January 05, 2010

Gadadoo - Baqqattoota Oromoo biyyaa Maaltaa

Gadadoo - Baqqattoota Oromoo biyyaa Maaltaa

(Insarmuu, Muddee 2009)

Uummatni biyya isaarratti mirga abbaa biyyummaa hin qabatiin yeroo biyyaa bahu biyyaa ormaa kessattis kan isa eeggatu gadadoo, dararama, fi salphina qixaa hin qabne dha. Oromootni biyya Maalta keessa kooluu galtummaan qubatanii jirani haalli jiruu fi jireenyaa isaanii kan nama suukkaneessu dha. Jeechi ittiin ibsanuun danda’amu tu nama hanqaata. Ogeessichi hogabarruu obbo Boruu Barraaqaa Kitaaba Asasoomaa mataa dureen isaa Mudaamuddii jedhee haala jireenya baqatoota oromoo biyyaa Jaboutii keessaa fi deemsa Dooniin Galaana diimaa kutaanii gara Yamaniitti bifaa baqaatoonii Oromo fi Soomaleen ittin deeman barreessee kan Oromoota Maaltaa Qubataani jiran waliin wal fakkata.

Har’a Oromoota lakkoobsaan sagaltamii shanii hangaa Dhibbaa tu biyyaa Maaltaa keessa jiru. Gaaffiin dura sammuu namaa keessatti uumamu, Oromootni kuni eessaan goraanii biyya Maaltaa seenaan ka jeedhu dha. Hedduun isaanii uumuriin dhaan dardara yeroo tahan Fincila Diddaa Gabrummaa Baratootni Oromoo mirga Oromoof jeecha yeroo adda- addaatti kaassaa turan keessatti gaga’ama dhalateen kan biyya gadhisani dha. Kan isaan bahanis karaa Sudan, gammoojjii Sahaaraa keessa kutuun biyya Liibiyaa erga galanii booda Doonii gara biyyaa Ixaliyaa geessuun ka’anii kan caarran bubbee galaana Mediteeraniyaan Maltaatti isaan darbate dha.

Oromootni gola Oromiyaa adda- addaa keessaa midha’aa mootummaan abba irree irraan gahu jalaa lubbuu isaanii baafachuuf jeecha karaa dhiha Oromiyaa biyyaa ollaatti bahuuf hiree argatan tu har’a biyya Maalataa kessatti argamu. Karaa dhihaas, bahaas, kaabas tahee kibbaa karaan baqqatummaa maarti hadhooftuu fi dheertuu dha. Oroomtni karaa dhihaa dangaa Oromiyaa gadhiisanii biyyaa halagaa seenan maarti jalqaba karaa Kurmuu ykn Giizan dangaa Sudaan seenuu. Kurmuu fi Giizan irraa Dabaaziin seenuu. Dabaaziin irraa magaala Gudditti Sudaan Kahrtoumiin seenuu. Erga Kahrtoumiin seenan haalli hariiroo Ityophiyaa fi Sudaan guyyaa irraa garaa guyyaatti tilmaamuu kan danda’u waan hin taneef jecha biyya kana keessa turuun amansiisaa miti.. Kanaaf jeechaa Kahartoum irraa guyyaa 27 gammoojjii Sahaaraa keessaa deemuun gara Libyaatti qaxxamuruu.

Deemsa kana keessatti jalqabuuma irratti sakkataa TPLF gootuun sabaaba waraaqa eenyuuman qabamanii uttu dangaa Ityophiyaa keessaa hin bahiin qabamanii hidhaa, reebitii fi daraarama TPLF irran geessituun kan biyyaatti balaarra bu’an yeroo tahuu. Dangaa Ityophiyaa fi Sudaan irraa hanga Magaalaa Kahartoumiitti bulti 15 deemsaa tahu keessatti dadhabuun kan dhibamaan marsaa lamaffaa yeroo tahuu Marsaa sadeeffa Magaala Sudaan keessatti of jiraachisuuf hujii hujeetan keessaatti balaan hammana hin jeedhamnee tu irra ga’a. Kana jalaa baaqa gammoojjii Saharaa keessaa bultii 27 oliif erga deemamee booda namnii luubuu dheeratee biyya Libiyaa galaa.

Daangaa Libiyaa akka seenaanii naannoo Kufuraa (kufuraa detention center) jedhamuutti mana hidhaa seenu. Mana hidhaa kana keessa qoormaatni adda-addaa erga irratti tahee booda yeroo gadhifaman magaala Banqazii galuun jiruu fi jireenyaaf bakka dalagaa argaachuu danda’anitti gara Magaalaa Tiriipoolii akkaataa itti seenaan fala dhachuun Tiriipolii seenuu. Magaalli Tiriipoolii akkumma Khartoum amansiisa miti. Kanaafuu gama tokkoon hojjetanii of jiraachissaa gama biraan mallaaqa kufachuudhaan akkataa garaa Awuroppatti cehamu anjeeffachu tu eegalaama. Tiriiploolii irraa gara Maltaatti ykn Xaliyaaniitti guyyaa shanii hanga kudhaanii Doonii xixxiqaan deemuu. Deemsa kanafiis yoo xiqqatee Doolaara $3000 kan Tiriipooliitti hojeetamee kufatamee kafaluun hangaa lakkobsii nama waliitti kuufamee Doonii tokko gutaamuuttii mana dhoksaa tahee tokko keessatti dhalaa fi dhiirii walirraa ciisaa guyyaatti Daabboo tokko argachaa walaaka baatii hangaa baatii sadhii jiraachuun dirqama dha. Gafaa guyyaan xumuraa gahee Doonii koru/yaabbatuu, yeroo heedduu akka himaamuttii Dooniin humnaa ol wan itti fe’amuuf uttu bakka yaadamee hin gahiin Galaana Miditeraniyaan keessatti dho’huun lubuu nama meeqa galaaffata. Waliigala kan carraa gaarii argate “Siciliy-Italy” kan carraa gaarii dhaabe Maltaa kan itti hammaatee Dooniin namani itti fe’amee humnaa ol itti taanaan bishaan galchee irbaata naachaa tahuu lakkobsaan heedduu tahuu ni himama.

Kan carran yeroo Maaltaatti siiquu galanaatti darbataamee harkaa Dangaa eegdootaa biyyaa Maaltaa galeetu gara Dtention centre Maaltaattii dhufee gala jeecha dha.

Biyyaa Malta

Biyyii Maaltaa galaana Mediterranean keessatti kan argamtu marsaa lafaa bishaan keessaati. Rupblik of Maltaan lafa galaana keessa(island archiplago) shan irra kan ijaramte dha. Isaanis Gozo, Comino, St. Paul, Filfla fi Maalta dha. Keeyyatni lafaa (strategic location) biyyaa kanaa Awuroppaa, Afrikaa fi gidduu Galeessa bahaa gidduutti wan argamtuuf motuumootii aangawaa adunyaa kanaaf wan qalbii haattu wan taateef lafa xiqqoo kanaa qabachuuf seenaa adunyaa kanaa keessatti humnootiin ka’an maartii uttu achi irratti wal falmii hin godhiin hafaan hin beekan. Phoenicians, Romans, Arabs, Angevins, Aragonese, Knights of Saint John, Weeraara Napoleon, British, Nazi Jarmani Fashist Ixalii. Maaltaan walaabummaa ishee harkaa Koloneeffataa British irraa kan labsate Fulbaana bara 1964 dha. Akkumma mootumoonii angawwaa irratti walloolaa turanis xumura loola qabanawwaaf bara 1989 keessa Prezeedantiin USA George H.W Bush fi Kan Tokkummaa Soovyeet Mikahel Gorbachov jalqabaaf kan qaaman walarguun kan wal malateessan Maaltaatti ture. Maaltaan Walaabummaa ishe booda miseensaa Tokkummaa biyyooleessaa yeroo taatuu kan isheen Miseensa Tokkummaa Awuroppaa taatee Caamsa 2004 yeroo tahuu Mallaaqa Eurootti Amajii 2008 eegaltee fayadamuu jalqabde. Waligala heeddumtni ummataa maaltaa Walakkaa Miliyoonaa(0.4Mi) yeroo tahu Magalaa ishee guddittiin Valettaa keessaa 7200 jiraata, Bali’nii lafaa Maaltaa 316 sq.km dha. Adunyaa irratti “the third densly populated” taatee beekkamtii Uummatni biyyaa sanaa dhibbaa keessaa harkaa sgaltaamii jahaa(96%) catholic yeroo tahuu kan hafee protestant fi Mosleema. Teessummaa mana marii Awuroppaa keessatti nama shan Gumii keessatti sadhii qabdi.
Haala Baqatootaa Oromoo Biyya Maaltaa keessaa

Oromooni dachee biyya abbaa isaanii gabbataa fi bal’aa gadhiissanii gidiraa meeqaa booda har’aa biyya Maaltaa gahan haala heedduu nama yaddeessuu keessa jiru. Biyya Maaltaa irraa akka hin deemneef dhimma baqqatummaa isaanii “Commissioner for refugees” harkaatti kufiissee jira, akka Maaltaa keessaa hin jiraneef namnii Maaltaa gurrachaa Afrikaa arguu hin feedhu, akka biyyaatti hin deebineef silaafuu du’aa lubbuu bafaachuu tu bakka kanaa isaan fide. Furmaata abdii malee kan qabataama tahee tokko harkaa dhaabuu kanaa tu yaaddoo guddaa tahee birmaannoo hawaasa Oromoo biyyaa alaa gafaataa jiru. Jalqaba Daangaa eegdotiin Maaltaa akka baqatoota oromoo kana qabaniin hanga dubbeen isaanii qorataamuutti jeechuun waggaa tokkoo fi walaaka(baatii 18) Manaa hidhaa (detention cntre) Alfarree tokkoffaa ykn lamaffaa (free camp) turuu. Bakki kuni jireenyi isaa Dunkaanaa(tent) tokko keessaa nama 25 ol tu waliin jiraatu. Dunkaanii kunis cisiichaaf, nyaataf akkasumaas nyaata hojeetachuufis dhimma itti bahu. Ganna diilaali, boonaa o’ii nagaa nama hin kennu. Bakka kana irraa kan yeroo dheerinaa booda bakka Marsaa jedhaamuutti warri carraa gaarii argataan ergaamuu. Oromoota jiran kana keessaa dhimmi himatnaa/hirkaannoo isaanii kan fudhataama argatee jiruu nama lama qofa dha. Kanaafuu Hawaasa Oromoo biyyaa ambaa irraa birmanoon Oromoota biyya Maalta jiraniif gaaffii belbeeltuu tahuu wal nama hin gafachiisu. Birmanoon kunis gama tokkoon “Sponsor” barbaaduu gama biraan ammo Wajiraalee dhimmi ilaaluutti iyyaata barreessun gargaarsa gudda dha.

Karaa biraa furmaatni waliigalaa diina biyya keenya keessatti mirga jireenyaa nu sarbee qeyee irraa nu buqqisaa jiruu hundee isaa irraa of irraa buqisuuf tokkummaa fi muraannoon qabsa’uu dha.

5 comments:

Anonymous said...

I'm not sure exactly why but this weblog is loading very slow for me. Is anyone else having this issue or is it a issue on my end? I'll check back later on and see if the problem still exists.


my website - advertising campaign

Anonymous said...

Thank you for some other wonderful article. The place else may anyone get that kind of info in such an ideal manner of writing?
I've a presentation next week, and I'm at
the look for such info.

Look at my website ... advertising agency

Anonymous said...

Today, I went to the beach with my children.

I found a sea shell and gave it to my 4 year old daughter and said "You can hear the ocean if you put this to your ear." She placed
the shell to her ear and screamed. There was a hermit crab inside and
it pinched her ear. She never wants to go back!
LoL I know this is entirely off topic but I had to tell someone!



Take a look at my homepage ... tools

Anonymous said...

I used to be suggested this website through my cousin.

I am no longer positive whether this submit is written
via him as nobody else recognize such special about my
trouble. You are incredible! Thanks!

Look at my webpage drug lawyer

Anonymous said...

This website truly has all of the information I wanted concerning
this subject and didn't know who to ask.

My web blog: Bench Craft Company advertising goods for sale