirqee jira. Abbootii fi haawwan yakkaan alatti ilmaan isaanii mana hidhaatti jalaa guuraman. Qe’ee itti dhalatanii fi biyya isaanii irraa baqatanii biyya alagaa keessa baqattummaan jiraachuuf dirqaman. Dhugaa mul’ataa kana ololaan golguuf Wayyaanee fi tajaajiltootni sirnichaa dhara dhugaa fakkeessanii dhiheessan. Ummata keenya bittaa abbaa irrummaa jalatti dhama’aa jiruun bilisoomte ittiin jedhan. Hiyyummaan irratti dagaagee beelaan osoo hubamaa jiruu misooma siif argamsiifne jechuun himatan. Qe’ee Oromoo keessa gaddi babalatuun osoo mul’atuu gammachuun jiraataa akka jirutti dhiheessan.

Diinnni keenya rakkoo siyaasaa biyyattii huudhee jiru karaa nagaa furuuf yeroon itti qophii tahee dhihaate hin mul’anne. Har’as taanaan furmaata nagaaf qophii miti. Sirnichi furmaata nagaa ummata Oromoo qofa osoo hin taane, kan saboota kaanii fi naannichaa dabalatee furmaata nagaa diduun lolaa fi jeequmsa siyaasaan gooluu itti fufuu akeeka godhate. Kanaan akeekaa fi hawwii isaa kan ol’aantummaa murna bicuu gad-dhaabuudhaan bittaa isaa dheereffatuu itti fufee jira. Sirna cunqursaa fi ol’aantummaa murna bicuu woggoota 19f biyya guutuu irratti aangome kana daranuu jabeessuuf bal’inaan hojjataa jira. Akkuma woggoota 19f mirgoota dimokraasii fi namoomaa dhiitaa jiraate, dhiitaa jiraatuuf murteeffateera.

Filmaatni fakkeessaa ji’oota muraasaan booda adeemsifamuuf jiru mala bittaa isaa ittiin dheereffatu keessaa tokko. Filmaatni ummatootni dhiibbaan alatti bilisa tahanii geggeessan Itophiyaa keessatti mul’atee hin beeku. Mootummaa TPLF/EPRDF jalattis filmaatni walabaa fi dimokraatawaa kan hin danda’amne tahuun irra deddeebi’ee mul’ateera. Ummatni kan barbaade filatuun aangoomsuu akka hin dandeenye filmaata kanaan dura geggeesse kan inni filatetti aangoo dabarsuu diduun mul’ifameera. Filmaata as adeemaa jiru kanas kanneen kanaan duraa irra yoo hammate malee kan adda taasisu hin jiru. Addummaan jiru waggaa shan itti aanuuf eenyu biyyattii dursuu akka qabu durfamee murteeffamee labsamuu isaa ti.

Miseensota WBO:

Diinni si dhabamsiisuuf duula wal irraa hin citne adeemsisu iyyuu gootummaan dura dhaabbatuudhaan kan hin dhabamne tahuu mirkaneessaafii jirta. Qabsoon itti jirtu qabsoo haqaa deggarsa ummata Oromoo guddeessa of cinaa qabu waan taheef yoomuu hin dhabamu. Dhugaan kun diina jalaa iyyuu dhokataa miti. Haa tahu malee dantaa fi bu’aa yeroon kanneen mo’ataman haqa haaluu waan filataniif, filmaatni hafe qabsoo finiinsuu qofa tahee argama. Kanaaf bilisummaa ummata keetiif wareega baraachisu baasuuf waadaa Heera dhaaba kee fi qabsoo ummata keef galte haaromsuun qabsoo itti jirtu finiinsi. Wareegama keetiin bilisummaa Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo dhugoomsi. Akkuma kanaan duraa murannoon diina dura dhaabbattee dantaa ummata kee tiksuuf qophii tahuu diinaaf mirkaneessite har’as irra deebi’ii mirkaneessi. Wareegamni baasaa jirtuu fi gootummaan agarsiiftu tarree gootota Oromoo si hiriirsa. Ummata Oromoo birattis abdii fi of irratti amantaa dagaagsa.

Miseensotaa fi deggertoota ABO:

Haalli naannoo keenyaa yeroo kamiiyyuu caalaa walxaxaa tahaa dhufuun dhokataa miti. Sababoota adda addaa fi dantaa irraa humnoota naannoo qofa osoo hin taane addunyaan osoo hin hafiin dhimma naannoo keessatti harka naqatuun bal’inaan mul’ataa jira. Haala addunyaa fi naannoo kanatti mul’ataa jiru irraa diinni mootummoota aangaawotatti maxxanee tajaajiluu murteeffatuun gargaarsa dinagdee, waraanaa fi tumsa diplomaasii hin tuffatamne irraa buufataa akka jiru dhokataa miti. Waan taheef kana irra aananii injifannoo galmeessuun sochii fi wareegama dachaa gaafata. Haala kamuu dhalataa ture jalatti kaayoo, kaayyoo naamusaaa, heeraa fi seeratti cichuu fi dhaaba kee ABO jabeessuudhaan rakkoo dhalate akka irra aanaa fi qabsoo dandamachiisaa turte ammas cichoomina kee agarsiisuun falmaa kee kan itti fuftu tahuun hin shakkisiisu.

Cichoominaa fi wareegama keetiin mirgootni hin tuffatamne akkuma galmeeffame fuula duras wareegama keetiin injifannoon cululuqaan ni galmeffama. Waan taheef haala jiru injifannee qabsoo keenya mo’insaan gudunfaa itti gochuuf murannoo irra caalaan akka kaanu dhaama. Namusa, seeraaf abboomamuu fi muratnoon dhugaaf dhabbatuun aadaa qabsawummaa dhaalmaan as gahe tikfatuun qabsoo kee finiinsuun dirqama si irraa eegamuu dha.

Ummata bal’aa Oromoo biyya keessaa:

Diinni yeroo ammaa mirgi ummata Oromoo aadaa ofii agarsiisuu fi afaan ofii dubbachuu qofa akka tahetti akka hubatamuu fi kanatti akka daangeffamu barbaada. Akeekni diinaa mirga bubuutuun si dagee akka ati siyaasaa fi diinagdeen humna taatee hin mul’anne hamilee fi onnee si keessatti doomsuu dha. Kanaaf lafa kee irraa si buqqisee dureeyyotaa fi waaheloota isaaf raabsa. Ati hiyyummaa irraa gara hiiyyummaatti dhiibamaa kanneen lafa irraa si ari’atan ammoo battalumatti duroomaa jiran. Warshaalee fi dhaabbattoota gara garaa Oromiyaa keessatti banamaa jiranis kan jireenyi kee ittiin wayyeessamu, ilmaan biyyaa jiruu dhablummaa keessaa baasan tahaa hin jiran. Kan ati itti waamamtuu fi barbaadamtu hojii humnaa fi gadoo humna kee itti saamamtutti tahuu si caalaatti kan hubatu hin jiru.

Kaleessa lafa kee qotatuun jireenya kee geggeeffataa turte lafti kee si irraa fudhatamuu irraa qaxaramaa abbootii qabeenyaa taatee gatii rakasaan humna kee gurguuruun alatti filmaata dhabdee jireenya gabbaarummaa keessatti hiraaraa jirta. Hojiillee gadi aantii akkasiitti qaxaramuufuu kan hiree argatan lakkoobsaan xiqqaa tahuufuu deeman. Kaan lafa isaa irraa humnaa fi shiraan arihatamee badheetti hafuuf deema.

Mootummaa murna bicuuf dhaabbatee fi abbaa irree jalatti mirgi dimokraasii dhugoomuu akka hin dandeenye hubatuu hin dhabdu. Mootummaan kun mirgi dimokraasii ummatootaa kabajame jedhee haa ololu malee, dhaaba siyaasaa kan barbaadde jalatti gurmaa’uu, hiriiruu fi deggeruu akka hin dandeenye keessa jiraatuun hubattee jirta. Nagaa amansiisaa hin jirre keessa jiraatuuf iyyuu jalee tahuuf gaafatamta. Mana kee keessaa baatee gabaa dhaqxee deebi’uuf waan shakkamtuuf galmaawuu fi gabaasuun dirqii tahaa dhufee jira. Fira kee mana kee bulchuuf gabaasaa guyyuu gaafatamaa jirta. Bilisa taatee yaada kee ibsatuun sitti dhiifamaa hin jiru. Cancala seeraan ukkaamsaa jalatti argamta.

Hundaan olitti ammoo mootummaan Wayyaanee diinummaa siif qabuun sababa gahaan alatti si hidhaa, si saamaa, lafa kee irraa si buqqaasaa akka jiru sitti himuun barbaachisaa hin tahu. Dimokraasiin dharaa lallabamaa jiru hanga sirni kun aangoo irra jirutti ni wayyaawa jedhamee hin eegamu. Ni wayyaawa jedhanii kan abdiin waggoota kudhanoota lamaaf dhihaatuuf eegaa turan iyyuu abdii irraa dhabanii qabsootti dacha’aa jiran. Kanaaf filmaanni hafee jiru qabsoo itti jirru jabeessuu fi finiinsuu waan taheef tokkummaa kee cimsachuu dhaan hawwii kee guuttatuuf ka’u dha! Qabsoon itti jirtu akkuma ummatoota cunqurfamoo biroo fayyadu, qobsoon ummatoota cunqurfamoo biroos faaydaa waan siif qabuuf hariiroo ummatoota cunqurfamoo waliinii jabeeffadhu.

Hawaasa Oromoo biyyoota alaa:

Qabsoon bilisummaa hangamuu dheeratu injifannoon akka qadaadamu shakkiin hin jiru. Hundaan olitti tokkummaa keenya cimsatuu fi qabsootti cichuun utubaa injifannoo ti. Dhimmoota fardii hin taane irratti yeroo ofii qisaasuun diinaaf malee qabsoof gumaacha homaatuu hin kennine. Kanaaf waan hunda irra qabsoof dursa kennuun dirqama lammummaa ti. Ummata kee hiraar dorgomaa hin qabne jalatti argamu of duratti ilaaluun gaafatamummaa si irra jiru bahuutu si irraa eegama. Lammii kee qabeenya isaa dhabaa jiru, biyya kee dantaa dhablootaan mancaafamee dhaloota itti aanu jireenya dhabsiisuuf deemu ilaaluun qabsoof dursa kennuutu dirqama. Balaan as adeemaa jiruu fi roorroon ummata keenya irra gahaa jiru of kenniinsaa fi hirmaatnaa keetiin kan hanqifamu tahuu hubadhu. Waan xixiqqoo keessaatti fuulleffatuu lagatuudhaan dhimmoota fardii irratti xiyyeeffadhu. Haala Oromummaa sharafu irraa of fageessi. Dantaa matayyaa fi bu’aa xixiqqoon sobamtee mooraa qabsoo butuchuu irraa of qusatuun waajiba. Akkuma kaleessa Oromummaa keetiin qabsoo bilisummaaf owwaataa turtetti bara haaraa seenaa jiru kana keessatti qabsoo bilisummaaf caalaatti owwaadhu. Owwaannaan qabsoof gootu bilisummaa fi kabajaa ummata kee argamsiisuu keessatti qooda ol aanaa qaba.

Ummatoota Cunqurfamoo Itoophiyaaf:

Hariiroon cunqurfamoota qabsoo irra jiran gidduu akka hawwamutti of mul’isuu hanqatuun diinaaf hiree argamsiisee bittaa isaa dheeressaa akka jiru hubatamaa dha. Haala cunqurfamoo gidduutti mul’ataa jiru kanaan kan hin gaabbine diina qofa. Yeroon amma keessa jirruu fi haalli mul’atu humnoonni mirga dimokraasii fi bilisummaaf qabsaawan hundi wal tumsuudhaan irree tokkoon sirna cunqursaa kana ummatoota irraa kaasuuf gamtaan qabsaawuu gaafata. Kanaaf ummatootni cunqurfamoo dhugaa kana hubatuun qabsoo gamtaa akka finiinsitan ABOn hiree kanaan dhaamsa isaa dabarsa. Gurmuun cunqurfamoo olola diinaan laaffatuun haa gahu! Olola diinaa umrii bittaa gabroomfataa dheeressuuf oofamu maseensuuf irree keenya tokkoomsuun waliin sosso’uun dhimma fardii fi yeroo ti.

Dhuma irratti naannoo keenyatti nagaa waaraa fi amansiisaa argamsiisuuf qoodni ummata Oromoo bakka ol’aanaa qaba. Ummanni Oromoo kana beekuudhaan jijjiirama ummatootaan hawwamuu fi dharra’amu argamsiisuudhaaf sosso’uun irraa eegama. Qabsoo ummatni Oromoo ABOn durfamee geggeessu Godinaa keenya jeequmsa keessaa baasuuf, lola hin barbaachifnee fi hin hawwamne irraa walaboomsuuf qooda ol aanaa waan qabuuf ummatni Oromoo qabsoo murannoon waliin akka finiinsinu maqaa ABO fi qabsaa’ota Oromoon waamicha dhiheessa.

Waggaan haraa waggaa bittaan abbaa irrummaa itti dhabamu, bilisummaa fi mirgi dimokraasii ummatootaa itti dhugoomu akka tahu ummata Oromoo fi ummatoota hundaaf hawwa.

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Hayyu Duree Gumii Sabaa ABO

Daawud Ibsaa

Seensa Bara 2010

No comments: